Har'a mana murtiitti...
Namicha tokkotu bulchaa keenya tokko ‘maaloo’ haadhakee jedhee waan arrabseef himatame. Namichattis, ragaan gamaa gamanaa ilaalamee, himatni fi deebiin jiru sakatta'amee waggaan wayii itti murteeffame. Dhaddacha irrattis sababa murtii kana ittiin xiqqeeffatu gaafatamnaan akkas jedhe:
“Taadiwoos Taantuu nama miliyoonaan lakkaa'amu arrabsee, waggaa jahaaf ji'a sadii qofatu itti murteeffame. An nama tokko arrabsee akkamittan waggaa hamma kanaa adabama? Naaf haa ilaalamu” jedhe.
Gidduudhaan, abuukatoon bulchaa keenyaa...
“ Yaadni yakkamaan kun dhiyeessan kufaadha. Obboo Taadiwoos, miliyoonota arrabsan. Namni kun ammoo bulchaa miliyoonotaa arrabsan. Kanaafuu murtiin itti murtaa'e ragga'uu qaba” jedhan.
Himatamaan yakkamaa jedhaman sunis battalumatti deebii kennan.
“Bulchaan an arrabse sunis, miliyoonotuma bulchaa jiran sana faana waan arrabsamaniif yakkikoo kan Taadiwoos Taantuu ol hin ta'u. Kanaaf naaf haa ilaalamu” jedhan.
🤔😉
Kana booda hin dhaggeeffanne.
@Qoosa430