Gorsa Ganamaa


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha


Gorsa Ganamaa guyyaa guyyaa ni argattu
Contact: @Gech_ab
gaggeessummaa.com
Buy ads: https://telega.io/c/Gorsa_Ganamaa

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


✔ Wantoonni gaariin jireenya keessatti salphaatti hin dhufan. Yeroo rakkinaa fi qormaata guddaa keessa darbitu, jireenyikee waan yeroo dheeraaf hin turre utuu hin taane, waan ati bara baraan akka qabeenyaatti ilaaltee itti gammaddu waan siif qabaachuu malu siif qopheessu ta’uu danda’a...
👉 Itti fufaa dubbisaa

🌐 As tuqaa >> See More
As tuqaa >> See More

Welcome 🤗






🌸 Sababiilee hin yaadamne gurguddoo 5 kan shamarran dhoksaatti dhiirotarraa eegan... ↪️ See More

             👇👇👇
             ✨banaa✨
         .  ✨banaa✨
               👆👆👆👆


🤦‍♀️ Maaliif??,... See More
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯


Namana 💬

Osoo namni hunduu dhimma nama biraa dhiisee dhimma mataa ofiitiin dhama’ee, dhama’aan jidduutti bakka dhabaa, hubadhu! 😉

🔗 @Gorsa_Ganamaa


💕 Milkaa'inni Wantoota 6'n...

1. Hojii cimaa (Hard Work)
hojii cimaatti amanu. Adeemsa ariifachiisuuf yaaluun ykn karaa gabaabaa barbaaduu dhiisi-hin jiru.

2. Obsa (Patience)
Obsa yoo dhabde lola ni dhabda. Jalqaba irratti wanti tokkollee hin taʼu; achiis suuta suutaan ta’uu jalqaba, akka tasaa hunduu walitti dhufa. Namoonni baay’een sadarkaa jalqabaa irratti harka kennatu.

3. Wareegama (Sacrifice)
Yoo waan barbaaddeef wareegama hin baasne, wanti barbaadde wareegama ta’a. Wanti hundi gatii qaba.

4. Walsimachuu (Consistency)
Walsimachuun giddugaleessa gara olaantummaatti jijjiira. kana malee milkaa'ina kana caalu gonkumaa hin argattu.

5. Naamusa (Ethics)
Kaka’umsi akka jalqabdu si taasisa, naamusni garuu akka guddattu si taasisa. Guyyoonni fedhiin sitti hin dhaga’amne ni jiraatu; waan sitti dhaga’amu osoo hin ilaalin guyyoota sana keessa dhiibuu qabda.

6. Ofitti amanamummaa (Self-confidence)
Ofitti amanamummaan yoo warri kaan si hin jaallanne illee akka gaarii ta’u beekuudha.

🔗 @Gorsa_Ganamaa


❤️ Abdii Hin Dhabin!

𝐴𝑘𝑘𝑎 𝑛𝑢𝑡𝑖 𝐴𝑏𝑑𝑖𝑖 ℎ𝑖𝑛 𝑘𝑢𝑡𝑎𝑛𝑛𝑒𝑒𝑓, 𝑛𝑎𝑚𝑜𝑜𝑡𝑎 𝑎𝑏𝑑𝑖𝑖 𝑛𝑢𝑡𝑡𝑖 ℎ𝑜𝑟𝑢𝑢𝑛 𝑓𝑎𝑘𝑘𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎 𝑛𝑢𝑢𝑓 𝑡𝑎'𝑎𝑛 𝑙𝑎𝑚𝑎𝑎𝑛 𝑘𝑎𝑛𝑎 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎 𝑏𝑎𝑟𝑎𝑑ℎ𝑎𝑎!

1. 𝑨𝒃𝒊𝒓𝒂𝒉𝒂𝒎 𝑳𝒊𝒊𝒏𝒌𝒂𝒂𝒏.
dhalatee waggaa 21ffaa isaatti daldala eegalee kisaaran isa mudate. 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉 Dhalatee waggaa 22ffaa isaatti immoo mana maree seera murtuuf hirmaatee hin milkoofne 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉 Dhalatee waggaa 26ffaa isaatti jaalalleen isaa biraa boqotte 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉 Dhalatee waggaa 27ffaa isaatti dhukkuba narviitiin qabamee baayyee dhukkubsatee ture 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒚𝒚𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉 Dhalatee waggaa 34ffaa isaatti immoo Koongireesii Ameerikaaf dorgomee utuu hin milkaa'in hafe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉 Dhalatee, waggaa 45ffaa isaatti akkasuma mana maree bakka bu'oota uummataa bakka bu'ee dorgomee kufe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝒂𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉 Dhalatee, waggaa 47ffaa isaatti itti aanaa pireezidantii Ameerikaa dorgomee kufe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉 Dhalatee, waggaa 49 isaatti mana maree bakka bu'oota Uummataa dorgomee kufe 𝒂𝒎𝒎𝒂𝒔 𝒂𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉 Dhalatee, waggaa 52ffaa isaatti 𝐏𝐢𝐫𝐞𝐞𝐳𝐢𝐝𝐚𝐧𝐭𝐢𝐢 𝐀𝐦𝐞𝐞𝐫𝐢𝐤𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐞𝐞 𝐦𝐮𝐮𝐝𝐚𝐦𝐞. ᵃᵇᵈⁱⁱ ᵏᵘᵗᵃⁿⁿᵃᵃˢ ᵃᵇᵈⁱⁱ ᵏᵘᵗᵃᶜʰⁱⁱˢᵉ!

2. 𝐌𝐚𝐚𝐲𝐮𝐮𝐧 𝐀. 𝐊. 𝐀 𝐉𝐚𝐜𝐤 𝐌𝐚𝐚 dureessi biyya chaayinaa kun yeroo heedduu kufaati keessummeessun nama beekamu kan tureedha.

👉 Barumsa sadarkaa 1ffaa yeroo baratu al-lama kufe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉 Barumsa sadarkaa 2ffaatti yeroo sadii kufe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉 Seensa Yuunivarsiitii Hangizyuu tiif qoramee yeroo sadii kufe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉 Yuunivarsiitii Harvardiitti barachuuf yeroo kudhan (10)n iyyate kurnanuu jalaa kuffisan 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉 Erga Barnoota xumuree booda yeroo soddoma qacaramuu dhaqee, hunduu fudhatama dhabe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉 Dhaabbanni KFC jedhamu namoota 24 dorgomsisee yommuu turetti, namoonni 23 darbanii inni qofti kufe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝒂𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉 Humna waraanaa keessa seenanii hojjechuuf namoota shan (5) ta'anii iyyatanii turan; garuu afur (4) darbanii inni qofti kufe 𝑲𝒖𝒏𝒊𝒔 𝒂𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒄𝒉𝒊𝒊𝒔𝒏𝒆.
𝔾𝕒𝕣𝕦𝕦 𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜 𝑎𝑚𝑚𝑎𝑎 𝑘𝑎𝑛𝑎𝑡𝑡𝑖 𝑨𝒃𝒃𝒂𝒂 𝑸𝒂𝒃𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂 𝑩𝒊𝒚𝒚𝒂 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒚𝒊𝒏𝒂𝒂𝒇𝒊 𝑯𝒖𝒏𝒅𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝒅𝒉𝒂𝒂𝒃𝒃𝒂𝒕𝒂 Alibabati.

𝙰𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚗𝚗𝚊𝚊𝚗 𝚔𝚊𝚗 𝚑𝚒𝚒𝚔𝚊 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚝𝚞 𝚢𝚘𝚘 𝚗𝚞𝚝𝚒 𝙰𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚗𝚗𝚎𝚎𝚍𝚑𝚊 𝚖𝚊𝚕𝚎𝚎, 𝚊𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚢𝚘𝚘 𝚑𝚒𝚗 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚞𝚖𝚖𝚎𝚎𝚜𝚜𝚒𝚗𝚞 𝚝𝚊'𝚎𝚎, 𝙰𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚗𝚗𝚊𝚊 𝐻𝑖𝑖𝑘𝑎 𝑑ℎ𝑎𝑏𝑠𝑖𝑖𝑠𝑢𝑢 𝑑𝑎𝑛𝑑𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎!

🔗 @Gorsa_Ganamaa


✉️ "Yaada guddaa yaaduuf dirqama nama guddaa ta'uu hin qabdu, Nama guddaa ta'uuf garuu yaada guddaa yaaduu qabda."
— Dr. Mayles munroe.

🔗 @Gorsa_Ganamaa


15 Rules to Live By

•Be Thankful.
•Be Kind.
•Be Useful.
•Be Strong.
•Be Loving.
•Be Honorable.
•Be Respectful.
•Never Quit.
•Never Fear.
•Refuse To Lose.
•Stay Happy.
•Stay Healthy.
•Stay Faithful.
•Stay Confident.
•Remain Humble.

🔗 @Gorsa_Ganamaa

Seera 15 Ittiin Jiraachuu Qabnu

• Galateeffadhu!
• Gaarummaa hojjedhu!
• Barbaachisaa ta'i!
• Jabaadhu!
• Jaalala qabaadhu!
• Kabajamoo ta'i!
• Kabaja Qabaadhu!
• Gonkumaa Hin Dhiisin!
• Gonkumaa Hin Sodaatin!
• Mo'amuu Didi!
• Gammachuu Qabaadhu!
• Fayyaa qabaadhu!
• Amanamaa Ta'i!
• Ofitti amanamummaa qabaadhu!
• Gad of deebisi!

🔗 @Gorsa_Ganamaa


✉️ Gorsi Dawaa Sammuuti

✓ Gorsa namni si garsu hin tuffatin bakka itti si fayyadu qaba.
✓Anatu beekaa hin baay'isiin kan si caalaa beeku jira.
✓ Hiyyeessa hin tuffatin boru isatu nama ta'a.
✓ Lolaaf hin ariifatin, miidhamuu dandeessa.
✓ Karaa hin beekne irra hin adeemin.
✓ Nama hammeenya kee haasa'u hin jibbin, boru isumatu gaarummaa kee haasa'a.
✓ Kan koo qofti haa caalu hin jedhin, nama si dhaggeefatu dhabda.
✓ Seenaa hin dagatin, dhalootaaf dabarsita
✓ Beeka jettee hin taa'in, waan atii hin beekiin baay'eetu jira.
✓ Balleessuuf hin fiigin, kan si balleessuutti baata.
✓ Sirriidha jettee waanuma hunda hin haasa'in dogoggora qabaachuu mala.
✓ Abdii hin kutatin turullee siif dabarti!
✓ Jal'ina namatti hin yaadiin, jal'aa taatee hafta.
✓ Hojii hin tuffatin, hiyyoomtee haftaa.
✓ Qabeenyaan hin booniin bor ni dhumaa.
✓ Namni ati jaallattu yoo dugda sitti gale daftee hammeenya isaa hin haasa'in, yoo walitti deebitan gaabbita.
✓ Waan na jalaa calliseef na jibbe hin jedhin, tarii haalli inni keessa jiru gaarii miti ta'uu mala! Waan dubbiftaniif galanni keessan
* Bakka bu'ee hin banne
* Bakka kufee hin cabne
* Bakka hattuun hin hanne
* Bakka shamee hin tortorre isiniif kaa'ee jira. Isin like fi share react fi comment dhaan na jajjabeessaa...
Galatoomaa 🙏

🔗 @Gorsa_Ganamaa




✉️ Nu hin dhiisan jennee warri nuti yaadne hundumtuu nu dhiisaniiru. Waaqayyo garuu nuu wajjin jira.

🔗 @Gorsa_Ganamaa


✉️ Yoo kaayyeffatte, kaayyoo keetiifis yoo hojjette, rakkoo kamiyyuu yoo obsite, abdii yoo hin kutanne, bakka garaa kee inuma geessa!

Namni kaayyoo isaaf aarsaa lubbuu iyyuu kanfaluuf qophii dha argite?

Aggaammii ajjeecha yeroo 3 miliquun Pirezidaantii 47ffaa Ameerikaas ta'an.

🔗 @Gorsa_Ganamaa


👍 Namoota gara waan gaariitti si dhiibanii wajjin ooli!

🔗 @Gorsa_Ganamaa


Namummaa Gaarii! ❤️

👍 Amalli namummaa gaarii namoota kabajamoo fi kabaja guddaa namaaf qaban biratti argama waan ta'eef, jireenya keenya keessatti namoonni amaloota adda addaa qaban hedduun nu mudachuu danda'u. Waaqni namoota amala namummaa gaarii qaban waliin isin haa jiraachisu! Namummaa gaarii qabaachuun jalqaba ofiif kanarra darbee maatii fi biyyaaf! Namoonni amala namummaa gaarii hin qabne yeroodhaaf waan of gargaaran itti fakkaachuu danda'us booddeen isaanii garuu gaabbii ta'a!

🔗@Gorsa_Ganamaa


Waan yaadde argachuuf, waan qabdu dhabda, Yoo hin obsine lameenuu dhabda, kanaafuu obsa qabaadhu👍

@Gorsa_Ganamaa


https://t.me/major/start?startapp=5934045408

👑 Join me in @Major game and earn $MAJOR token soon!
⭐️ 750 rating bonus for you.
⭐️ 1000 rating bonus if you are Premium.


⚪ Waan feetuu fi hawwitu yoo dhabde Waaqatti hin gaddin..
⚪ Waaqni waan ati barbaaddu utuu hin taane waan si barbaachisu siif kenna.🥰 #Believe it

@Gorsa_Ganamaa


Hojii online dan repost
Major Durvo Puzzel Game Answer
✅October- 27
✅Reward : 5000 Coin


@hojiionline0
@hojiionline0



20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.