bitu dandayya ture.
Namooni 8 erga duuti itti murtooytee booda qabsoo Haaji Ahmad Nuureetiin bilisa bahan;-
1. Muuttaqii Sheikh Muhammad-Rashiid (Abbaa Afandii Muttaqiiti).
2. Ahmad Al-Hadi Hussein (madda Seenaa qabsoo Oromoo Caracr kan tahe ).
3. Mohammed Bakar
4. Usmail Ahmayyu
5. Najaash Usmail (Abbaa Mahammadi fi Iliyaas Najaashee faa)
6. Wayyaa Ibroo (Abbaa Ahmadoo Wayyaa)
7. Mohammed Abdoo (Luungoo)
8. Amiinoo Abdurahman (Amiinoo Tuutii, Abbaa Iskindar fi Muja'id) faa dha turan.
Yeroo sanitti saddeetan kana malees namooni 3 haala addaatiin, Harar fi Shaggaritti akka hidhaman tahe. Hidhaa ji'a 6 booda gadi lakkifaman. Saddeen kun ;-
1. Mahaammed Zakir (Meyraa)
2. Sa'id Sufiyaan
3. Sa'id Hulloo (Ilma Huulloo Wadaay) turan.
Haaji Ahmad Nuuree Qabsaa'aa dha, Goota, Dippiloomaatii dha, nama ta Taphataa abbaa koflaa fi jaalalaati. Iddoo inni jiru mara sabboonummaa qofaa miti, kolfaa fi taphaatu jira. Nama hawaasni Carcar guutuun jaalala isaatiin booji'ame tokko yoo jiraate Haaji Ahmad Nuureeti. Yeroo tokko Artsit Dr Alii Birraan afaan isaatiin akka naaf himeeti, "Ani galamsoo amma duraa takkaa dhaqee hin beeku ture. garuu nama tokko kaniin bara Haayilasilaaseerraa kaasee sabboonummaa fi amala gaariin isa beekuun qaba. Innis Haaji Ahmad Nuuree ti" naan ja'ee ture. Kunnimoo kan nutti agrsiisu Haaji Ahmad Nuuree dur irraa jalqabee nama iddoo sabboontootni oromoo jiru mara dhaqee isaaniin wal quba qabu tahuu isaati. (Haa tahu garuu booda Dr Artist Alii Birraanis bara 2013 Galamsoo Dhaqee, Magaalatti Seena qabeessa taate tanas argee jira. Dhimma hojiitiif waji dheeyne ture).
Haaji Ahmad Nuuree Galamsoo keessaa nama ilmaan hedduu qabu tahunis ni beekama. Dubartoota 14 akka dhalche himama. Sabboonummaa fi onnee qabsoo ofiif qabus ilmaan isaa akka dhaalchisse jiru sabboonummaan yeroo ammaa ilmaan isaa fi ilmaan ilmaan isarraa mul'atu ragaa dha. Haaji Ahmad Nuuree Soddaa #Artist_Daawwitee_Mokoonan, #Soddaa_Dinquu_Dayyaas fi Kkf ti turan. Ilmaan Haaji Ahmad Nuureetis dhaloota Eenyummaa ofiitii fi saba isaaniitiin qoosa hin beeyne,ijoolee jajjabee bakka nuuf buusee nama gara fuula rabbii deeme dha Haaji Ahmad Nuuree. Seenaa fi gumaachi Haaji Ahmad Nuuree qabsoo Ummata Oromoo keessatti arjoome hangana qofaa miti hedduu dha. Fuul duras kan itti dachaanu taha. Ammaf kanumaan adda galla.
Fuulli Rabbi Itti Haa Tolu!!!
#Horaa_Bulaa
#Deebanaa!!
@etbisahusen