Lew. 19
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
³¹ " 'Ani Waaqayyo gooftaa kee ti, gara eker-dubbiftuutti hin garagalin, isaaniin xuraa'uudhaafis warra ekeraa dubbisan hin iyyaafatin!
³² " 'Ani Waaqayyoo dha; ati nama mataa harii yommuu argitu ka'iif! Nama dulloomaaf ulfina kenni! Ana Waaqayyo kees sodaadhu!
1Sam. 28
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁷ Kanaaf Saa'ol hojjetoota isaatiin, "Dhaqeen ishee irraa qoradhaatii dubartii ekeraa dubbiftu anaaf barbaadaa!" jedhe; hojjetoonni isaa immoo deebisanii, "Kunoo, dubartiin ekeraa dubbiftu tokko Endoor keessa jirti" jedhan.
⁸ Saa'ol uffata kan biraa uffatee, wallaalchifatee namoota lama of duukaa fudhatee halkaniin gara mana dubartii sanaa dhaqee, "Ekeraa dubbisiitii nama ani sitti himadhu anaaf kaasi!" jedheen.
⁹ Dubartittiinis, "Kunoo, wanta Saa'ol hojjete, warra ekeraa dubbisanii fi qaallota biyyicha keessaa akka balleesse ati iyyuu in beekta; maaliif ana ajjeesisuuf kiyyoo ana dura keessa ree?" jette.
¹⁰ Saa'ol immoo, "Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti! Sababii isa kanaatiif miidhamni tokko iyyuu si irra hin ga'u" jedhee, maqaa Waaqayyootiin in kakateef.
¹¹ Dubartittiin yommus, "Eenyuun siif kaasu?" jetteen; inni immoo, "Saamu'elin anaaf kaasi!" jedheen.
¹² Dubartittiin Saamu'elin yommuu argite sagalee guddaadhaan iyyitee Saa'oliin, "Ati Saa'ol mitii maaliif ana gowwoomsite?" jette.
¹³ Mootichi immoo dubartittiidhaan, "Hin sodaatin! Amma maal argita?" jedhe; dubartittiinis Saa'oliin, "Wanti bifa Waaqayyummaa qabu tokko lafaa utuu ol ba'uu nan arge" jette.
¹⁴ Inni immoo, "Maal fakkaata?" jedhee ishee in gaafate; isheen immoo deebiftee, "Nama dulloomaa, qoloo uffatu tokkotu ol ba'aa jira" jetteen; yommus inni Saamu'el akka ta'e baree, hamma lafa ga'utti gad gugguufee in qoomma'eef.
¹⁵ Saamu'el yeroo sanatti Saa'oliin, "Ati maaliif kaaftee ana rakkifta?" jedhe; Saa'ol immoo, "Filisxeemonni ana lolaa jiru, Waaqayyo immoo ana irraa garagaleera, raajiidhaan yookiis abjuudhaan anaaf deebisuu waan dideef, ani dhiphina guddaa keessan jira; kanaafan waan gochuun anaaf ta'u akka ana hubachiiftuuf si waammadhe" jedhe.
¹⁶ Saamu'el immoo, "Waaqayyo si irraa garagalee erga siin mormee, maaliif ana gaafatta ree?
¹⁷ Waaqayyo duraan dursee karaa koo akkuma dubbatee ture, mootummicha si harkaa butee, fira kee Daawitiif kenneera.
¹⁸ Ati dubbii Waaqayyootiif waan hin abboomaminiif, dheekkamsa isaa isa sodaachisaas Amaaleqoota irratti waan ati hin raawwatiniif, Waaqayyo har'a kana sitti in fide.
¹⁹ Amma iyyuu Waaqayyo Israa'eloota sii wajjin dabarsee harka Filisxeemotaatti in kenna; bor atii fi ilmaan kee duutanii gara koo in dhuftu; loltoota Israa'elis Waaqayyo dabarsee harka Filisxeemotaatti in kenna" jedhe.
²⁰ Battaluma sanatti wanti Saamu'el isatti hime guddisee waan isa naasiseef, Saa'ol akkuma jirutti hojjaa isaatiin lafa in dha'e; guyyaa sana guutuu halkan sana guutuus midhaan waan hin nyaatiniif, humna hin qabu ture.
Like 👍
Share 📱📲
Comment ✍
Join 👥 @Jaala_Dhugaa ✅