🇷 🇴 🇧 🇪 🇷 🇦 . 𝗠 ✝️
Репост из: God's Word Presence! [GWP-MEDIA]📺
😱YESUUS KIRISTOOS WAAQA TA'UU ISAA DUBBATEERAA?
Kutaa 9ffaa (Isa Xumura)
(https://ewnetlehulu.net/or/yesuus-rabbi/)
________________________________________
Ergamoonni Waa'ee Isaa Maal Jedhan?
📍Ergamtoonni Yesuus isa waliin jiraachuu isaaniin waa’ee maalummaa isaatii eenyu iyyuu caalaa ni beeku. Kanaafuu dhuga-ba’umsi isaanii Waaqummaa Yesusiif ragaa guddaa dha. Namoonni qulqullooti kun waa’ee waaqummaa isaa kan dubbatan itti fufuun haa ilaallu.
⭐️Simon Phexros
💡“Ani Simoon Phexros, Yesus Kristosiif hojjetaa, ergamaas ta’ee, warra karaa qajeelina Waaqayyo keenyaaf fayyisaa keenyaa Yesus Kristos amantii gati-jabeessa isuma nuyi arganne sana argataniif caafuu koo ti. Waaqayyoon, gooftaa keenya Yesusinis beekuu bira ga’uu keessaniin ayyaannii fi nagaan isiniif haa baay’atu” (2Phex. 1:1-2).
⭐️Yohannis ilma Zabdewos
💡“Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayo ture. Inni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture. Wanti hundinuus isumaan ta’e; waan ta’e keessaas isa malee kan ta’e tokko illee hin jiru” (Yoh. 1:1-3).
💡“Ilmi Waaqayyoo dhufee isa dhugaa sana baruudhaaf, hubannaa akka nuuf kenne nuyi in beekna. Nuyi isa dhugaa sana keessa, ilma isaa Yesus Kristos keessas in jiraanna; Waaqayyo inni dhugaan, jireenyi bara baraas isa kana” (1Yoh. 5:20).
⭐️Toomaas
💡“Toomaasis, “Gooftaa ko, Waaqayyo ko!” jedhee deebiseef. Yesus immoo, “Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam haa gammadan!”(Yoh. 20:28-29).
⭐️Phaawulos Qulqullicha
📍Gooftaa Yesuusiin kallattiin arguu isaatiin ergamtoota waliin hammuma tajaajileen dhuga-ba’umsi Ergamticha Phaawulos Qulqullichaa wanta akka salphaatti ilaalamu miti. Inni waa’ee Waaqummaa Yesuus maal jedhe?
💡“Abboonnni qomoo kan isaanii ti; akka firooma fooniittis Kristos qomoo isaanii keessaa dhalate. Waaqayyo inni hundumaa gararraa jiru bara baraan haa galateeffamu!Amen” (Rom. 9:5).
💡“Waaqayyo ayyaana isaa isa nama hundumaaf fayyina kennu mul’iseera. Ayyaanni Waaqayyoo kunis, nuyi Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuuf gorsee, gara gaariitti nu deebisa. Achumaanis abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deeb’ee mul’atu sanaa in eegganna. Inni mul’achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas.”(Tit.2:11-13).
📍Ragaawwan armaan oliin ibsaman erga dubbifatee booda Yesuus waa’ee Waaqummaa isaa dubbachuu fi Macaafni Qulqulluun Waaqummaa isaa mirkaneessuu isaa kan haalu namni garaa isaaf bulu jira kan jedhu yaada isaa hin qabnu.
🔺Kutaa darbe (8ffaa) Argachuuf
👉🏼https://t.me/Gosp22/1265
📅 Kutaa Walitti Fufaadhaan Barumsi Gabaabduun WAAQUMMAA KIRISTOOSIIN Bu'uura Godhatee Isiniif Dhi'aachaa Ture Asirratti Xumurameeera.
🔜 Yeroo Itti Aanutti Qo'annaa Wangeela Yohaannis Kutaa 6ffaa Kan Itti Fufnu ta'a!
Baay'ee Isin Jaallanna❣️!!
Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.
🔔GWP-Media
|| Sagalichi Jireenyadha!
📥Yaada fi Gaaffii Yoo Qabaattan Asirratti nu dubbisa
👉🏼@Believe_In_Christ79
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╗
https://t.me/Gosp22
https://t.me/Gosp22
https://t.me/Gosp22
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╝
♡ ㅤ ⎙ㅤ ⌲ 🔕 ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ