#Kufaatii_Kiristaanummaa_Wallaggaa_fi_furmaata isaa. (yaadakoo)
In yaadattu yoo ta'e waggoota muraasa dura yeroo ijoollee turre, gaafa nu dhukkubu maatiin keenya Wangeela fudhatanii nutti fiigu, harka nuurra kaa'anii nuu kadhatu. Mana yaalaa yoo nu geessanillee qoricha achii nuu kennamu yeroo nu liqimsiisan "Maqaa Yesuusiin" jechaa nuu kennu. Maqaa Yesusiin garramummaadhaan waamu. Kadhannaatti amanu. Waaqayyos isaan dhaga'a ture.
Nan yaadadha bara 2007 yeroon University galu, abbaan koo fi harmeen koo galgala borumtaa an deemuu akkamitti sa'aatii dheeraadhaaaf akka naa kadhachaa turan; Imimmaanii fi garaa Waaqayyoon amanatu akkamiitiin adaraa Waaqayyootti akka naa kennan, bariis ka'anii kadhannaadhaa fi eebbaan akka na geggeessan. Seenaan kun mana nama hundumaa keessa jira. Kadhannaa fi humna Waaqayyoo amanuun maatii keenya biratti waan filannoo keessa hin galle ture.
Kana hunda gaafan yaadadhu, amma maaltu maatii keenya argateen jedha. Nus immoo eenyurraa amantii dhabuu akkasii akka barree fi kufaatiin akkasii eessaa akka nutti dhufetu naa galuu dida.
Mee deebi'aa maatii keessan ilaalaa!
Yeroo isinis ta'e namni biraa dhukkubsatu isa dur Wangeela fudhatanii sii kadhatan amma Zayita Raajii(?) Masarat fudhatanii isinitti fiigu. Yoosin karaa deemuuf kaatan Zayitii Raajiifaatu(akka waamicha isaaniitti) akka galaatti isiniif dhi'aata. Namni hunduu keessumaa namni goda keenyaa, akka Xonqolaatti Zayitii Raajiifaa(?) manaa qaba (garri caalaan immoo mataa dura kaawwatee rafa.)
Isa dur nuyi yeroo utuu hin beekin waan sirrii hin taane Waaqayyo duratti dubbannu nu dheekkaman caalaa, amma yoo isin Raajiifaa(?) comment gootan, "dhiisi dhiisi in rukutamtaa, nama Waaqayyoo irratti hin dubbatin" jedhanii isin doorsisu. Amma Raajiinfaa maatii keenyaaf Waaqa tolfamaa ta'uura darbanii, Waaqayyo isaan caalaa Raajiifaa(?) akka beekuu fi isaan qofa akka dhaga'uutti laphee hundumaa qabataniiru.
Uummati dur waan hundumaatti 'kadhatteettaammoo Waaqayyoon' jedhee wal gaafatu, amma "touch raajiifaa(?) argatteettaaree maaloo?" jedhee wal gaafata. Isa dur akka maatiitti soomaan kadhatu, amma Raajiifaatu(?) sooma(tsoomii) labsan jedhee hagabuu oola.
Baay'een namaa fayyiteetta isaaniitiin, ofii kadhachuu dhiisee, mana yaalaa dhaquu didee dhukkuba isaa wajjin, caba isaa wajjin rakkina argaa jira. (naman dhi'eenyan beeku dabalatee). Oduulee tokko tokko warran qaamaan hin beekne hin kaasu, isinuu baay'eesaa beektu waan ta'eef. (Waa'ee raajiifaa(?) ittan deebi'a guyyaa biraa)
Saba koo Wallaggaa, dursanii warra Wangeelaa jireenyaa kana dhaga'an, warra saba biraaf jireenyicha labsuu qabantu karaan harkaa bade. Wangeela isa dukkana wallaalummaa sana keessaa isa baase dhiisee, harka Zayitii raajotaatti kufe. Gola gola maatii keenyaatii kadhannaan badeera. Dargaggoonni Wangeela dhaga'aa guddatan, amma biyya lafaa keessaa mata duree oduudha, Waan biyya lafaatiif wal cabsaa oolu. Siyaasa biyya lafaaf garba ta'aniiru.
Amma Saba keenyaaf irra deebiin Wangeelatu barbaachisa. Kufaatiin karaa hundaa nu mudate hundeensaa isa kana. Isa Wangeelaan arganne sana Wangeela dhiisuudhaan dhabne waan ta'eef, achi gara hundee jalqabaa (gara Waaqayyoon qofaa beekuu fi amanuutti) deebi'uu qabna. Waaqolii tolfamoo maqaa Yesuusiin dha'aachaa sossobbaadhaan gola keenyaa seenan sana akka warra dur dhiisnee dhufneetti gad yaasuu barbaachisa. Iddoo irraa kufne sana deebinee ha ilaallu, yoos in kaanaa.
Maatii keessan irraa jalqabaa. Lafichi deebi'ee Yesuusiin ha urgaa'uutii, deebi'ee Yesuus gola namaa hundumaa ha seenuutii.🙏
Er. 29
¹² Yommus isin gara kootti deebitanii maqaa koo waammattanii ana in kadhattu, anis isiniif nan dhaga'a;
¹³ isin ana in barbaaddattu; garaa keessan guutuudhaan yoo ana barbaaddattan, na argattu. Jedha.
By Sami
t.me//Youth4Christ1