+Torban Sadan Dhaloota Duraa+
➠Akka barsiisa mana kiristaanaa keenyaatti yeroo baay'ee guyyoota, torban fi ji'oota waggaaf maqaa moggaasuun kan baramedha. Kanaan walqabsiisuunis barnoota yeroo isaaf madaalawaa ta'e ni kenniti. Haaluma kanaan torban sadan ayyaana Dhaloota Gooftaa dura jiran moggaasa ni qabu. Torbeewwan kunniinis yeroo itti raajonni hawwii isaanii "Waaqayyo addunyaa kana akka fayyisuuf" qaban itti ibsatan kan ibsanidha. Kunis karaa gurguddaa #sadi ta'uu isaa mul'isa.
1. #Lallaba (ሰብከት) [Mudde 7-13]
➠Lallaba jechuun barumsa labsii (ዐዋጅ) jechuudha. Kunis dhaloota Abrahaamii hanga dhaloota Daawititti dhaloota jiru kan ittiin yaadatamu Museen seeraan, Raajoonni raajiitiin,Daawit faaruu isaatiin fakkenya baay'eetiin ni bu'a, ni dhalata jechuu isaanii fi ni dhufa jedhanii waa'ee isaa kan dubbatan; Gooftaan keenyi immoo '#Anadha' jedhee of mul'isuu isaa waqtii itti yaadannudha.
➠Faaruun qulqulluu Yaareed waqtii kana faarfatamus "ወልዶ መድኅነ ንስብክ ዘእምቅመ አለም ሀሎ-Addunyaa dura kan turee fi qoricha isa ta'e Ilma ni lallabna" kan jedhudha
➠Raajoonni ni bu'a ni dhalata jedhanii raajii kan dubbatanii fi subaa'ee kan lakkaa'aniif duuka bu'oonnis kan qaban dhiisanii duukaa bu'ani, fedha isaas rawwatani.
➠Kanaaf amantoonni yaadaa hamaa ofirraa fageessanii, xuraa'ummaa irraa fagaatani laphee qulqulluun waaqayyoof akka bitaman ni gorfamu. Dubbisni sirna qiddaasee irratti dubbifamus,
►Daq-ffaa:-Ibr. 1:1-xumura
►Daq-Gar:- 2Phex. 3:1-10
►Luba-Gar:-HDB 3:17-xumura
►Luba-1ffaa:- Yoh. 1:44-xumura
2. #Ifa (ብርሃን) [mudde 14-20]
➠Waqtiin kun immoo yeroo itti "Ifni dhugaan" dukkana isa kakuu moofaa keessa ture sana balleessuuf dhufuu isaa raajonni itti dubbatan yaadannudha.
➠Qulqulluun daawwit "Maaloo ifa kee fi dhugaa kee ergi, isaan anatti karaa haa agarsiisan; tulluu kee isa qulqulluutti, iddoo buufata keetti na haa geessan" jechaa Ifa keenya kan ta'e Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos akka dhalatu raajeera. Faar 42:3.
➠Qulqulluu Yohannis, "Ifni gara addunyaatti dhufe" Jedhee yeroo dhugaa bahu, Gooftaan keenyis "Ani ifa adduunyaati" jedhee raajii kakuu moofaa keessatti dubbatamee sana raawwateera .Yoh. 8:12.
➠Yeroo kana keessa faaruun faarfatamu "ብርሃን ዘመጽአ ውስተ ዓለም አቅዲሙ ነገር በኦሪት ከመ ይመጽእ ወልደ በስብሐት ወይዜንዋ ለጽዮን በቃለ ትፍሥሕት-Ifni gara addunyaa dhufe, sagalee galataa tsiyooniif kan himu Ilmi kabajaan, gooftummaasaatiin akka dhufu dursee beeksiise" kan jedhudha.
➠Raajonnis utubaa jibbinsaa buqqisee, dukkana irraa gara ifaatti, qoqqodinsa irraa gara tokkummaatti akka isaan fiiduuf, koottu bu'i, koottu dhaladhu nu fayyisii jedhanii iyyani; uumaan samiif lafaas yeroo guyyaan isaa gahetti gara biyya lafa dhufe, dukkanichas ifa isaatiin moo'eera. Dhala namaafis karaa ittiin Waaqa isaa beeku beekumsa addaa, ogummaa addaa kenneef. Dubbisni sirna qiddaasee irratti dubbifamus,
►Daq-ffaa:- Room. 13:11-xumura
►Daq-Gar:- 1Yoh. 1:1-xumura
►Luba-Gar:-HDB. 26:12-19
►Luba-1ffaa:- Yoh. 1:1-19
3. #Tiksee (ኖላዊ) [mudde 21-27]
➠Raajonni ofii isaanii, uummata Israa'el akkasuma uummata addunyaa hunda akka hoolota tiksee malee hafanii fi baay'ee gidirfamaniitti lakkaa'uun tikseen isaanii dhufee akka walitti isaan qabu akkas jechuun kadhachaa turan.
"Yoosefiin kan gaggeessite yaa tiksee Israa'el nu dhagahi; Kiruubel irra kan teessu nuuf koottu!" Faar. 79:1
➠Gooftaan keenyi immoo gaaffi raajotaaf deebii akkas jedhu kenneef. "Ani tiksee arjaadha; tiksee arjaan waa'ee hoolota isaaf lubbuu isaa dabarsee ni kenna!" [Yoh. 10:11]. Dubbisni sirna qiddaasee irratti dubbifamus,
►Daq-ffaa:-Ibr. 13:16-xumura
►Daq-Gar:- 1Phex. 2:21-xumura
►Luba-Gar:-HDB 11:22-xumura
►Luba-1ffaa:- Yoh. 10:1-22
🙏Waaqayyo Ifa dhaloota isaan nagaan nu haa gahu! Ameen!🙏
Tajaajilicha hordofuuf👇
Facebook ➛https://www.facebook.com/profile.php?id=100087224145170
WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaBrgmYISTkNBLeiTH37
@Tawaahidoo