Demookiraatonni filannoo Ameerikaan injifatamuu hordofee walqeequu itti fufan
Af-Yaa'iin duraanii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Ameerikaa Naansii Peeloosii Joo Baayidan dorgommii keessaa dafee bahuu dhabuun warri Demookiraatootaa akka injifatamaniif sababa olaanaa ta'uu ibsaniiru.
Osoo Pireezidantichi dafee dorgommii keessaati bahee kaadhimamtoonni biroo carraa argatu ture jedhan.
Baayidan Donaaldi Tiraamp wajjin falmi dadhabaa tahe taasisuu irraa kan ka'e warri Demookiraatoota akka moo'aman dhiibbaa guddaa ta'uu Naansii Peeloosiin eeraniiru.
Pireezidantichi battalumaan Kamaalaa Haariisiif deeggarsa waan kenneef kaadhimamtoota biroo gara dorgommichaatti fiduun waan hin danda'amne ture, Osoo dursee baheera taheetii, bu'aan argamu adda taha ture jechuun Pireezidaanti Joo Baayidan komataniiru.
Duula Kamaalaa Hariis warreen hojjetaa turanis Baayidan dafee dorgommii keessaa bahuu dhiisuusaa komataniiru.
Deeggartoonnii fi miseensonni Paartii Demokiraatootaa hedduun mo'amuu paartii isaaniif Joo Baayidan haalaan komachaa jiraachuu BBCn gabaaseera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡