🤔 Okkotee Hurataa
Biyya Hindi keessaa namicha bishaan gatiittii isaa irrattii baatee deddeebisu tokko Okkoteewwan Bishaan ittiin gooftaa isaatiif deddeebisee guuru lama qaba ture. Okkoteewwan isaa keessaa inni tokko cabaa waan tureef ni dhimmisa, kanaafuu yeroo mana gahu hundumaa bishaan walakkaatu keesattii hafa, inni fayyaan garuu guutuu isaa fuudhee gala ture.
🔵 Guyyoota namichichi gooftaa isaaf bishaan waraabee geessuuf hundumaatti Okkoteen inni hurataan bishaan walakkaa qofa of keesatti qabata, inni fayyaan garuu guutuu of keesatti qabatee gara mana gooftaa isaattii dhufa ture. Sababa kanaafuu Okkoteen inni fayyaan hojii isaa kanaan baayyee koora, inni hurataan immoo hojii isaatti baayyee gadda.
Okkoteen inni hurataan hojiisaa kanatti baayyee waan gaddeef guyyaa tokko namicha bishaan deddeebisuun sagalee gaddaatiin "An baayyeen ofittii qaana'e kanaafuu dhiifama naaf godhi!" jedheen. Namichis"Maalif?" jedheen.
Okkotichis "Wanti ani ofittii qaana'eef waggoota lamman kana keessattii sababa hurataa qaama koo irra jiru irraa kan ka'e bishaan hamman of keesatti baachuu qabuu gaditti fuudheen gara manaattii dhufa, atis sababa kanaan gatiin ati gooftaakee biraa argachuu qabdu gadi si jalaa bu'e" jedheen.
📌 Namichis jecha okkotichaatti baayyee gaddee garaas isa nyaatee akkas jedheen "Yeroo gara manaatti deebinu karaa mana gooftaa koo geessu irraa abaaboowwan jiran sittin agarsiisa" jedheen. Yommuu gara manaatti deebi'anittiis abaaboowwan baayyee miidhagoo nama hawwatan daawwachiise. Erga daawwannaa isaanii fixaniiin booda ammas okkotichi hojii isaa yaadatee gaddee namicha dhiifama gaafatee.
Namichis Okkotichaan " Abaabowwan kana kallattii ani irra isaan dhaabe hubattee ilaalteetta yoo ta'eef kallattii ani gatiittii koo irratti si baadhuunidha malee kan okkotee isa kaanii irraan miti! Sababni isaa immoo akka ati dhimmistu waanan beekuuf waggoota lamman kana carraa kanatti gargaaramuun abaabowwan koo bishaan obaasachaan ture, utuu ati bishaan naaf hin obaasne ta'ee har'a dallaan gooftaakoo fi barcumni manaa isaa abaabowwan miidhagoo kanaan hin guutan turan" jedheen jedhama.
✉️ Hubadhu:- Nuti hundumti keenya akkuma Okkoticha isa hurataa sanaa cimina nu keessaa dhimmisu qabna. Akkuma okkotichaa dhimmisuun keenya dadhabina fakkaatee yoo nutti mul'ateyyuu garuu dhalootaaf kan inni dhugee ittiin bareedee guddatu ta'uu danda'a. Yoo har'aaf nama waa'ee hin baafne of seete iyyuu guyyaa tokko firii hojii kee argitee ittiin boonuuf jirta. Kanaafuu abdii hin kutin jabaadhu! Haala ati har'a keessa jirtu boriikee hin madaalu!
@Gaaela_Gaarii ✅