#MISIRAACHOO🎤🎤
Luq 2:10-11
¹⁰ Ergamichi garuu, "Hin sodaatinaa! Kunoo, ani misraachoo gammachuu guddaa isinittan hima'o, kunis saba hundumaaf kan ta'uu dha. ¹¹ Har'a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha.
Misiraachoo yookiin sagalee misiraachoo jechuun maal jechuudha?
Misiraachoo jechuun waan kanaan dura dhaga'amee hinbeekne, dubbii haaraa fi nama gammachiisu namatti himamu jechuudha. Misiraachoon akkaataa itti himamu qaba. Nama itti himamus qaba. Misiraachoon biyya ilaallatu jalqaba bulchaa biyyaatti yookiin biyya sana keessatti nama dhageettii guddaa qaba jedhamee yaadamutti himama. Misiraachoon namoota gurguddaa ilaallatu namootuma gurguddaa sanatti himama. Misiraachoon nuuf dhufe garuu sanarraa addadha.
Misiraachoon guddichi nuti qabnu wangeela. Wangeelli sagalee misiraachooti. Sagaleen Misiraachoo inni wangeelli dubbatu immo kiristoos goofticha. Misiraachoon kun kan saba hundumaa biyya lafaa kanarra jiraataniiti. Kan adda isa godhu garuu iddo inni itti argamee fi namoota inni jalqaba itti dubbatameedha.
Misiraachoon guutummaa biyya lafaatiif dhufe kun mandara xiqqoo fi tuffatamtuu wanti gaariin keessaa ba'a jedhamee hin yaadamne keessatti argame. Isarrayyuu darbeemmoo namoota akka yaada namaatti wayitti hingallee fi dubbiin isaanii fudhatama hinqabne tiksootatti dubbatame. Saba sana keessatti tiksituun mana murtiillee yoo deeman ragaa ta'uu hindanda'an. Sababni isaa Jechi isaanii fudhatama hinqabu. Garuu misiraachoon guddaan kun jalqaba warra tuffatamoo fi qooda gaarii namootaa keessaa hinqabnetti dubbatame. Ergamaan yeroo isaanitti mul'ate akka isaan sodaatan argee; ''Hin sodaatinaa! Misiraachoo gammachuu guddaa isinittan hima, kunis saba hundumaaf kan ta'uudha'' isaaniin jedhe.
Guyyaan misiraachoo kun guyyaa waaqayyo uumamuu waaqaa fi lafaa dura murteessee kaa'e ture.
Gal 4:4-5
⁴ Barri murameef sun yeroo guutetti garuu, Waaqayyo ilma isaa erge; innis yeroo ergame dubartii irraa dhalatee, seera jala galfame. ⁵ Inni warra seera jala jiran furuudhaaf, nuyis ilmaan Waaqayyoo taanee akka guddifamnuuf kana godhe.
Karaa raajicha mikiyaas immoo mandara ishee xinnoodha jedhamte kana keessaa mootiin akka ba'u dubbatamee ture.
Mik 5:2 “Ati immoo yaa mandara Betlihem-Efraataa, mandaroota Yihudaa warra gurguddoota keessaa ati ishee xinnoo dha; Israa'elin kan mo'u tokko si keessaa anaaf in ba'a; hundeen isa si keessaa ba'uuf jiruus kan bara durii durii bara baraa ti.”
Yesuus erga gara biyya lafaa kana dhufee gara namoota namni maqaa itti baasee isaanirraa goreetti goruu jaallate.
Mat 9:9-13
⁹ Yesus achii ka'ee utuu darbuu, nama Maatewos jedhamu tokko, utuu inni iddoo qaraxaa taa'uu argee, "Na duukaa bu'i!" jedheen. Maatewos yommus ka'ee, duukaa in bu'e. ¹⁰ Kana booddee immoo Yesus mana namichaatti maaddiitti taa'e; kunoos qaraxxoonnii fi warri akka seeraatti hin jiraanne baay'een dhufanii Yesusii fi bartoota isaa wajjin maaddiitti taa'an. ¹¹ Warri Fariisotaa garuu kana yommuu argan bartoota isaatiin, "Maaliif barsiisaan keessan warra qaraxxuudhaa fi warra akka seeraatti hin jiraannee wajjin nyaata?" jedhan. ¹² Yesus garuu kana yommuu dhaga'e, "Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada malee; ¹³ inni 'Gara-laafinan barbaada malee aarsaa miti' jedhu maalitti akka hiikamu dhaqaa baraa! Anoo warra gara-qajeelota waamuu hin dhufne, warra cubbamoota waamuufan dhufe malee" jedhe.
Misiraachoon guddaan gara biyya lafaa dhufe kun egaa misiraachoo fayyina keenyaati. Yesuus inni nuuf dhalate kun fayyisaadha, oolchaadha, gargaaraadhas. Warra cubbamootas karaa du'aarraa deebisee gara jireenyaatti fiduudhaaf amanamaadha.
Hallelujah 🙌 Praise God 🙏
Durri Kun kan mo'ichaati sagaleen kiraaraaf weedduu haa dhaga'amu....