🩺
DHIBEE SUKKAARAAMAALLUMMAA DHIBEE SUKKAARAA ➪ Dhibeen sukkaaraa wayita hammi sukkaaraa dhiiga keessatti argamu yeroo dheeraaf hamma barbaachisuu (normal value) ol ta'uudha.
➪ Kunis sababa hormoniin insuliinii jedhamu sababa adda addaan xiqaachuu yookiin dalagaa isaa sirnaan hojjechuu dhabuun kan uumamudha.
➪ Insuliinin qaama rajijii jedhamu kan garaa keessatti argamuun oomishama.
➪ Dhibeen sukkaaraa nama kamiyyuu qabuu danda’a.
➪ Addunyaa kanarratti namoonni miliyoona 500 ol dhibee sukkaaraa kan qaban yoo ta'u, akka biyya keenyatti namoonni miliyoona 2 ol dhibee kana waliin jiraatu
➪ Dhibeen kun dafee yaala hin argatu taanan rakkoo adda addaa namarraan ga'a
Dhibeen sukkaaraa:
* Miidhama kalee sadarkaa dhumaa,
* Jaamina ijaa fi
* Muramuu miila fiduun sadarkaa 1ffaa irratti argama.
➪ Namoonni miliyoonan lakkaa'aman dhibee kanaa waggaa tokko keessatti lubbuu isaanii dhabu
➪ Namni tokko dhibee sukkaaraa qaba kan jedhamu osoo nyaata hin nyaatin(sa'aatii 8 oliif) hammi sukkaara isaa irra deddeebiin 126 mg/dl ol yoo ta'eedha.
GOSOOTA DHIBEE SUKKAARAA Dhibeen sukkaaraa gosoota gurguddoo 3 qaba,isaanis:
1. Dhibee sukkaaraa Gosa 1ffaa ( Type 1 diabetes mellitus )-Gosti kun sababa hir’ina hormoonii insuliinin kan dhufu yoo ta’u, namoota umuriin isaanii waggaa 30 gad ta’eeratti heddummata.
2. Dhibee sukkaaraa Gosa 2ffaa (Type 2 diabetes mellitus)-sirnaan hojjechuu dhabuu hormoonii insulinii (insulin resistance) fi hanga tokko hir’achuu hormonii kanan dhufa. Namoota dhibee sukkaraa qaban 90 - 95% gosa kanadha. Irra caalatti namoota waggaa 30 olii irratti argama.
3. Dhibee sukkaaraa yeroo ulfaa (Gestational diabetes)-Dhibee sukkaara yeroo ulfaa qofa argamuudha
MALLATTOOLEE DHIBEE SUKKAARAA ➪ Baay’ee dheebochuu ykn amma amma bishaan dhuguu
➪ Fincaan yeroo kaanirra dafee dafee nama qabuu
➪ Yeroo hedduu beela’uu
➪ Ulfaatinni qaamaa hir'isuu
➪ Dadhabbii qaamaa
➪ Madaan dafee fayyuu dhabuu
➪ Infeekshinii garagaraan deddeebi'anii qabamuu
➪ Qulleessanii arguu dadhabuu (namatti duumessaa'uu
XAXALEE DHIBEE SUKKAARAAN DHUFAN ➪Iddoo 2tti qoodamee ilaalamuu danda'a,isaanis
1. KAN YEROO GABAABATTI DHUFAN ➪ Sukkaarri baay’ee dabaluu
➪ Sukkaarri baayee gadi bu’uu
2. KAN TURTII DHEERAA BOODA DHUFAN 1. Dhibee kalee
2. Dhibee ijaa
3. Dhibee narvii
4. Dhibee onnee
5. Istrookii
6. Dhibee hidda dhiigaa
7. Dhibee garaachaa
8. Dhibee qaama wal hormaataa fi kan kana fakkaatan!
@Dhimma_Fayyaa 🩺