TGStat
TGStat
Qidiruv uchun matnni kiriting
Ilg‘or kanal qidiruvi
  • flag Uzbek
    Sayt tili
    flag Russian flag English flag Uzbek
  • Saytga kirish
  • Katalog
    Kanal va guruhlar katalogi Kanallar qidiruvi
    Kanal/guruh qo‘shish
  • Reytinglar
    Kanallar reytingi Guruhlar reytingi Postlar reytingi
    Brendlar va shaxslar reytingi
  • Analitika
  • Postlarda qidiruv
  • Telegram'ni kuzatish
Dhaloota Qaroo

11 Dec, 19:02

Telegram'da ochish Ulashish Shikoyat qilish

KANA BEEKTAA LAATA?

■ Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti
hin
kaafne tuffatanii dhiisu. waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa'ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan. Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti.

■ Wanti nama ajaa'ibu garuu nama akkasii taatee gaafa of argitu jibbitoota baay'ee qabaachuu kees duukaa of argita. Ilkaan isaanii addaatee seeqaa jiraachuu qofa argitee duukaa hin qasaatu taanaan, hojiiwwan gowwummaa isaaniif duukaa harka hin reebdu taanaan, akkuma isaanii beekumsa xiqqoon qalbii kee buuftee akka nama fiixee beekumsaa irra gaheetti hin burraaqxu taanaan maalif si jaalaturee?

■ Isheen oftuultuudha siin jedhanii? Inni gara jabeessa siin jedhanii? Eeyyeen, isaan akkasuma jedhu. Kuustuun yaadannoo sammuu isaanii jechoota negatiivii qofaan guutamee waan jiruuf, jechoota isaan gad jijjigsan sanaan haamileen si hin bu'in! Otuu ati isaan fakkaatteetta ta'ee sababii si jibbaniif hin qaban ture.

■ Waan isaan gochuu hin dandeenye gochaa jirta. Lafa abjuu isaanii dursitee gonfattee jirta. Jaallattoota keen jajamuu kee arganii quba of nyaataa jiru. Daandii ittiin gara qileetti si darbatan dhabanii rakkatan. Kanaaf si jibbu, kanaaf jechoota negatiivii sirratti haasawu.

⁃ Yeroo ati haasaaf kaatu gurra qabatu!
⁃ Yeroo si argan daandii sirraa jal'ifatu!
⁃ Carraa eeggatanii sobaan dhugaa sirratti bahu!
⁃ Biqiltuuwwan kee irraa amma danda'anitti burqituuwwan gogsuuf yaalu!

⁃ Isaan wallaalota,
⁃ Isaan jibbitoota,
⁃ Isaan warra kufaatiif mallatteessaniidha.
⁃ Isaan koree jibbiinsaati,
⁃ Isaan gurmii mul'ata sakaalanidha.

➾ Ati immoo abbaa kaayyooti,
➾ Ati immoo abbaa mul'ataati.
➾ Ati nama yaada mataa kee hordofuun galma kee isa guddaa sanaaf aggaamudha.

● Maalif isaan dhaggeeffattaree?
● Maalif jechi isaanii kaayyoo keetti shakkii uumuree?
● Maalif miirri kophummaa sitti dhagahamaree?
● Maaf miira jibbamuu keessummeessiftaree?
● Maalif kolfa gowwummaa isaaniitti aartee of miitaree?
● Maalif ofitti banbanuun karoora isaanii milkeessitaafiree?

Isaan hin dhaga'in! Daandii sirrii irra waan jirtuuf itti fufi! Baay'ina jibbitoota kee hin lakkaa'in! Gochaa gowwootaatti hin aariin! Fuuldura isaaniitti fuula kee hin gurraachessin! Atiif isaan dachee tokko irra jiraattu malee addunyaa tokko keessa hin jirtan.
➾ Jabaadhu korma koo!
Ani nama akka keen jaaladha!😅😳😊😁

201 0 1
Katalog
Kanal va guruhlar katalogi Kanallar to‘plamlari Kanallar qidiruvi Kanal/guruh qo‘shish
Reytinglar
Telegram-kanallar reytingi Telegram-guruhlar reytingi Postlar reytingi Brendlar va shaxslar reytingi
API
Statistika API'si Postlar qidiruvi API'si API Callback
Kanallarimiz
@TGStat @TGStat_Chat @telepulse @TGStatAPI
O‘qish
Blogimiz Telegram tadqiqoti 2019 Telegram tadqiqoti 2021 Telegram tadqiqoti 2023
Kontaktlar
Qo‘llab-quvvatlash Email Vakansiyalar
Har xil narsalar
Foydalanuvchi shartnomasi Maxfiylik siyosati Ommaviy oferta
Botlarimiz
@TGStat_Bot @SearcheeBot @TGAlertsBot @tg_analytics_bot @TGStatChatBot