#Akka__Joobiraa_Ta'i!
Amaloota isaa Torban
1)Joobirri ol-ka'insa guddaarratti qofaasaa balali'a. Kan akka quraa, guugee fi simbirroota xixxiqqoo biroo wajjin tasumaa hin balali'u. Iddoon inni oolus bulus nyaatus kan kaanirraa adda.
👉Hiikaa:- Namoota yaada dhiphataa qaban,bakki olmaa isaani sin madaalle, haasan isaani kan nama hin madalle fi jireenyaa kee jeeqanii olka'insa keerra gadi si buusuu fedhan irraa fagaadhu. Hammakee bari warra si madaalan walin jireenya kee qajelchi.
2)Joobirri mullata dhugaa qaba. Waa tokko adamsee qabuuf dandetti 5 km irratti ilaaluu qaba. Wantoonni isa gufachiisan yoo jiraataniyyuu amma wanta adamsee qabachuf yaade sana qabatutti xiyyeeffanna isa tasumaa irraa hin kaasu.
👉Hiikaa:- Wanta bira ga'udhaf yaadde ykn harkakeetti galfachudhaf yaadde tokko amma qabatutti biraa hin hafin rakkinni baay'een si mudachuu danda'a .Rakkina obsaan darbaa karaa kee tolfadhuuti isa aggaamtef sana itti fiigii qabadhu. Jalqaba garuu ilaalcha kee tolchi.
3)Joobirri waan raqa ( du'aa) in nyaatu. Wanta lubbuu qabu qofa nyaata.
👉Hiikaa:- Atis hamma kee beeki. Waan sammuu kee nyaachiftu adda baafadhuu bari. Wantoota gaggaari fi mullata haara ta'e qofa sammukee soori. Gatiin kee guddaa wan ta'ef iddoo jirattus beeki.
4)Joobirri rooba guddaa fi obobolettii guddaa jaallata. Sababni isaas yeroo roobaf bubbee kanatti dummessa gaarrarraatti ba'a. Isa simbirroonni biroon sodaatani rommani muka jalatti namman, inni akka carraatti itti fayyadamee duumessaa gaararraa bahee asi gadi ilaalaa irra bashannana.
👉Hiikaa: Rakkina sitti dhufu hunduma akka carraa milkaa'inaatti itti fayyadamuu qabda. Mudannoon rakkisaan si muudatu kamiyyu karaa ittin olka'insa kee dabaltu ta'u qaba malee kufaati keef sababa ta'uu hin qabu.
5) Joobirri shaakallif of qopheessa. kan nama dhibu joobirri tokko akkaata itti balali'an baruudhaf ykn shaakaluudhaf mandhee keessa jiraatu keessaa wantoota isaaf mijatan hunduma guuree baleessa.
https://t.me dhalot.Qaroo