Akkam nagumaa?
Nagaadhaan turaa.
"Hojjattuu dhaabbata omisha foon dheedhii adunyaadhaaf dhiyeessu kutaa foon itti qorrisiifamu keessa dalagdu tokko ture. Obboleettiin kun guyyaa dhaabbaticha keessatti mindeeffamtee jalqabdee haguma guyyaan olee bulu yaada eegduu dhaabachichaa tokko keessa lixxe. Eegduun sun manguddoo; nama gorora liqimsani dha. Wanti akka maanguddoo sanaan jaalatamtu taasisu kan namni sun hojjaatoota dhaabbaticha keessa dalagan kumaan lakkaa'aman keessaa yeroo hundaa ishee irraa argu ganama yeroo hojii seentu "Akkam nagumaa?'' Jechuun nagaa isaan gaafatti galgala yeroo hojiidhaa baatu "Nagaan turaa." Jechuun nagaa dhaamtefii gara mana ishee deemti. Haala kanaan dhaabbaticha keessa waggootaaf hojjatte.
Guyyaa tokko ganama akkuma barame nama eegumsaan dhaabbaticha keessa tajaajilan kana nagaa hoo'aa gaafattee gara kutaa hojii isheetti lixxe. Akkuma sahaatii hojjatoti hojii irraa gara mana isaanitti galan gaheen hojjatootni kutaawwan garagaraa keessaa gara balbala alaatti bahuuf qajeelan. Hojjataan hundinuu dabareedhaan bahani. Namni dallicha keessatti hafe waan jiru miti. Garuu maanguddoon eegumsa irra jiraniif namni tokko hojii kan hin xumurin akka jirutti waan hubataniif balbala dhaabbichaa cufuu irraa of qusatanii sahaatii dheeraa erga turanii booda gara biiroo obboleettiin sun hojjattuutti miila isaanii fudhatan. Yeroo naannoo balbala kutaa isheen itti hojjattuu gahan sagalee gargaarsa barbaadu tokko dhagahan. Balballi kutaa isheen keessa hojjattuu hin cufamu yoo cufame immoo akka hin banamnetti cufama. Kutaa qorraa foon qorrisuuf itti tajaajilan keessa kutaawwan gara jidduu jiran keessa hojjatti.
Maarree, maanguddoo nagaan Waaqaa Obboleettii kana irraa guyyaa sanaaf utuu itti hin dhaamamamin hafe kun gargaarsaaf gara kutaa isheen hojjattu dhaabbatanii sagalee dhiphinaa dhagan yeroo utuu hin kennin gara kutaa sagaleen keessaa dhagahamutti fiiganii balbala cufame banan. Yeroo namni sun kutaa manichaatti ol lixan hammi qorra manichaa lubbuu nama sanaa baasuuf sekondiiwwan muraasa yeroo lakkaa'ametu hafa. Ta'us gargaarsa nama sanaan haala ishee miidhuf jira sana keessaa bahuu dandeesse."
Moral of a story:
✍Wanti kun waan xinnoodha, kun maal gatii baasa, hin barbaachisu jennu waan guddaa akka hojjachuu danda'u.
✍Gama biraatiin, barruu kana irraa kalattiin kan arginu hojii nagaa nama gaafachuun lubbuu baraarame dha. Nagaan namaaf akkasuma ofii keenyaaf yeroo dhaamnu nama biraa sanaaf akkasuma ofii keenyaaf hidhata jabaatu, wanta cabu/badu ni jira.
Nagaan bilisa dha. Waan bilisaa kana immoo bilisaan nama biraan gahuun waan akka dirqamaatti namni kamiyyuu qabu dha.
Nagaa guddaa qabaadhaa!
Coba Yaadaa 💧✍️