"Dubartii Gammachuu Dhabde"
Dubartiin soorettiin kun seenaa kana gaafa dhageessu baay'ee boosse.
Isheen waan qarshiin bituu danda'u hunda isaa qabdi turte, garuu wantoota maallaqni gonkumaa bituu hin dandeenye immoo dhabdeetti. Bareedinni jireenyaa hammam akka ati gammaddu si taasisa utuu hin taane, namoonni biroo sababa keetiin hammam akka gammadantu gammachuu siif kenna.
💢 Gammachuun bakka ati qaqqabde miti.
💢 Gamnachuu Imala (journey) mataa isaa qaba.
💢 Gammachuun waan gara fuulduraatti argamu tahuu dhiisuu danda'a.
💢 Gammachuun Yeroo waanuma amma raawwachuu dandeenyu faa keessa jira.
💢 Gammachuun waan eegdu qofas miti.
💢 Gammachuun Filannoo ati gootuudha.
💢 Gammachuun waan qabdu miti. Waa’ee eenyummaa kee ti."
:¨·.·¨: 💖
`·. Love Message ✉️
Dubartii bareedduun uffata qaalii uffattu tokko gara ogeessa sammuu ishee(her psychiatrist )deemti turte. Dubartiin kun, dubartii baay'ee gadditee fi jireenyi ishee jireenya hiika harkatti dhabe tokko turte. Ogeessi fayyaa sammuu ishee (her psychiatrist ) "Ati dubartii Maariyaam jedhamtu tokko seenaa ishee akka dhaggeeffattu nan barbaada ittiin jedha ture. Isheen Akkamitti gammachuu akka argatte sirriitti sitti himti" jedheen. Sana booda, dubartii dulloomtuu waajjira tokko keessaa qulqulleessitu tokkotti bilbilee seenaa ishee akka qoodduuf gaafata.
Maariyaam mi'a ittiin qulqulleessitu sana lafa kaa'attee teessoo irra teessee akkas jechuun seenaa ishee qooduufii jalqabdi:
"Abbaan manaa koo dhukkuba kaansariin du'e. Ji'a sadii booda ilmi koo tokkichi konkolaataan rukutee du'e. Nama naaf hafe tokko illee hin qabu ture. Homaa hin qabu. Hirriba waan jedhamu argachuu hin dandeenye,nyaata tokko illee nyaachuu hin dandeenye, kolfees hin beeku. Jireenyi koo akkamitti akka inni xumuramu illee itti na yaachisa ture." Galgala tokko, saree xiqqoon tokko hojii irraa gara manaatti yeroon galuu na hordoftee deemti turte. Ala qorri cimaan waan tureef, baay'ee na gaddisiiste. Kanaaf, Ol galchee aannan kenneef. Sarettiin aanan sana hunda isaa dhugdee, achiis booda miila koo arraabuu eegalte. Ji'oota baay'ee booda yeroo jalqabaatiif, gaafan saree xiqqoo sana gargaaren, kolfuu danda'e.
Halkan sana, yaada tokkon yaaduu jalqabe , yoo saree xiqqoo tokko gargaaruun hamma kana nama kolfisiisuu danda'a ta'eetii, tarii namoota gargaaruu amaleeffachuun immoo akkam nama gammachiisuu danda'a na jechisiise. Guyyaa itti aanutti biskutii tokko tolchee, ollaa kootii warra dhukkubsate tokkoof kenne. Sana booda guyyaa hunda nama tokkoof waan gaarii hojjechuuf yaalii taasisuun jalqabe. Yeroo isaan gammadan gaafan argu anaanis na gammachiisa ture. Amma, nama kam iyyuu caalaa, nama ani beeku hunda caalaas hirriba nagaa qabu, hirriba addaan rafa. Namoota biroo gammachisuun, gammachuu safara hin qabne argadheera." Jechuun dubartii dulloomtuun, Maariyaam jedhamtu kun seenaa ishee Doctor sanaa fi dubartii dureettii sanaaf qoodde.