#Mee_Daqiiqaa_3_Dubbisii_Obboleessa_koo
Akkataa Ergamoonni Kiristoos itti Wareegaman
=====================================
1. Simon Pheexroos (Simon Peter)
Raagessi waldaa kiristaanaa durii akka addeesutti Pheexros kan ajjeefame biyya Roomaa bara 64 AD ajaja mootii Neerootiini. Kitaabni " Acts of Peter", jaarraa 2ffaa keessa barreeffame, yoo ibsu Simoon Pheexiroos fannoo irratti gadi garagalfamee fannifame. Inni anaan akka gooftaa koo Yesus Kiristoos asi ol garagalchitanii na fannisuun kabajaa naaf hin laatinaa waan jedheef akkasitti isa fannisan. Sagalichi inni "Dhuguma, dhuguman siin jedha, ati dargaggeessa yommuu turte ofuma keetiin mudhii kee hidhattee, gara jaallatte in dhaqxa turte; yommuu dulloomtu garuu ati harka kee in diriirsita, kan biraas mudhii kee si hidha, fuudhees gara ati hin jaallannetti si geessa". Kanas Phexros du'a maaliitiin Waaqayyoof ulfina kennuuf akka jiru mul'isuuf dubbate...(Yoh 21: 18-19) jedhus in raawwatame. Loltoonni Roomaa yeroo sanaa kallattii barbaadaniin nama fannisanii warra dhipina namootaatti of bashannansiisan, hamoota turan.
2. Yaaqob(James, the brother of John)
Ergamoota Kiristoos keessa dursa kan ajjeefame Yaaqobidha. Yaaqob immoo obboleessa Yohannis ture. Mootiin Herodiis yeroo sanatti kiristaanota dadadhabsiisuuf obboloota bu'aa waldaa kiristaanaa ta'anirra ciqilee dhaabbate. Yihudoota gammachiisuuf jecha Yaaqob billaadhaan morma irraa kuchisiise (HoE 12:1-3). Akka qorattoonni macaafaa dubbatanitti Yaaqob bara 44 AD Yerusaalemitti ajjeefame. Ergamaa xoofoo Kiristoos dhuge keessa hirmaate bartuu jalqabaas ta'e.
Jaarraa 4ffaa keessa, Yusibiyaas Qisaariyichi yaada Kilimeent Aleksaandiriyaa wabeeffattee akka katabetti, loltuun Yaaqobiin qabee gara gurguddoota biyyaatti dhiyeesse dhuga ba'umsa Yaaqob waa'ee Kiristoosiif dubbate dhaga'ee bo'aa "anis Kiristaana" jedhee isaanitti hime. Jarrimmoo Yaaqobii fi lolticha qophaatti isaan baasani. Loltichis Yaaqobiin " Dhiifama naaf godhi" jedhee isa gaafate. Yaaqobis xiqqoo itti yaadee " Ofitti qabee isa dhungatee, nagaan siif hawwa" jedheen. Lamaan isaanis bakkuma tokkotti ajjeefaman.
3. Toomas: Kiristaanonni Sooriyaa durii akka himanitti ergamaan Toomas biyya Hindii bakka Mylapore jedhamutti du'e. Toomas Adoleessa 3 bara 72 ADtti eeboon waraanamee(stabbed with spears) boqote.
Hubachiisa: Wareegama ergamootaa ilaalchisee ragaan kallattiin Macaafa Qulqulluu keessatti katabame kan Yaaqobii fi Yihudaa nama biyya Keeriyot qofadha. Kaan qorannaa beektoota macaafa qulqulluun itti amanamee yaada fudhatamedha.
Kanarraa maal barannaa? Wangeelli dhiigaan dhufe. Isaan ulfinasaanii lafa kaa'anii Kiristoos lallabuuf jecha lubbuu qaban tokkitti wareegan. Yaadadhaa! Peexiroos akka Yesusitti na fannisuun anaaf hin ta'u, gadi garalchaa na fannisaa jedhe. Ergamoonni gooftichaaf akkas ulfina kennu erga ta'ee, bara keenyaa maaliif Waaqayyo hamma raajotaa ulfina dhabe? Sagaleen Waaqayyoo hamma suura raajotaa maaliif kabaja dhabe? Ulfinni Waaqayyoof qabnu kan namaarra gadi akkamitti ta'e? Maaliif hundumtuu maqaa Yesus irratti caalbasii baafate? Maaliif dhaloota ulfina Waaqayyoo saamu taane? Of haa gaafannu. Deebi'uu nu barbachisa!