²⁴ Museen yeroo guddate amantiidhaan ilma intala Fara'oon jedhamee waamamuu dide.
²⁵ Yeroo gabaabduudhaaf cubbuu keessa jiraatee gammaduu irra, saba Waaqayyoo wajjin rakkina jala jiraachuu fo'ate.
²⁶ Inni ija isaa gatii isaa isa booddee irra waan kaa'ateef, sooruma Gibxii hundumaa irra, sababii Kristosiif arrabsoo baachuu badhaadhummaa isa caalutti lakkaa'ate.
²⁷ Inni amantiidhaan dheekkamsa mootichaa utuu hin sodaatin biyya Gibxii ba'e; isa ijaan hin argarmne akka waan arguuttis yaada isaatti jabaate.
²⁸ Inni amantiidhaan Faasiikaan akka ayyaaneffamu godhe, ergaan inni angafa kan ta'an hundumaa fixu sun akka isaanitti hin buunetti, dhiigicha balbalatti dibsiise.
²⁹ Sabni Israa'el amantiidhaan akka nama lafa gogaa irra adeemuutti galaana diimaa ce'an; warri Gibxii akkuma isaanii gochuu yeroo yaalanitti garuu in liqimfaman.
³⁰ Warri Israa'el amantiidhaan Yerikoo marsanii, guyyaa torbaaf erga itti naanna'anii booddee, masaraan isaa in jige.
³¹ Rahaab ejjituun warra gaadduu sana nagaadhaan waan simteef, amantiidhaan oolte malee, warra abboomamuu didanii wajjin hin balleeffamne.
³² Kana caalaas dubbachuu na barbaachisaa ree? Waa'ee Gidewoon, Baaraaq, Siimson, Yiftaa, Daawit, Saamu'el akkasumas waa'ee raajotaa isinitti odeessuuf immoo yeroon ana hin ga'u.
³³ Isaan keessaa kaan amantiidhaan mootummoota mo'anii, kaan waan qajeelaa hojii irra oolchanii, abdii argatanii, kaanis afaan leencotaa cufaniiru.
³⁴ Kaanis ibidda olotu dhaamsanii, qara billaa jalaa ba'anii, dadhabbii keessaa jabina argatanii, lolatti jaboo ta'anii, loltuu warra ormaas baqachiisaniiru.
³⁵ Dubartoonni namoota isaanii warra duraa du'an, du'aa kaafamnaaniif deebisanii fudhataniiru. Warri kaanis jireenya isa wayyuuf du'aa akka ka'aniif, gad dhiifamuu didanii harka warra isaan dhiphisaniitti dhiphatanii du'an.
³⁶ Warri kaan ga'oof ta'an, in reebaman, funyoo sibiilaatiin iyyuu hidhamanii, mana hidhaatti in galfaman.
³⁷ Dhagaadhaan in rukutaman, iddoo lamatti in baqaqfaman, billaadhaan in ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re'ootaa uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman.
³⁸ Biyyi lafaa warra akkasiif kan hin malle ture; amma garuu isaan biyya lafaa kanaaf kan hin malletti lakkaa'amanii, lafa duwwaa fi tulloota irra in jooran, holqaa fi boolla lafaa keessa jiraatan.
³⁹ Isaan kun hundinuu amantii isaaniitiif yoo dhugaa ba'ameef iyyuu, isa abdachiifame sana hin arganne.
⁴⁰ Waaqayyo duraan dursee wanta wayyu argee waan nuuf qopheesseef, isaan nuu wajjin malee kophaa isaanii fiixaan akka hin baane godhe.
@Jaala_Dhugaa