🖥 Garaan isaanii Qullaa'aa Warra Ta'eef
🗣️ "Waaqayyo saba Israa'eliif, warra garaan isaanii qullaa'aa ta'eef dhuguma gaarii dha!”
Faarfannaa 73:1
"Obboleessa ofii isaa butee birrii miliyoona tokko gaafate" oduu jedhu dhiheenya kana dubbiseera. Guddinni namummaa keenyaa hanga kana gadi bu'uun isaa baay'ee na gaddisiise. Obbolummaan, tokkummaa dhiigaan hidhamee fi kan hin diigamne ta’us, wanti akka diinummaa irratti moo’ee arguun garaa nama nyaatu hin jiru.
Bara kana keessa namoonni "billaa lama qabatanii nyaatan" tokko lama miti. Gaafa nu waliin jiran lubbuu isaanii akka hin qusanne, arraba nama hin miinen nutti kuulu. Garuu nu duubaan dhokatanii boolla, qilillee nu balleessuuf qotu. Namoonni akkasii garaan isaanii hammeenyaan guutameera. Wanti isaan yaadan hundi akka isaan ol kaasu barbaadu. Yoo kun ta'uu baatee fi gufuu isaanitti fakkaannee yoo mul'anne immoo, ilkaan isaaniin kolfaa keessa isaaniitti nu awwaalu.
Gariin immoo jiru. Warreen ilmaan namaaf waan gaarii yaaduu fi hojjechuu irraa of hin qusanne. Namoonni kun gammachuu ofii caalaa gammachuu namoota birootiif fedhii guddaa qabu. Allii fi keessi isaanii sirriitti wal fakkaata. Garaan isaanii cabbii caalaa qulqulluudha. Uuuu! Maaloo! Eebba akkamiiti!!!!! Waaqayyo namoota akka kanaa barbaada. "Waaqayyo saba Israa'eliif, warra garaan isaanii qullaa'aa ta'eef dhuguma gaarii dha!” (Far. 73:1) Warri garaa isaanii hamaa irraa garagalchan Waaqayyo biratti jaallatamoodha. Waaqayyo inni gaarii ta’e, gaarummaa isaa daangaa malee kennuudhaan isaan ol kaasa.
🗣️ Kadhannaa: Yaa Waaqayyo ati gaarii waan taateef sin galateeffadha. Gaaffii koo qabadheen si duratti dhufa. Abbaa koo garaa qajeelaa naaf kenni! Ameen.
💬 Buddeena jireenyaa ~ #BJ
📱 Singer Megertu official