“Ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jira; yommus adduma addaan akka hojii isaatiitti gatii isaa in kennaaf.”
— Mat. 16:27
Hojii akkamii hojjetaa jirta?
Yesuus biyya lafaa irra yeroo fooniin deddeebi'aa turetti xiyyeeffannaan duuka buutota isaa waan biyya lafaa qofaarra akka hin taane baayyee barsiisaa tureera. Sanarra kan darbe iyyuu nuti kan biyya lafaa akka hin taane, biyyi lafaas iddoo nuti yeroof keessa jiraannu akka ta'e dubbateera. Yeroo biyya lafaa kana keessa jiraannu immoo akka ijoollee ifaatti deddeebi'aa nuun jedheera. Egaa obboloota ko biyya lafaa kan keenya hin taane kana keessatti "maal hojjetaa jirtuu?, hojiin isin hojjetaa jirtan hoo maal isin argachiisaa?" Gaaffiin kun nuti kan deebisnuudha.
Garuu an waan tokko qofaan isin yaadachiisuu barbaada, innis wanti nuti hojjennu hundisaa gatii nuuf kaffalchiisa. Kaameeraan waaqayyoo hojii nuti harra hojjetaa jirru ni waraaba, isarrayyuu kan darbe "waan dubbattan hundumaa sababii isaa wajjin himuuf jirtu" jedha.
“Wanti Waaqayyo uume tokko illee isa duraa dhokachuu hin danda'u; wanti hundinuu saaqamaa, ija isaa durattis mul'ataa dha; nus waan goone sababii isaa wajjin isatti himuun nu irra jira.”
— Ibr. 4:13
“Kanaafis nu keessaa hundumtinuu adda addaan waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf jira.”
— Rom. 14:12
Kanaafuu wanta harra hojjetaa jirru sababa isaa ibsuuf yommuu gaafatamnu ija jabina akka qabaannuuf isa Waaqayyo jaallatu haa hojjennu! Hojiin qajeelummaa, nagaa fi gammachuudhaan hojjennu Waaqayyoon in gammachiisa. Hojiin ija hojii foonii agarsiisu hundumtuu garuu kan Waaqayyoon gaddisiisuudha. Guyyaa fuula keenya dura jiru keessaa guyyaan fuula Waaqayyoo duratti argamuun gaafatamnu waan jiruuf wanta Waaqayyo hin jaallanne irraa haa fagaannu, gatii gaarii ta'e akka argannuuf immoo Waaqayyoon sodaachuudhaan haa jiraannu. Gooftaan ayyaana isaa dabalee nuuf haa baayisu!
@Youth4Christ1