Postlar filtri


+Torban Sadan Dhaloota Duraa+

➠Akka barsiisa mana kiristaanaa keenyaatti yeroo baay'ee guyyoota, torban fi ji'oota waggaaf maqaa moggaasuun kan baramedha. Kanaan walqabsiisuunis barnoota yeroo isaaf madaalawaa ta'e ni kenniti. Haaluma kanaan torban sadan ayyaana Dhaloota Gooftaa dura jiran moggaasa ni qabu. Torbeewwan kunniinis yeroo itti raajonni hawwii isaanii "Waaqayyo addunyaa kana akka fayyisuuf" qaban itti ibsatan kan ibsanidha. Kunis karaa gurguddaa #sadi ta'uu isaa mul'isa.

1. #Lallaba (ሰብከት) [Mudde 7-13]

➠Lallaba jechuun barumsa labsii (ዐዋጅ) jechuudha. Kunis dhaloota Abrahaamii hanga dhaloota Daawititti dhaloota jiru kan ittiin yaadatamu Museen seeraan, Raajoonni raajiitiin,Daawit faaruu isaatiin fakkenya baay'eetiin ni bu'a, ni dhalata jechuu isaanii fi ni dhufa jedhanii waa'ee isaa kan dubbatan; Gooftaan keenyi immoo '#Anadha' jedhee of mul'isuu isaa waqtii itti yaadannudha.

➠Faaruun qulqulluu Yaareed waqtii kana faarfatamus "ወልዶ መድኅነ ንስብክ ዘእምቅመ አለም ሀሎ-Addunyaa dura kan turee fi qoricha isa ta'e Ilma ni lallabna" kan jedhudha

➠Raajoonni ni bu'a ni dhalata jedhanii raajii kan dubbatanii fi subaa'ee kan lakkaa'aniif duuka bu'oonnis kan qaban dhiisanii duukaa bu'ani, fedha isaas rawwatani.

➠Kanaaf amantoonni yaadaa hamaa ofirraa fageessanii, xuraa'ummaa irraa fagaatani laphee qulqulluun waaqayyoof akka bitaman ni gorfamu. Dubbisni sirna qiddaasee irratti dubbifamus,

►Daq-ffaa:-Ibr. 1:1-xumura
►Daq-Gar:- 2Phex. 3:1-10
►Luba-Gar:-HDB 3:17-xumura
►Luba-1ffaa:- Yoh. 1:44-xumura

2. #Ifa (ብርሃን) [mudde 14-20]

➠Waqtiin kun immoo yeroo itti "Ifni dhugaan" dukkana isa kakuu moofaa keessa ture sana balleessuuf dhufuu isaa raajonni itti dubbatan yaadannudha.

➠Qulqulluun daawwit "Maaloo ifa kee fi dhugaa kee ergi, isaan anatti karaa haa agarsiisan; tulluu kee isa qulqulluutti, iddoo buufata keetti na haa geessan" jechaa Ifa keenya kan ta'e Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos akka dhalatu raajeera. Faar 42:3.

➠Qulqulluu Yohannis, "Ifni gara addunyaatti dhufe" Jedhee yeroo dhugaa bahu, Gooftaan keenyis "Ani ifa adduunyaati" jedhee raajii kakuu moofaa keessatti dubbatamee sana raawwateera .Yoh. 8:12.

➠Yeroo kana keessa faaruun faarfatamu "ብርሃን ዘመጽአ ውስተ ዓለም አቅዲሙ ነገር በኦሪት ከመ ይመጽእ ወልደ በስብሐት ወይዜንዋ ለጽዮን በቃለ ትፍሥሕት-Ifni gara addunyaa dhufe, sagalee galataa tsiyooniif kan himu Ilmi kabajaan, gooftummaasaatiin akka dhufu dursee beeksiise" kan jedhudha.

➠Raajonnis utubaa jibbinsaa buqqisee, dukkana irraa gara ifaatti, qoqqodinsa irraa gara tokkummaatti akka isaan fiiduuf, koottu bu'i, koottu dhaladhu nu fayyisii jedhanii iyyani; uumaan samiif lafaas yeroo guyyaan isaa gahetti gara biyya lafa dhufe, dukkanichas ifa isaatiin moo'eera. Dhala namaafis karaa ittiin Waaqa isaa beeku beekumsa addaa, ogummaa addaa kenneef. Dubbisni sirna qiddaasee irratti dubbifamus,

►Daq-ffaa:- Room. 13:11-xumura
►Daq-Gar:- 1Yoh. 1:1-xumura
►Luba-Gar:-HDB. 26:12-19
►Luba-1ffaa:- Yoh. 1:1-19

3. #Tiksee (ኖላዊ) [mudde 21-27]

➠Raajonni ofii isaanii, uummata Israa'el akkasuma uummata addunyaa hunda akka hoolota tiksee malee hafanii fi baay'ee gidirfamaniitti lakkaa'uun tikseen isaanii dhufee akka walitti isaan qabu akkas jechuun kadhachaa turan.
"Yoosefiin kan gaggeessite yaa tiksee Israa'el nu dhagahi; Kiruubel irra kan teessu nuuf koottu!" Faar. 79:1

➠Gooftaan keenyi immoo gaaffi raajotaaf deebii akkas jedhu kenneef. "Ani tiksee arjaadha; tiksee arjaan waa'ee hoolota isaaf lubbuu isaa dabarsee ni kenna!" [Yoh. 10:11]. Dubbisni sirna qiddaasee irratti dubbifamus,

►Daq-ffaa:-Ibr. 13:16-xumura
►Daq-Gar:- 1Phex. 2:21-xumura
►Luba-Gar:-HDB 11:22-xumura
►Luba-1ffaa:- Yoh. 10:1-22

🙏Waaqayyo Ifa dhaloota isaan nagaan nu haa gahu! Ameen!🙏

Tajaajilicha hordofuuf👇

Facebook ➛https://www.facebook.com/profile.php?id=100087224145170

WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaBrgmYISTkNBLeiTH37

@Tawaahidoo






Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
Anaaf Jedhee
✍ Kaachuu

@Tawaahidoo


FANNOO IRRATTI!

Dirrakee urate keessaan
Coccobuu dhiigakee ilaalee
Wargama keettan gatee
Sossodaachaa deemuu kalee
Gollikoo seenaa hin beeku
Seenaa golgootaa malee

Eyyee..
Yeessoon golgoota oole
Golgaa golaa godhee galee
Kanaaf jechi nan geenye
Uffee... yoon jedhe malee

Yeessoo!!!..
Utuu si dhukkubuu
Obsitee rukkuttaa gaafichaa
Cobdee dafqa xuruurte
Dirqama waamichaa
Tulluuti hollachaa ijaarte
Olfageenyi gaarichaa
Gindiiti gangalchite
Ulfaatinni jirmichaa

Waaqaaf lafa gidduudhaa
Xumuruunkee dhimmicha
Utuu si ta'uu baatee
Maaltu mo'aa lolicha!
Ulfaadhu tokkichakoo
Ati dhuguma mooticha

  TOKKICHA KOO....
Gaarummaa keen daddarbaakoo
Qajeelummaatti jijjiirtee
Afaan du'aarraa na buufte
Alaanfataasaa miccirtee
Barbaraan akkan jiraadhuuf
Seerrata dachee jijjiirtee

Naaf baattee godaannisa
Dirmammooftee dhiiga roobdee
Harka garaa laafu dhabdee
Bakkakoo boossee gadooddee

Akkamittan dagadha oolmaakee
Tulluu lafee mataa kaleessaa
Siidaa dhugaa ijaarrattee
Jiraatta malee na keessa

Hireekoo hiraarfamtee
Daddarbamaa orma tarree
Tokkicha naaf of wareege
Fakkaataa keen agarre

Abba keetti gaafa iyyattu
Nuffitee alangaa reebichaa
Qoonqoo kee gogaarratti
Si unachiisan eebicha

Anaaf taate kana mara
Na oolchuuf dararamte
Daddarbamaa tulluu golgootaa
Bitaaf mirgaan kabalamtee
Sababbii kee lubbuun kan koo
Tolootatti dabalamte

Oolmaakee maal siif laadheen
Dadhabbii kee ofirraa baasaa?!
Qumbii galatakoo buqqiseen
Kuusaa ililleekoo
Jilbakeetti dhagalaasaa.

TOKKICHA KOO....🙏🙏

#Abay...✍
@Tawaahidoo


Jaalala kee daangaa hin qabne
Ija koon argeera
Baroota cinqii hedduu
Maqaa keen darbeera

An si dhiisee ati nan ganne
Ilma koo naan jetta
Si sobee si haalee
Jaalalaan na waamta

Maal jaalalli akkasii
Ana nama cubbamaaf
Maal kabajni akkasii
Ana nama gatamaaf

Kan kee na dhiba
Bulee naaf raajidha
Kufee lafa lixee
Ani siif qaalidha

Ilma koo naan jetta
Qabdee ol na kaafta
Galmee badii narraa cufta
Haraa gootee na waamta

Ulfaadhu Bara Baraan
@Tawaahidoo


Jaalalli kee
Sinsinnii hin qabu
Kan si qabe
Homaa hin dhabu

Na waamteetta
Lafa onaa keessaa
Nuffii malee
Siinan Waaqessa

Hin leeyya'u
Maqaa kee waamee
Yandoon rakkoo koo
Maqaa keen caame

Fuuldura keetti
Surraan goonfadhe
Ulfina keen
Nagaan argadhe

Fayyisaa koo
Ulfaadhu baraan
Siin naaf ta'e
Eebbi fii nagaan

@Tawaahidoo


“Madaan cubbuu kootii kadhannaa kee malee akka hin fayyine Gooftaan Waaqayyoo ni beekatii; cubbuun koo cubbuu adunyaatii ol akka ta’e hubate; qulqullummaan kee immoo qulqullummaa qulqullootaatii ol akka ta’ee fi akka caalu ni beeke. Kanaafis jaalala kee onnee kootti dabale. Madaan cimaan qoricha baay’ee cimaa ta’een ala akka hin fayyine ni beekaati.

Ogummaan Waaqayyoo hangam fagoodhaa? Tolummaa fi dhiifama isaa hoo eenyutu dubbata? Kan cubbuudhaan madaa’aniif qoricha qopheesseefi. Isa dibatanii akka fayyaniif dha.

Yaa Dubroo! Sagaagalummaa koo nan haasa’a; Qulqullummaa kan kee fi tolummaa Ilma kee nan dubbadha. Yaa Dubroo; balleessaa koo akkasumas araarsummaa kee fi obsa Ilma keetii nan dubbadha. Yaa Dubroo; dhibaa’ina koo gorsa kee fi dhiifama Ilma keetii nan dubbadha”

Humni jaalala ishee kan irra oole; waamichi maqaa ishees afaan isaatirraa kan hin badne, kadhannaa Abbaa Giyoorgis isa Gaasiccaa irraa kan argame

Argaanoon Maariyaam kan Jimaataa
@Tawaahidoo


Ati kiristiyaana nama kiristoosiin buledha mitii?

Maaliif wanti hundumtuu natti hirdhate jettee jireenyakee guutuu Waaqa irratti gumgumaa jiraatta???

Yeroo miila dhiqattu warra miila dhaban maaliif yaadachuu dadhabde?

Yeroo buddeena harkakeetiin hiixattee kutattu maaliif warra harka dhaban yaadachuu dadhabde?

Yeroo guyyaa guutuu lafa garaakeetti burraaqaa ooltee manatti galtu warra sababa dhukkubaan waggaa dheeraadhaaf sireetti galanii hargansuu du'aa harganan maaliif yaadachuu dadhabde?

Waaqayyootiin galateeffachuu dhaaf sadarkaan ati amma irra jirtu kun gahaadha tureem haadhooko!

Darbeemmoo wanna xiqqaa amma irra jirtu irratti Waaqayyoodhaaf yoo amanamuu dhaa baatte akkamitti sadarkaa isa guddaatti ol muudamuu dandeessa??

Mee takkaa qulqullicha Daawiitiin sammuukee keessatti yaadadhu!

Daawiit daa'imummaa isaatti bosona keessaa hoolota tiksaa guddate.

Akka anaaf ati yaadnutti hojiiwwan jiran keessaa inni gadi aanaan tiksituu horii ta'uu dha.

Daawiit hiriyyootni isaa qee'ee keessaa burraaqaa oolu.
Obbolaan isaas muudama argatanii barcuma gaariirra taa'uudhaaf hiriira irratti wal caccabsaa jiru.

Daawit garuu guyyaa guutuu bosona keessaa hoolota tiksaa oola.
Gaafuma tokkollee guddina gara biraa hawwee maaliifan tikee ta'e jedhee Waaqa irratti gumgumee hin beekuu.

Yeroo hundumaa harka isaarra baganaatu jira.
Afaan isaarraas yeedalloo galataatu dhaga'ama.

Bakka xiqqoo Waaqayyo nama kaa'e sanatti Waaqayyoo dhaaf amanamanii jiraachuu jechuun kunooti akkasi.

Ati garuu bakka amma Waaqayyo si kaa'ee jiru kanatti Waaqayyoo dhaaf amanamuu dadhabde.

Baganaa kaleessa si harka ture qinaaxxiitti ol fannisteetta.

Arrabnikee inni kaleessa galata baree ture sunis amma takaalamee hinuma gumgumta malee wanni ati jettu hin dhaga'amu.

Soba dha naan jetta taanaan;
Meerreree harkakeerra baganaan???

Meerre arrabakeerraa sagaleen yeedalloo???

Mee Qulqullicha Daawiitiinimmoo ilaali!

Inni "hojiinkoo tikee dha,
oolmaan koos bosona keessa dha" otoo hin jedhiin baganaasaa harkatti qabatee galatakee, galatakee, galatakee gaafa jedhee faarfatu nama dhaabatee isa dhaggeeffatuuf sammuu namaa haaressa.

Daawiit lafti hojii isaa caakkaa keessa haata'uyyuu malee faarfannaan isaa garuu dhukkubsattoota masaraa mootii keessa jiraniif qoricha fayyisu dha ture.

Atis "tikee na godhani,
Kunoo umuriikoo guutuu caakkaa keessan oola maaliyyoo dha" jettee gumgummuukee kana dhiistee wannuma xiqqoi amma irra jirtu kanatti Waaqayyoo dhaaf amanamtee otoo faaruu dhaan isa galateeffatta ta'ee faarfannaan kee mataakeef haaturutii ormaafuu qoricha nama fayyisu dha dha ture.

Maal godharee egaa!
Sammuu Daawiitiif laate yoo namaaf laate malee wantichi namaaf hin galu.

Qulqullichi Daawiit iddoon Waaqayyo nakaa'e kun ga'aa dha jedhee amanamummaa dhaan bosona keessatti hoolota yeroo tiksuu sana obbolaan isaa muudama argachuu dhaaf hiriira irratti wal caccabsaa turan.

Daawiit garuu hiriiricharra hin jiru.

Abbaan isaas haati isaas obbolaan isaas lafa jiru sanatti isa irraanfataniiru.

Waaqayyo garuu amanamummaasaa sana argee otoo obbolaan isaa muudamaaf jedhanii hiriira irratti wal caccabsaa jiranii isa hiriiricharra hin turre sana Daawiitiin caakkaa keessaa waamee; dhadhaa ejersaatiin mataa isaa jiisee; guutummaa israa'eel irratti mootii godhee isa muude.
1Samu.16፥

Argitee haadhooko hojii Waaqayyoo???

Giddii hinqabaatiin Koottu amma na dhaggeeffadhu!
Tikees ta'i, caakkaa keessas ta'i bakkuma jirtu sanatti akka Daawiit baganaakee qabadhuutii galetakee, galatakee jechaa yeroo Waaqayyoo eeggadhu malee kanan dhabe, kanan dhabe jettee Waaqa irratti hin gumgumiin!

Gaafa kana goote abbaan kees, haati kees, obbolaan kees, hiriyyootni kee hundumtuu otoo quba hin qabaatiin
hangafootni kee;
Eeliyaab faa,
Aminaadaab faa,
Saamaan faa otoo muudamaaf toora galanii dhaabatanii jiranii bira dabartee taayitaa guddaatti ol ni baata.

Maalumaafuu sadarkaa amma irra jirtutti Akka Daawiit Waaqayyootiin galateeffadhu malee hin gumgumiiniin ergaakooti.

Guutaa Charuu
@Tawaahidoo


Kanneen armaan gadii keessaa inni tokko fakkeenya iccitii sillaasee miti:

A. Biiftuu
B. Ilma namaa
C. Sibiila abiddaan diimate
D. Abidda
E. Deebii hin qabu


Deebiin isaa D dha


Sillaassee Kaakuu haaraa keessatti mana eenyutti argame?
A. Mana Abraahaam
B. Mana Daawit
C. Mana Loox
D. Deebii hin qabu


Walaloon Jaalala dan repost
Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish


Bataskaanni, ammas mucaakee ammadhuutii gara keenya kottu jettee akka Simi'oon akka nuun isa agarruuf nuuf kadhatti.
Michuuko anaaf atis guyyaa tokko gara mana qulqullummaatti ol galleerra. Fayyuuma keenyaafoo ofiif ge

enyeerraa laata? Har'as mana qulqullumma keessa deddeebina garuu qulqulloofneerraaree?
Kadhannaan Hisqiyaas gaafa uummati utuu seera qulqullaa'uu hin raawwatin waljala gugatee didichaa Mana qulqullummaatti ol gale kadhannaa inni kadhate nuufis haa ta'u : -
“Akka seera iddoo qulqullaa'aa kanaatti eenyu iyyuu of hin qulleessine taanaan, warra garaa isaanii guutuudhaan Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaanii barbaaddatan hundumaaf, Waaqayyo haa dhiisu" 2Sen. 30:19

Dn. Heenook Haayilee
Onkoloolessa 22 B.A.2013
Finfinnee

Kan hiike:-dn tamirat gmariyam
Sagaleen Waaqayyoo lubbuu dhiphatteef boqonnaa ta'e akka hundumaa bira ga'uuf , anis ergan isin barsiisee booda akkan hin gatamneef anaafis Kadhannaa godhaa!

Barumsa wangeelaa kana hundumtuu daawwadhaa
https://youtu.be/g4zfHximq38?si=BGAOqDePH3b12O5D






Ka'eera

Dhimma koo dhimmasaa
Godhatee Uumaan koo
Anaaf du'a du'ee
Anaaf arge rakkoo

Gatiin cubbuu kootii
Dhiiga isaa lolaase
Gonfoo qoraattifii
Hadhooftuu obaase

Ana garbichasaaf
Waadaa eeguf jecha
Lubbuusaa dabarsee
Naaf cabse waanjicha

Samii samii bu'ee
Anaaf ifa ta'e
Iyyasuus Kiristoos
Har'a du'aa Ka'e

Videof
https://vm.tiktok.com/ZMYnajF3f/
#Kaachuu
@Tawaahidoo


Madaan harka keerraa
Madaan miila keetii
Anaaf bilisummaa
Anaaf nagaa kootii

Cinaachikee dhiige
Gabrummaa koo cabse
Hadhooftun unatte
Abiddaa na baase

Jaalala abbumaan
Anaaf boolla buute
Du'a kiyya duutee
Du'a lama na oolchite

Videof
https://vm.tiktok.com/ZMYnajF3f/
✍️ #kaachuu
@Tawaahidoo


OCM cinaa yaa dhaabbannu!

Hundumti keenyayyuu fuula YouTube OCM Isa sirrii kana subscribe gochuun screen shot goonee comment jalatti Yaa lakkisnu. Yeroo gabaabaa keessatti 100k yaa galchinu. Ammaaf Subscriber 2.94k qaba. Dafaa gara hojii.

Jabaan Waaqa

https://youtube.com/@OCMTV



20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.