#INTALATTII
#Reposted
Guyyoota keessaa guyyaa tokko intalli kophaa ishee jiraattu tokko raftee siree ishee irraa yeroo kaatu bukkee ishee kan jiru; komadiinoo irra kan taa'e poostaa argite. Sa'aatiima sana poostaa sana banuun jechoota gabaabdu waraqaa xiqqoo irratti kan baroofte argite. poostichi akkas jedha; " Har'a keessummaa irbaataaf mana kee waanan dhufuuf qophaa'ii na eegi!" jedha. Jala isaatti ergaan... bakka jedhutti " Waaqayyoo " jedhamee barreffameera. Intalli in naate.
Garuu booda erga tasgabboftee booda qarshii qabdu hunda oliif gadi fiiguun keessummaaf kan ta'u kan nyaatamuu fi dhugamu bituuf manaa baate.
Gabaa ooltee affeerraa irbaataaf kan ta'an bittee gara manaatti otuu deebituu karaa irratti mucaa nyaata dhabee beela'e tokko; daabboo qabatte akka isaaf laattuf ishee kadhate. Daabboo kan bitte mana keetti keessummaa dha kan jedhe Waaqayyoof dha. Kanaafuu mucaa kanaaf yoo laatte, galgala Waaqa isheef kan dhiyeesitu dhabuu isheeti. Xiqqoo erga dhowwachuuf jettee booda mucaa beela'e sanaaf daabboo laatteefi.
Ammas erga xiqqoo deemtee jaarsii dulloommaa tokko " mucaa koo nan dheebodhe. Adaraa na bira hin darbiin "jechaa ishee kadhate. Ammas dhowwachuuf jettee lallaafaa bitte jaarsa dheebote sanaaf laatte.
Amma nyaataa fi dhugaatii bitte warreen rakkataniif laattee waan harkaa dhumeef qarshii hafeetiin waan xiqqoo bituuf gara suuqiitti yeroo imaltu rakkataan tokko "Nan beela'e" jedhee otuu kadhatuu argiti. Ammas garaa jabaachuu dadhabdee qarshii sana laattefi.
Dhuma irratti Waaqa ishee maal akka nyaachiftu fi Obaastu yaadaa gara mana isheetti otuu deemtuu jaartiin baay'ee dullomte uffanni ishee ciccitee dibaabee keessa darbee aduu qaama ishee gubu tokko argite. Yeruuma sana Shuurraaba ishee baaftee itti uffiste.
Xumura irratti Waaqayyoo mana ishee dhufe. Homaayyuu waan hin qopheesineef in naate. " Yaa gooftaa dhiifama waan nyaatamu fi waan dhugamu hin qopheesine " jette. Waaqayyoos; " ihii na nyaachifteetta, na obaasteettam " ittin jedha. lntallis; " yooman si argee si nyaachise? si obaasee? jette. Waaqayyoo; " guyyaa na nyaachiftee na obaastee daara kan na baaste anaani dha " ittin jedhe.
Beela'een ture, nyaata anaaf kennitaniittu, dheebodheen ture, dheebuu na baaftaniittu; orman ture, akka nama keessaniitti na simataniittu. Qullaa koo ta'een ture,daara na baaftaniittu; dhukkubsadheen ture, na gaafataniittu; hidhameen ture gara koo dhuftaniittu. ☞ Mat. 25:35-36
Singer Megertu Official