🩺 DAA’IMMANIIF JI’A MEEQAA EEGALLEE BISHAAN KENNUUFI QABNA?
Haati tokko daa’imashee hanga ji’a ja’aatti harma qofa kan hoosiftu yoo ta’e hangi bishaan aannan harma haadhaa keessa jiru daa’imman dheebuu baasuuf ga’aadha waan ta’eef bishaan kennuun hinbarbaachisu. Sababni isaas qabiyyeen aannan harma haadhaa 87% bishaan waan ta’eef achi keessaa ga’aa argatu (keessumaa aannan gara jalqabaa).
Ji’a ja’aa eegalee nyaata dabalataa waan eegalaniif bishaanis dhugsiisuu qabna. Yeroo bishaan kenninuuf xuuxxoon osoo hinta’iin siinii ykn burcuqqoon xiqqoo xiqqoo dhuguu eegaluun gaariidha.
GUYYAATTI HAGAM KENNUUFII QABNA?
*Ji’a ja’aa hanga waggaa tokkootti bishaan karaa harma haadhaa fi Nyaataa argataniin dabalata hanga 250ml( (walakkaa burcuqqoo kan hincaalle) dhuguu nidanda’u. Haa ta’u malee umurii waggaa tokkoo gadiitti guyyaatti si’a ja’aa fi isaa ol kan fincaa’an yoo ta’e hanga jedhame kanarra xiqqeessanii dhugsiisuun ni filatama.
*Waggaa tokkoo hanga waggaa lamaatti haala nyaata isaanii irratti hundaa’uun burcuqqoo tokkoo hanga afurii dhuguu ni danda’u.
*Waggaa lamaa hanga waggaa shaniitti burcuqqoo tokkoo hanga shanii dhuguu ni danda’u.
@Dhimma_Fayyaa 🩺