📆 Daily Devotional 64 | Spiritual Growth
╭════▪▪▪▪════╮
✅ 1Qorontos 6:18 ✅
╰════▪▪▪▪════╯
🌷 HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)
✅ Kutaa 2ffaa
📖 “Halalummaa baqadhaa! Cubbuun namni hojjetu keessaa warri kaan hundinuu dhagna namaa hin tuqan; namni halaleen garuu dhagna isaatti cubbuu hojjeta.”
— 1Qor. 6:18
Akkuma barumsa keenya kutaa 1ffaa irratti hubanne, namni utuu walii isaa faana hariiroo hin jalqabin dura dhuunfaatti Waaqayyo wajjin hariiroo qaba ture. Kunis boca (design) Waaqayyooti.
Kanaafis namni hariiroo fi turtii Waaqayyo wajjin qabu kana irraa kan ka'e, amala Waaqayyoo fudhachaa deema.
✔️ Ofii Amalli Waaqayyoo (God's Character) Namni Irraa Dhaalaa Deemuu Qabu Kun Maali?
1. Jaalala
💌 Akka jecha kana karaa malee hiikamee, karaa malee kan hubatamee hin jiru. Yeroo baay'ee hawwa foonii (lust) faana hiikni isaa wal rukutee mul'ata; Fakkeenyaaf seexanni hariiroo saal-qunnamtii (sexual relation) akka hariiroo jaalala (making love) ta'etti akka hubatamu godheera. Kanaanis Waaqayyo isa jaalala (1Yohannis 4:8) ta'e arrabsa. Jaalalli in kenna (gifts), kajeellaan foonii garuu in qabata (grasps).
Kajeellaan foonii fedhii ofii isaa qofa waan dhaggeeffatuuf in kajeela. (Rom. 1:26-27), dubbiin Waaqayyoo akka jireenya namaa keessatti ija hin godhanneef hudha (Mar. 4:18-19)
🛑 Jaalalaa fi kajeellaa foonii (Love & lust) maaltu wal fakkeessa?
⌲ Garaa namaa keessa jiraatu. Fak. 4:23
• Lapheen namaaf akkuma mariin konkolaataaf taheeti. Yoo dallaan itti ijaaramee, eegame malee karaa hin taanetti nama oofa.
⌲ Dhuma namaa murteessu.
• Jaalalli gara jireenya bara baraatti, Kajeellaan foonii du'a bara baraatti geessa.
⌲ Baay'een humna qabeessoodha.
• Amala nama dhuunfachuu cimaa qabu.
⌲ Lamaan isaanii du'atti nama geessu
• Jaalalli gara namaaf du'uutti, kajeellaan foonii gara ajjeesutti nama geessu,
🛑 Garaagarummaa jaalalaa fi kajeellaa foonii,
» Jaalalli maaddi isaa Waaqayyo biraa yoo ta'u, kajeellaan foonii garuu miira irratti kan hundaa'eedha.
» Jaalalli dabarsanii of kennuu, aarsaa baasudha, kajeellaan foonii garuu ofittoodha.
» Jaalalli kan bara baraati, kajeellaan foonii garuu ammaa asitti jedha/turtii hin qabu.
» Jaalalli in obsa, kajeellaan foonii humnaan ukkaamsa.
» Jaalalli kennaa (potential) ijaara, kajeellaan foonii garuu kennaa (potential) ajjeesa.
» Jaalalli araaraan guutuudha, kajeellaan foonii garuu dhiifama hin qabu.
Seenaa Macaafa Qulqulluu keessaa
💔 2Sam. 13:2,4,11, 14-15
Amnoon jaalalli hin qabne, kajeellaa fooniitu qabe. Utuu nama angafa ta'ee dhalate ta'e jiruu seexanni yaaduu isa dhoowwe. Amnoon qaroomina yaaduu hin dandeenye, akkamitti akka obboleettii isaa xureessu yaada. Innoo mucaa mootii tahee utuu jiruu dhukkubsatee mana keessa gangalata.
💗 Jaalalli dhugaan Waaqayyo irraa baratama. Waaqayyo jaalala isaa kennuudhaan muldhise. Waaqayyo abbaan mucaa isaa nama gaariitti laate miti, diinota isaatti jechuun cubbamaa isa Waaqayyo irratti finciluutti laate. Akka kajeellaa foonii haala mijataa hin barbaaddanne. Jaalallis tole jedhee abboomamee.
Yoh. 3:16
"Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti*!"
Rom. 5:8
Waaqayyo garuu,utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.
⚠️ Waliigalatti, jaalallii fi kajeellaan foonii (love & lust) wantoota baay'ee waliif faallaa ta'an, garuu bara keenya kana hiikni isaanii wal rukuteedha. Haa ta'u malee, kajeellaan foonii dubbii Waaqayyoo keessattis kan hin deeggaramne yoo ta'u, jaalalli garuu amala Waaqayyooti.
Maqaan Waaqayyoo bara baraan haa eebbifamu!🙏 Ameen🙏
Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
👇🌷👇🌷👇🌷👇🌷
@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio