Singer Megertu Official 🌼


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Din


Barsiisa macaafa qulqulluu, faarfannaa hafuuraa, ergaalee gama hafuuraatti nama jajjabeessan guyyaa guyyaadhaan ni argattu.
Buy Ads: https://telega.io/c/Singer_Megertu_Official
Youtube: www.youtube.com/@Singer_Megertu_Official
Contact: @efesoon432

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Toifa
Din
Statistika
Postlar filtri


💔🌹 “Utuu wal hin fuudhin dura abbaan manaa koo jaalala naaf qabu jechoota jaalalaa adda addaatiin ibsa ture. Amma garuu jechoonni jaalala ittiin anaaf ibsu hin jiru. Yeroo natti haasa’ullee waa’ee hojii qofa dubbata. Erga kokkolfaa na haasofsiisee bubbuleera. Kolfa, gammachuu, jecha jaalalaa nan barbaada. Garuu sana naaf kennuu hin dandeenye. Hiriyoonni koo kaan jaalala waan qabaniif yeroo natti haasa’an natti tola. Jaalala isaa akka abbaa manaa kootti yoo naaf hin ibsine, namoonni kaan garuu jaalala isaanii yoo natti ibsan maal naaf godha? Yoon gadhiise (hiike) cubbuu dhaa? Jaalalli ani isaaf qabu badeera. Maal na gorsitu?” Itti fufaa dubbisaa❣️👇👇👇

https://gaggeessummaa.com/kunuunsa-gaaelaaf-godhamuu-qabu/




DUBARTII FI WANTOOTA AFUR 4

👩‍🦰 Wanti afur dubartii qofarraa bareeda!
👉Dhiiratti heerumuu
👉Ulfaa'uu
👉Da'uu
👉Hoosisuu!

👩‍🦰 Wanti afur dubartii gowwoomsa!
👉Sobni dhugaa fakkaatu
👉Dhugaan soba fakkaatu
👉Dhiirri kolfee taphatu
👉Qarshiin boru dhumattu!

👩‍🦰 Wanti afur dubartiirraa hin bareedu!
👉Dubara akka ofiitti heerumuun
👉Rifeensa murachuun
👉Qaama ofii gurgurachuun
👉Dhirsa ofii tuffachuun!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur dagachuu hin qabdu!
👉Uumaa ofii kadhachuu
👉Jaarsa ofii gorfachuu
👉Mana ofii bareeffachuu
👉Qaama ofii dhiqachuu!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur dhiira caalaa dandeessi!
👉Jaalala mi'eessu
👉Jireenya bareechuu
👉Aarii qabbaneessuu
👉Soba dhugaa fakkeessuu!

👩‍🦰 Dubartiin waan afuriin dhiira caalti!
👉Amalaan
👉Malaan
👉Garraamummaan
👉Sodaan!

👩‍🦰 Dubartiin waan afuriin jiraatti!
👉Amantiin
👉Obsaan
👉Abdiin
👉Jaalalaan!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur hawwiti!
👉Gaa'ela godhachuu
👉Qabeenya horachuu
👉Ijoollee horachuu
👉Gammachuun jiraachuu!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur namaaf taati!
👉Haadha
👉Obboleettii
👉Haadha manaa
👉Gargaartuu mana keessaa!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur himachuu saalfatti!
👉Jaalalli yoo qabe
👉Laguun yoo itti dhufu
👉Gaaffii jaalalaaf tole jedhuu
👉Fedhii saalqunnamtii!

👩‍🦰 Dubartiin dhiira akkamii jaalatti?
👉Kan isheef amanamu
👉Kan amala gaarii qabu
👉Kan jaalala isheef qabu
👉Kan kaayyoo qabu!

👩‍🦰 Dubartiin dhiira akkamii jibbiti?
👉Kan sobu
👉Kan machaa'u
👉Kan irratti jaalatu
👉Dhiira sodaattuu!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur ifa baastee dubbatti!
👉Dhugaan yoo jal'ate
👉Waa'ee nama rakkatee
👉Waan hawwite yoo argatte
👉Dhibeen yoo qabamte!

👩‍🦰 Dubartiin, waan afuriif jiraatti!
👉Abbaa manaa isheef
👉Ijoollee isheef
👉Kaayyoo isheef
👉Uumaa isheef!

Kanaaf Dubartii Kabaji!

@Miira_Jaalalaa
@Gaaela_Gaarii
@Singer_Megertu_Official

Yaadaaf: @Gaaelabot

592 0 12 3 32



Subscribe for Our Website ➡️ https://gaggeessummaa.com/


Jireenyi si wajjin anatti in mijata - Lami Galan

➡️ https://youtu.be/BlQr4ZOW_uw?list=PLk1MEz9W4QkROyulgbBP3La9QNGp3F0__




🎼🎼🎼🎼🎹🥁🪗🎸Classical Faarfannaa - Maqaan kee Gooftaa koo | Ijaaramaa Adeemna -

➡️ https://youtu.be/ZdQaTwf7sBM?si=mxfe6-P6qzx2KR0P


8. Qabeenya Ati Gattee Turte

Umurii oomishtummaa keetitti maallaqa gaarii walitti qabachaa jirtaa? Maallaqa sana kilaboota, jireenya of eeggannoo hin qabnee fi bittaa qisaasama fidu keessatti hin firfirsiin. Maallaqa sanaan investi godhii galii kee bal’isi. Yeroo dulluma keetti akka si kunuunsuuf nageenya isaa eegi.

Nama jaallattuuf dhaala kenni.

9. Warra Ati Tuffatte

Yeroo dargaggeessa turtetti tuffii warra keetti argisiisuun salphaa sitti fakkaachuu danda'a. Garuu warri kee ammallee warra kee ta'u, ati isaan waliin walii galtus, walii galuu dhiistus, akkaataan isaanii maal iyyuu yoo ta'e. Yeroo dulloomtu, warri kee maaliif akka sitti dhihaachuu barbaadan ni hubatta. Akkuma umuriin kee dabalaa deemuun gatii isaa caalaatti argita.

10. Jaalala Dhugaa Ati Baqatte

Jireenya kee keessatti namni jaalala dhugaan si jaallatu jiraa? Nama sana hin dhiibin, yoo kana hin taane namni sun jireenya kee keessaa bahee jennaan nama bara jireenya kee guutuu si barbaachisu gonkumaa hin argattu. Nama jaalala dhugaan si jaallatu dhabdee jennaan "osoon ammallee nama sana waliin turee hoo?" jechaa akka jiraattu si taasisa.Yeroo qabdu hunda qabeenya godhadhu. 📕


Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
    👉💐👉💐👉💐👉💐

@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio


📆 Daily Devotional 75 | Spiritual Growth
     
╭════▪▪▪▪════╮
     ✅ Fakkeenya 31:30 ✅
╰════▪▪▪▪════╯

🌷 HARIIROO GAA'ELA KEESSAA

    ✅ Kutaa 13ffaa


🛑 WANTOOTA UMURII DULLUMMAA IRRATTI ITTI GAABBUU DANDEESSAN

Yeroo dargaggeessa taanetti, waa'ee egeree utuu hin yaadin filannoo adda addaa filachuu dandeenya. Yeroo tokko tokko filannoowwan sun walakkeessa jireenya keenyaa keessatti nu madeessu. Wantoota namni tokko yeroo dulluma isaa itti gaabbuu danda'u keessaa muraasni kunooti:

1. Nama Siif Hin Taane Fuudhuu

Yeroo dargaggummaa keetiitti kaka'umsa fuudhuuf qabdu ilaali. Hiriyyoota kee fakkaachuuf, ykn ejjennoo hawaasummaaf ykn dhiibbaa irraa kan ka'e hin fuudhin. Jaalalaa fi hiriyyummaaf fuudhi, nama siif sirrii fuudhi, hiriyyaa kee dhugaa fuudhi. Sababni isaas, nama dogoggoraatti  ykn sababa dogoggoraatiin yoo heerumte umurii kee guutuu nama sana waliin jiraatta. Sababa ati isa dogoggoraa filatteef, haalotni isin lamaan gidduutti hammaachuu dandaʼu; sana booda dhiphinni sammuu, miidhaan qaamaa, dhukkubbiin, salphinni, dhimmi mana murtii akkasumas hadhaa’ummaan waggoota walakkeessa jireenya kee keessa dhufu. Yeroo ijoolleen dhufan immoo haalichi caalaatti hammaata. Hiriyaa gaaʼelaaf yeroo dargaggeessa taatetti filannoo sirrii taʼe godhi.

2. Carraa Ati Itti Hin Fayyadamne

Yeroo dargaggeessa taatetti balballi hedduun ni banama, carraa hedduu argatta. Dargaggoonni hedduun sodaa, dadhabina ykn of tuuluudhaan carraawwan kana dhiisu. Dargaggeessa qaxalee ta'i. Tokko tokko immoo carraa baay'ee guddaan waan jiru waan itti fakkaatuuf carraawwan argatanitti osoo hin fayyadamiin hafu. Carraawwan jiranitti fayyadami ykn yeroo umuriin kee dulloometti duubatti deebitee carraawwan darbe sana qabaachuu barbaadda.

3. Gaa'ela Diigde

Kaadhima kee gaariitti heerumtee; ji'oonni jalqabaa gaa'ela keessa turan gaarii turan garuu yeroo muraasa booda qarshii fi hawwata keetiin hariiroo biraa qabaachuu jalqabde. Amanamummaa dhabde. Hiriyaan gaaʼelaa kee akka dhaabdu si kadhatte, ijoolleen kee si jalaa miidhamuu jalqaban, gaaʼelli kee diigamaa dhufe. Gaaf tokko yeroo umuriin kee dulloomu, dhimmoota siif hin fayyadne keessatti gammachuu yeroodhaaf qofa gaaʼela gaarii ijaaruu jalqabde sana balleessuu keef hammam gowwummaa keessa akka turte sitti dhagaʼama. Miidhaa ijoollee fi hiriyaa gaaʼelaa kee irratti geessistes ni hubatta.

4. Waaqa Ati Gante

Yeroo dulloomtetti ogeessa taata, jireenya karaa caalaatti hiikaa qabuun yeroo ilaaltu  Waaqayyo caalaatti dhugaa ta'a. Garuu walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabdutti gammaduu jalqabuuf dulloomuu hin eegin. Yeroo dargaggeessa taatetti Waaqayyoon beeki, egeree kee Waaqayyoo wajjin ijaari. Dargaggeessa finciltuu yeroo umuriin deemu gara Waaqayyootti deebi'u hin ta'in.

5. Qaama Ati Miite

Jireenya kee guutuu waliin jiraachuuf qaama tokko qofa qabda. Sigaaraan, alkooliin ati garmalee fayyadamte, qorichi sammuu namaa hadoochu ati fudhatte akkasumas nyaata fayya-dhabeessi ati nyaatte suuta suutan si balleessu. Yeroo umuriin kee 50 ta’ee dhukkuboonni si qabanitti, yeroo dargaggummaa kee qaama kee osoo kunuunsitee hawwita; amma garuu miidhaan sirra gaheera.

6. Yeroo Qisaasessite:

Yeroo dargaggummaa kee kan yaaddoo, hariiroo dogoggoraa, dhibaa'ummaa, sababa baay'isuu fi waan hiika hin qabne hordofuun qisaasessite yoomiyyuu deebitee hin argattu.

7. Abjuu fi Dandeettii Ati Irratti Hojjachuu Dhiiste

Yeroo dargaggeessa taatetti dandeettii qabda. Wantoonni ati hojjechuu jaallattuu fi ga’umsa itti qabdu ni jiruu? Dandeettiiwwan sana guddifadhu, itti fayyadami, gufuuwwan si mudatanis abdii hin kutin. Abjuu kee irratti abdii hin kutin. Yoo abdii kutatte yeroo dulloomtetti hiriyoota kee kanneen waan jaallatanitti cichanii hojjetanii milkaa'an ilaaltee "Sun ana ta'uu danda'a ture" jettee ofitti yaadda. Ogummaa kee hordofi, barnoota jaallattu baradhu. Dirree si hin quubsine keessatti bara jireenyaa kee hin qisaasessin.
.
.
.
Share, Like

Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
    👉💐👉💐👉💐👉💐

@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio


📆 Daily Devotional 74 | Spiritual Growth
     
╭════▪▪▪▪════╮
     ✅ Fakkeenya 31:30 ✅
╰════▪▪▪▪════╯

🌷 HARIIROO GAA'ELA KEESSAA

    ➡️ Kutaa 12ffaa


🛑 WANTOOTA GAA'ELA AJJEESAN (Killers of Marriage)

1. Dadhabbiin gaa'ela ajjeesa.
2. Shakkiin gaa'ela ajjeesa.
3. Wal amantaa dhabuun gaa’ela ajjeesa.
4. Wal kabajuu dhabuun gaa’ela ajjeesa.
5. Dhiifama gochuu dhabuun, walhadheessuun, jibbi, hammeenyi fi aariin gaa'ela ajjeesa.
6. Falmiin hin barbaachifne gaa’ela ajjeesa.
7. Hiriyaa gaaʼelaa kee jalaa iccitii dhoksuun gaaʼela ajjeesa.
8. Amanamummaa dhabuun bifa kamiinuu gaa’ela (maallaqa, miira, xiinsammuu, meeshaa fi kan kana fakkaatan) ajjeesa.
9. Walhubannaa dhabuun, dandeettiin waliin dubbii gadi aanaan (poor communication) gaaʼela ajjeesa.
10. Sobni salphaatti gaa'ela ajjeesa, gama hundaan hiriyaa gaa'elaa keetiif garaa qulqulluu ta'i!
11. Hiriyaa gaa’elaa kee caalaa warra kee/miseensota maatii kee wajjin walitti dhufeenya qabaachuun gaa’ela ajjeesa.
12. Walqunnamtii saalaa ga’aa dhabuun yookiin gammachiisaa hin taane gaa’ela ajjeesa.
13. Nageenya dhabuun gaaʼela ajjeesa.
14. Garmalee haasaʼuu fi of eeggannoo malee dubbachuun gaaʼela ajjeesa.
15. Hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin yeroo xinnoo yookiin daqiiqaa muraasa dabarsuun gaaʼela ni ajjeesa.
16. Garmalee yaada ofiitiin murteessuun gaaʼela ni ajjeesa.
17. JAALALA dhabuun, maallaqa, baasiin hin barbaachifne, naamusa maallaqaa dhabuun gaa’ela ajjeesa.
18. Hiriyaan gaaʼelaa kee gaʼumsa dhabuu isaa warra keetiif yookiin obboloota keetiif saaxiluun gaaʼela ajjeesa.
19. Hafuuratti jabaachuu/cimaa ta’uu dhiisuun, waliin kadhachuu dhiisuun, gaa’ela qofa osoo hin taane jireenya kee ajjeesa.
20. Sirreeffamaa fi gorsa tuffachuun gaa’ela ajjeesa.
21. Yeroo hunda fuula gaddaa mul'isuu fi miira hin taane qabaachuun gaa'ela ajjeesa.
22. Miirri to'annaa malee yookiin ho'aan, aariin gaa'ela ajjeesa.
23. Gahee fi ejjennoo kee hubachuu dhabuun, gaa’ela keessatti akka Waaqayyo hundeessetti itti gaafatamummaa fudhachuu dhiisuun gaa’ela ajjeesa.
24. Fedhii hafuuraa, miira, maallaqaa fi qaama hiriyaa gaa’elaa keessaniif miiraan ilaaluu dhiisuun gaa’ela ajjeesa.
25. Wanti kamiyyuu ejjennoo/nageenya haadha manaa balaadhaaf kan saaxilu yoo ta’e, deebiin isheen kennitu gaa’ela ishee irratti miidhaa ni geessisa.
26. Beekumsa dhabuu & Dubbii Waaqayyoof abboomamuu dhiisuun gaa'ela ajjeesa.

🛑 Yoo jaalattan, #Like, #Share, fi #Comment taasisaa! Galatoomaa!


Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
    👉😀👉😀👉😀👉😀

@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio


💔✝️💔 Barsiisaa koo Dhugaa - Faaruu hafuura namaa boqochiisu https://youtu.be/nSAO1HENy4c?si=5XYOkw1sbQnYwggz




Obroota12:22-29

22 Haa ta'u iyyuu malee, tulluu Xiyoon, mandara Waaqayyo isa jiraataa, Yerusaalem ishee waaqa irraa, cidha ergamoota kumaatamaa bira ga'uu keessan. 23 Waldaa angafoota warra maqaan isaanii waaqa irratti caafamee, Waaqayyo abbaa firdii namoota hundumaa, lubbuu qajeelota warra fiixaan ba'anii bira ga'uu keessan.

24 Yesus isa gidduu galee Waaqayyoo fi namoota gidduu kakuu haaraa dhaabe, dhangala'uu dhiigaa isa dhiiga Abeel caalaa wanta wayyu dubbatu biras ga'uu keessan.25 Ammas isa dubbachaa jiru kana jalaa akka hin didne of eeggadhaa! Warri isa dhaamsa Waaqayyo biyya lafaa kana irratti isaanitti hime didan, jalaa ba'uu erga dadhabanii, nuyis isa waaqa irraa nutti dubbatu irraa yoo garagalle, caalaatti isa jalaa ba'uu in dadhabna.

26 Yeroo sana sagaleen isaa lafa sochooseera; amma garuu, "Ammas al tokko lafa sochoosuu duwwaa utuu hin ta'in, waaqas immoo nan sochoosa" jedhee abdachiiseera. 27 "Ammas al tokko" inni jedhe, wanti raafamuu hin dandeenye hafee akka jiraatutti, wanti uumame hundinuu raafamee iddoodhaa butachuu isaa in mul'isa.

28 Egaa nuyi, mootummaa raafamuu hin dandeenye waan fudhannuuf, kottaa warra galata galchan in taanaa! Kanaanis kottaa akka isa duratti fudhatamutti ulfinaa fi sodaadhaan Waaqayyoof in sagannaa! 29 Waaqayyo keenya ibidda xaph godhuu dha.


@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio
@Megertu_Dhugasaa


Dirree Onaa Homtuu hin Jirretti
Guutuu Shiferraa Lyrics

🎤
➡️ https://youtu.be/v7Hq6Hln13g
➡️ https://youtu.be/v7Hq6Hln13g




Hojii Ergamootaa 12:6-19

Hidhaan kee siraa hikkamera

Ergamaan Waaqayyoo Rhexrosin Mana Hidhaatii Baasuu Isaa
6 Edumtii guyyaa itti Herodis Phexrosin akka qoramuuf dhi'essuudhaaf jedhe sanatti, Phexros fuuncaa lamaan hidhamee, loltuu lama gidduu in rafa ture; eegduun immoo balbala manicha hidhaa dura dhaabatanii in eegu turan. 7 Kunoo, ergamaan gooftichaa Phexros bukkee dhaabate; golli manicha hidhaa inni keessa tures ifa waaqa irraatiin guute. Ergamaan sun cinaacha Phexros rurrukutee dammaqsee, "Dafii ka'i!" ittiin jedhe; achumaan fuuncaan inni ittiin hidhame harka isaatii bu'e.

8 Ergamichi immoo, "Hidhadhu, kophee kees kaa'adhu!" jedheen. Phexros ka'ee hidhatee, kophee isaas kaa'ate; ergamichi ammas, "Wayyaa kee uffadhuu ana duukaa bu'i!" ittiin jedhe. 9 Phexros manicha hidhaa keessaa ba'ee, ergamicha duukaa bu'e. Garuu ergamaan gooftaa kan hojjeteef kun dhugaa itti hin fakkaanne; innoo mul'ata waan arge se'e.

10 Ergamichaa wajjin eegduu warra duraa, warra lammaffaa biras darbanii, balbalicha sibiilaa isa mandaratti baasuu bira ga'an. Balbalichi utuu namni itti hin bu'in isaaniif baname, Isaanis gad in ba'an; karaa tokko irra takka erga adeeman, ergamichi achumaan Phexros biraa sokke. 11 Phexros yommus of bare, "Gooftichi ergamaa isaa ergee, harka Herodisii fi harka Yihudoota warra hamaa na irratti yaadan hundumaa akka na oolche, amma dhuguma beekeera" jedhe.

12 Phexros kana hubatee gara mana Maariyaam haadha Yohannis isa Maariqos jedhauu dhaqe; achumaan namoonni baay'een walitti qabamanii kadhachaa turan. 13 Phexros immoo balbala kellichaa rukunnaan, intalli Roodaa jedhamtu tokko gara balbalichaa dhuftee owwaatte.


14 Isheen Phexros ta'uu isaa sagalee isaatiin bartee waan gammaddeef utuu balbala hin baniniif ol fiigdee, "Phexros balbala dura in dhaabata" jettee himte. 15 Warri kana dhaga'an immoo, "Ati in maraatte fakkaata" isheedhaan jedhan. Isheen garuu, "Lakkii isuma" jettee falmite. Kana irratti isaan, "Egaa'oo ergamaa isaa isa isa eegu ta'inna" jedhan.

16 Inni garuu ittuma fufee balbalicha rukute; balbalicha yommuu banan Phexrosin arganii, akka abjuu ta'an. 17 Calluma jedhanii akka dhaggeeffataniif harkaan milikkita isaaniif kenne; gooftichi mana hidhaa keessaa attamitti akka isa baase, isaanitti odeessee, "Dubbii kana Yaaqoobii fi obbolootatti himaa!" jedhee, ba'ee iddoo biraa dhaqe.

18 Lafti bariinaan warri loltuu, "Phexros attam ta'e?" jedhanii, waan godhanis wallaalanii rakkatan. 19 Herodisis Phexrosin barbaachisee argachuu dadhabnaan, loltuu isa eeguudhaaf kennamanii turan sanas qoree, akka ajjeefamaniif abboome; kana booddees Herodis Yihudaadhaa Qiisaariyaatti gad bu'ee takka achi taa'e.


Singer_Megertu_Official
Kakuu_Studio
Megertu_Dhugasaa


📆 Daily Devotional 73 | Spiritual Growth
     
╭════▪▪▪▪════╮
     ✅ Fakkeenya 31:30 ✅
╰════▪▪▪▪════╯

🌷 HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)

    ✅ Kutaa - 11ffaa


❤️ Kakuu / Waadaa (Part - 2)

🛑 Kakuu Cabsuun Maal Fida?

⁃ Kadhannaan keenya Waaqayyo bira akka hin geenye godha:
“…Wanti lammaffaan isin gootan immoo, isa isin imimmaaniin iddoo aarsaa Waaqayyoo dhiqxanii dha; sababii Waaqayyo gara aara aarsaa keessanii ilaaluu didee, gammachuudhaan isin harkaa fudhachuu dhiiseef isin in iyyitu, in wawwaattus. Isin, "Kun maaliif ta'e?" jettanii in gaafattu; Waaqayyo isiniif haadha manaa isin qeerrummaadhaan fuutan gidduutti dhuga-baatuu dha; isheen hidhata keessan, haadha manaa kakuu keessanii taatee utuma jirtuu, isin isheedhaaf amanamuu dhiiftanii ishee in gowwoomsitan. Waaqayyo foonitti, lubbuuttis tokko isaan hin goonee ree? Maaliifis tokko isaan godhe? Sanyii ofii isaatiif kaafachuudhaaf kana godhe; kanaafis jireenya keessan eeggadhaa! Haadha manaa qeerrummaa keessan irraas amanamummaa hin dhabinaa!” Milkiyaas. 2:13-14

Hojii Harka Namaa Balleessa:
“Isa wareegdu raawwachuu dhiisuu irra, wareeguu dhiisuu siif wayya; Waaqayyoof wareega yommuu wareegdu dafii raawwadhu! Inni warra gowwootatti hin gammadu waan ta'eef, ati immoo akka warra gowwootaa utuu hin ta'in wanta wareegde raawwadhu! Arrabni kee wanta cubbuutti si geessu akka hin dubbanneef of eeggadhu! Ergamaa durattis, "Wanta kana utuun hin beekinan godhe" hin jedhin! Maaliif dubbii keetiin Waaqayyoon dheekkamsiiftee hojii harka keetii akka inni balleessu goota? Abjuu baay'ee fi dubbii baay'ee keessa wanta waa'ee hin baafne baay'eetu jira, ati garuu Waaqayyoon sodaadhu!” Lallaba. 5:5-7

Abaarsa Fida:
Sabni Israa’el kakuu diige waan waaqayyolii tolfamoo duukaa bu’eef wal waraansa hamaatu dhufe hamma gosni Beeniyaamin muraasutti ga’e. (Abboota Firdii 19, 20, 21), Saa’ol sababii kakuu abboota isaa kan Iyaasun saba Giibe’on akka hin balleessineef waadaa gale cabsee isaan fiixeef waggaa sadiif beela jabaatu dhufe. (2Saamu’el. 21, Iyaasuu. 9).

⁃ Kana malees, hubannaa malee kakachuu irraa kan ka'e rakkoon gurguddaa dhufeera. Fakkeenyaf Mat. 14:6-12 yoo ilaalle, Herodis waan mucaan isaa sirbitee isa gammachiisteef miiraan waadaa guddaa seenefii utuu hin jaallatin mormi Yohaannis cuuphaa akka kuchisiifamu ta’e. Kan biraa immoo Abo. 11:30-40 yeroo dubbifannu Yiiftaan waraana dura koo jiru yoon mo’adheef waan jalqaba anatti bahu aarsaan godha jedhee hubannaa malee kakateef mucaa isaa aarsaa dhiyeessuf dirqamuusaa ilaalla. Kanaaf waan ati dubbattu futtaasaa sitti ta’ee kiyyootti akka si hin galchineef of eeggadhu! (Fak. 6:2-4).
"Yoo wareeguu dhabaatte garuu cubbuu sitti hin ta'u. Wanta jaalala keetiin Waaqayyo gooftaa keetiif kennuudhaaf afaan keetiin wareegde, jaalala keetiin waan ta'eef, isa afaan keetiin wareegde kana eegii of irraa baasi!” Keessa deebii 23:22-23

Xumura
Kakuun dhuunfaattis, nama tokko yookiin gartuu wajjin raawwatamuu mala. Yommuu raawwatamu yeroo kakuun galamu, ragaaleen foonii jiraachuus dhiisuus danda’u, garuu ragaleen hafuuraa yeroo hunda ni argamu. Kakuu kana Waaqayyos, seexannis ni arga. Gareen seexanaa kakuu diiguu irratti hojjeta. Gareen Waaqayyoo immoo kakuu ijaaruu irratti hojjeta. Egaa, ati garee eenyuu taphatta? Waaqayyoo ogummaa nuuf haa laatu.

#Note: Kutaan itti aanu hatattamaan akka isiniif dhiyaatu akkuma dubbiftanii xumurtaniin #share taasisuu hin dagatinaa! 1K+ view yommuu ta'etti Kutaan itti aanu isiniif dhiyaata.

Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
    👉💐👉💐👉💐👉💐

@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio


Luq 7:11-16

Yesus Dargaggeessa Tokko Du'aa Kaasuu Isaa
11 Ergasiis Yesus gara mandara Naayin jedhamuu in dhaqe; bartoonni isaa fi namoonni danuun isaa wajjin dhaqan. 12 Inni balbala kellaa mandarichaatti yommuu dhi'aate, kunoo namoonni reeffa baatanii itti dhufan; inni du'e immoo haadha hiyyeessaa tokkoof ilma tokkicha ture. Namoonni baay'eenis mandaricha keessaa haadha isaa wajjin duukaa in bu'u turan.

13 Gooftaan yommuu ishee arge oo'eefii, "Hin boo'in!" jedheen. 14 Itti hiiqee siricha harkaan qabnaan, warri baatan in dhaabatan; inni immoo, "Dargaggeessa nana, siin nan jedha ka'i!" jedheen.

15 Achumaan inni du'ee ture ol jedhee taa'ee, dubbachuus jalqabe; Yesus akkasitti haadha isaatiif isa deebise. 16 Hundumti isaaniis, na'anii, "Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera; Waaqayyo saba isaa ilaaleera" jedhanii Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessan.



Singer_Megertu_Official
Kakuu_Studio
Megertu_Dhugasaa


📆 Daily Devotional 72 | Spiritual Growth
     
╭════▪▪▪▪════╮
     ✅ Fakkeenya 31:30 ✅
╰════▪▪▪▪════╯

🌷 HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)

     ✅ Kutaa 10ffaa


  ❤️ Kakuu / Waadaa (Part - 1)

❏ Kakuu kakachuun gocha hawaasa keessatti beekamaa ta’ee fi yeroo addaa addaa gaggeefamuu dha. Namni ogummaa fayyaa baratee yeroo eebbifamu saba isaa tajaajiluuf kakuu seena. Kana qofa miti, namoota qaroomina irraa fagoo jiru jedhaman biras shaakalli kakuu jira. Kakuun aadaa fi amantii kam keessa iyyuu jira.

Addumaan immoo kakuun sirna gaa’elaa keessa ni jira. Kakuun gaa’elaa guduunfaa yookiin chaappaa jaalala mirkaneessutti fakkeefamuu ni danda'a. Kakuun dubbii gati jabeessa waan ta'eef kabajuun, of eeggachuufin, utuu hin ariifatin kakachuun ba’eessa. Sababni isaas kakuun yoo eegame eebba qaba. Yoo cabe, abaarsa fida waan taheef dha.

Kakuu Eenyutu Jalqabe?
✦ Eessatti Jalqabame?


⁃ Kakuu waaqayyootu jalqabe. Kakuun jalqabaas Nohii fi sanyii dhala namaa hunda wajjin dhaabe. Kakuun isaas bishaan badiisaatiin ilmaan namootaa akka hin balleessine dha. Kakuu isaafis akka mallattootti sabbata waaqaa duumeessa keessa kaa'udhaan jabeessee, ittiin of-yaadachiise. (Uma. 9: 10-17 ilaali)

Kakuu haaraa keessatti immoo Waaqayyo abbaan kakuu dhiigaa ilma isaa Yesus Kristosin nuuf seene. Maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu! Kakuu moofaa keessatti dhiiga xobbaallaa hoolaa michichila manaa irratti dibamuun ergamaan du’aa akka bira darbu waadaa galee ture. (Ba'u. 12:21-27 ilaali).

Kakuun haaraa dhiiga Yesus irratti kan hundaa’e dha. (Ibroota. 9:11-15 ilaali). Dhiigni kun seexanaaf doorsisa dha. Nuuf immoo eegumsa dha. Namoota baay’eetu hojii kanatti baaca ta’a. Kun garuu gatii kan nama baasisu dha. Dhiigni Yesus dhiiga gidiraa keessa coccobe, miixuu keessaa kan lola’e dha. Itti hin qoosamu. Gama biraatiin Yesus kan dhufe kakuu Waaqayyo Abrahaam wajjin gale raawwachuufi dha.

“Ani saba guddaa sin godha, sin eebbisa, maqaa kee nan guddisa, eebbas in taata Warra si eebbisan nan eebbisa, warra si salphisan nan abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifamu" jedhe. (Uma. 12:3)

🛑 Maaliif Waaqayyo Kakuutti Iddoo Guddaa Laata?

Kakachuun Amala Waaqayyoo dha. Kakatee fiixaan baasa.
“Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume…” Uma. 5:1
Kakuu cabsuun Sagalee Waaqayyoo cabsuu dha. 

“Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture…” Yohaanis. 1:1

Akka Yoh. 1:1 tti Sagalichi Waaqayyoo dha. Sagalee Waaqayyo cabsuun immoo Waaqayyo waliin walitti nu buusa. Fakkeenyaf har’a kakuun gaa’elaa sirna do’ii waldaa keessatti gaggeefamu godhamee in ilaalama. Waaqayyo wal hiikuu nan ciigga’a. (Miilkiyaas. 2:16) erga jedhee abboommiin isaa kabajamuu qaba.

“Garuu seerichi kan ittiin caafame keessaa gar tokkoon fidalaa illee hir'achuu irra, waaqnii fi lafti ija duraa baduutu salphata.” Luqaas. 16:17
.... itti fufa....

Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
    👉💐👉💐👉💐👉💐

@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.