garuu sababii namootni dhunfaa kennaa ayyaanaa da'achuun fedhii dhuunfaa isaanii ittiin guuttachuuf yaalaniifiidha.
dadammaqiinsi kun rakkoo heedduus uumee jira.
yeroo kanaas kennaa qofa osoo hin ta’in fayyinni ayyaanaan qofa ta’uun yeroo itti barsiifameedha.
5. Yeroo fi bara sodaachisaa isa ammaa yeroon kun yeroo kam caalaa yeroo itti namoonni karaa jireenya isaanii jijjiiruun gara Jireenya isa dhugaatti deebi'uuf itti socho'aa jiran ta'uu argaa jirruu dha.
Barsiisa ayyaanaatiin wal qabatee yeroo ammaa kanatti Waldaa Kristiyaanaa keessaa balaawwan gurguddoo lamaatu jira;- isaaniis
A. Warra karaa naamusaa qabeessaa fi dhugaa fakkaatutti fayyadamuun dhalootni akka fayyinni seera eeguun ta'etti akka yaadu gochuu barbaadaniin Waldaan bifa Kristoos akka dhabdu godhaa dhufeedha. (warra dambii fi seera dhunfaa isaaniitiin dhaloota garbummaatti deebisan) kanneen amala Galaatiyummaa tiin guutaman.
warri kun eenyullee caalaa warra hojii fayyisuu Yesuus hojjate salphisaa jiranii dha.
B. Warra ayyaana da'oo godhachuun xuraa'ummaa fi seera maleessummaan dhaloota mancaasaa jiranii dha. qormaanni Waldaa bara kanaa inni guddaan isa kana.
- Waa'ee warra kanaa gabaabsinee ilaaluuf amala isaanii muraasa akka kanaan argina.
#Qulqullummaa_jibbuu;- "ayyaanaan fayyine waan ta'eef akka barbaadnetti yoo jiraannees hin badnu" jechuun warra ayyaana akka humna cubbuurraa fayyisuutti osoo hin ta'in akka eeyyama cubbuutti fudhatanii dha.
#Luqqifattummaa;- Kitaaba Qulqulluu guutuutti amanuu diduun kutaa isaan barbaadan qofa fudhachuun cubbuuf eeyyama godhachuuf yaaluu.
#Cabsattummaa;- dhaloota Waldaa keessa jiru irratti xiyyeeffachuun tokkummaa Waldaa diiguun dhaloota cubbuu jaallatu cabsanii baafachuun xuraa'ummaaf itti fayyadamuu.
#Seera_maleessummaa;- dhaloota gadhiisii godhuun warra naamusa jireenyaa tiif iddoo hin qabne godhuun bifa qulqullummaa dhalootarraa balleessuu.
#Barsiisa_miiraa;- baruumsa sammuu fi miira namaa qofa sochoosu kan jijjiirama jireenyaa hin eeyyamne fi of qabuu nama dadhabsiisu (fedha cubbuutiif dhaloota kakaasu).
#Faaltummaa;- dhaloota baadiyyaa fi magaaloota xixiqqoorraa gara magalaa guddoo fi mana baruumsa olaanoo dhufan leenjii barsiisa xuraa'ummaa kana fudhachiisuun dhaloota Waldaan duubaa abdattu akka xureessaniif caasaa isaanii diriirsuun kan hojjatanii dha.
fi kkf....
Warri kun ilmaan seexaanaa, haramaa abbaan isaanii daabiloos ittiin dhaloota jireenya maleeyyii gochuuf bara kana keessa kaafatee dha.
"Ayyaanaaniin fayye" jachaa xuraa'ummaa baballisuuf hojii hojjatamu fi manca'iinsa ilmaan seexanaa dhalootarraan ga'aa jiranii fi gahuuf karoorfatanii irratti hojjachaa jiran mormuuf yeroon amma.
Egaa xumurarratti;- Ani barsiisoota sobduu fi yeeyyota warra dhaloota xureessan fi raajoota sobduu yeyyoota warra dhaloota nyaatan mormuuf dirqamaan qaba, aarsaa inni na gaafatuus taanaan kafaluuf yoom illee qophiidha. Ani garee dhugichaati. Dhugaa lallabuufi dhugaa jiraachuun itti fufa!
t.me//Youth4Christ1