Mataa isa Mataa hamaa sana tumu
📖 “Ani sii fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita" jedhe.”
— Uma. 3:15
📖 “Amma immoo Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa, Waaqayyo mataa Kristos ta'uu isaa, akka beektan nan barbaada.”
— 1Qor. 11:3
Egaa luqisiiwwan armaan olii kun dhoksaa guddaa nutti himu. Innis ; Namni utuu hin kufiin dura ykn dhaaba Eden keessaa utuu hin baafamiin dura ulfina guddaadhaan ayyaana Waaqayyoo keessa jiraachaa ture. Addaam fi Hewaan Utuu ijicha jal'inaa sana hin nyaanne ta'ee silaa jireenyi keenya kana hin ta'u ture. S. Uma 3:1-13. Garuu erga iji hamaa fi gaarii nama barsiisu sun namaan nyaatamee namni adabbiiwwan hedduu fi rakkina adduunyaa kana irratti ta'aa jiruuf sababa ta'e hechuudha. S.uma 3:15..... Argachuu dandeenya.
Adabbiiwwan sana keessaa inni
“Ani sii fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita" jedhe.” jedhu kun waan nutti himu qaba. Jechuu dha. Karaa dubartittii dhaaba eden keessaa baaneetu karaa Maariyaam immoo itti deebine. Isheen ilma isa boficha mataa dhidhiitu deesse.
Waaqayyo bofichaan "Inni mataakee in buruqsa " jedhe .
Namni Uma 3 guutummaa isaa dubbise ; wangeelota kakuu haaraa 4n dubbiseera jechuuf in danda'ama. Jedhu warri barsiisan. Sababiinsaa
Namni Uma boqonnaa 3 irratti dhaaba Eden keessaa ari'ameetu wangeelota kakuu haaraa 4n keessatti immoo itti deebi'e jechuu dha.
Kanaaf s.uma 3:15 irratti inni mataakee in buruqsa jedhe. Inni mataa bofaa buruqsu kunis Yesus Kiristos dha.
Mataan qajeelummaatti beekamu 3tu jira ;
✔Kiristos - Kiristos mataa warra dhiiraati.
✔Abbootiin warraa- mataa haadhotii warraati.
✔Waaqayyo immoo mataa Kiristosi.
Kana hundumaas 1Qor 11:3 irraa argattu.
Kiristos sababa inni itti mataa Diinotaa gad tuma jedhameef;
✔ Mataa dhagaa golee qajeelchu waan ta'eef. Mat 21:42. Biyyi lafaa Kiristosiin jibbuu fi tuffachuudhaan ajjeeftee akka waan achiin hafuu owwaaluudhaan dhagaa 600kg ulfaatu irra gadi kaa'e. Inni tuffatame immoo mataa dhagaa golee qajeelchu ta'e.
✔ Uleen qajeelummaa inni mataa bofichaa buruqsu isa harkatti waan argamuuf. 📖 Ibr 1:8 fi 13. Uleen qajeelummaa Yesus harkatti qofa argama. Kanaaf Waaqayyo isa malee eenyuniyyuu ,"Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti gara mirga koo taa'i!" jedhee hin beeku ”
— Ibr. 1:13
Uleen waan lamaaf baatama. 1. Tiksuuf.
2. Waan hamaa ittiin irraa dha'uuf. Kanaaf Yesus wangeela yohannis 10:11-13 irratti ana tiksee dhugaan jedhe. Yesus warra tiksu homaa isaan hin dhabsiisu. Waan barbaachisu hundumaas isaan dhabsiisee hin beeku. Far 23:1. Irratti Daawit. "Waaqayyo tiksee kooti ani homaa hin dhabu " jedhe. Kana yeroo jedhu mootichi Daawit Tiksee harka Waaqayyoo waan argeef kana jedhe.
Ibr. 13
²⁰ Ammas Waaqayyo inni nagaa kennu dhiiga kakuu bara baraa sanaan, gooftaa keenya Yesusin, tiksee hoolotaa isa guddicha warra du'an keessaa deebisee fideera.
²¹ Innumti wanta isa gammachiisu karaa Yesus Kristos nu keessatti hojjechuudhaan, jaalala isaa akka gootaniif, waan gaarii hundumaan isin haa qopheessu! Kristosiif baruma baraan ulfinni haa ta'u! Ameen.
Join 👥 @Tv_Lattuu
@Singer_Megertu_Official