#Xiyyeeffannoo
Yuunivarsitii Waachaamootti barataa itti aanaa Pirezidaantii Gamtaa barattootaa ta’uun tajaajilu haala sukanneessaan reebuun miidhaa irraan ga’an.
Barataa Abdullaah Ahmad itti aanaa
Pirezidaantii Gamtaa barattoota
Yuunivarsitii Waachaamoo ta'e hojjataa jira. Sadaasa 03/2017 sababa tokko malee jibba gandummaa irraa ka’uun reebichi hamaan irratti taasifameera.
Barataan kun sabaan Oromoo yommuu ta’u reebichi kun kan
raawwatame ijoollee “local” ykn naannoo sanaatiini.
Akka odeeffannoo miidiyaan @Abdii_Sabaa argatetti, Inni rukute miseensa Gamtaa barattootaa ta’ee osoo jiruu sadarkaa mucaan kun argate nama barbaadaa tureefi angoo kana innis ofiin barbaadaa waan tureef yeroo baayyee mucaa kana qeeqaa fi jibbaa nama turedha. Barataan reebicha kana raawwate jedhames barataa muummee maanajimentii waggaa sadaffaadha.
Itti aanaan gamtaa barattoota Yuunivarsitii Waachaamoo Abdullaahiin yeroo hedduu darara irra qaqqabaa jiru kanas qaama dhimmi ilaallatu beeksisaa tureera jedha maddi keenya.
Kanaan Wal qabatee barattoonni
oromoo mooraa sana keessa jiran
gaaffii mirgaa gaafachuuf har'a ganama walitti qabamani turaniiru, dhiiga obboleessa isaaniis falmaa jiru.
Gochaan akkana kun yeroo baay'ee
mooraa sana keessaatti ijoollee oromoo ta'an irratti geeggeeffamaa dhufaa jira.
Barattoonnis gochaan akkanaa akka irraa dhaabbatuuf adeemsa seera qabeessa hordofuun adeemaa jiru.
Barataan miidhaan irratti dhaqqabe ammaaf hospital hosaanaatti yaalamaa jira.
Barattoonni Oromoo gama isaaniitii “dhiigaa mucaa keenyaa falmaa jirra, Abbaan yakkaas murtii sirrii akka argatu gaafacha jirra” jechuun qaamni dhimmi ilaallatu marti dhimma isaanii akka hordofu gaafataniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡