Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Konfiransii 'Nagenyi Hundaaf' jedhu Galma Yaadannoo Adwaatti qopheesse
****
Konfiransii kana irratti haasawa kan taasisan hoggantuun Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa, mootummaan jijjiiramaa erga aangoo qabatee as nageenya magaalattii eeguun cinaatti hojiilee misooma magaalattii heddu hojjachuu himan.
Nageenyi dhala namaa hundaaf barbaachisaa ta'uu isaatiin namni hundi nageenyaaf dursa kennuun qaamolee nageenyaa deeggaree hojjachuu akka qabu ibsan.
Nageenyi yoo hin jiraanne hojjatanii galuun, ilmaan horanii guddisuun hin danda'amu waan ta'eef qaamoleen qawwee hidhatanii socho'an gara nagaatti akka dhufan dhaaman.
Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee qaamolee Nageenyaa wajjin ta'uun nageenya lammiileee eegsisuuf hojjata jiraachuun ibsameera.
Konfiransii kana irratti waraqaan qorannoo dhimma nageenyaa irratti dhiyaateera.
Jamaal Nageessootu gabaase