“Nyaati nu jalaa badee dararamaa jirra!”
Barattoota rakkina nyaataa mudachaa jiruuf jecha ganama harraa sagalee isaanii dhageessisan!
Yuunivarsitii Ambootti barattoonni ganama harraa hiriira taassisuun sagalee isaanii dhageessisaniiru.
Ganama harraa Yuunivarsitii Ambootti barattoonni qulqullina nyaata dhiyaataafi jiruu komatan. Yuunivarsitichatti rakkoon qulqullina nyaataan walqabatu irra deddeebiin kan nu qaqqabu yommuu ta’u, tibba kana erga ministeerri barnootaa bajata Oolmaa nyaata barattoota fooyyessee as haalli daran ammaachuu barattoonni miidiyaa @Abdii_Sabaa tti himaniiru.
Akka barattoonni kunniin jedhanitti
- “nyaanni nyaannu dhukkuba garaachaaf nu saaxila”
- “Nyaati nuuf dhiyaatu bishaaniinillee gadi dabarsuun ni ulfaata”
- “ Yuunivarsitii Ambootti dhimma nyaataa irra deddeebiin komii yeroo dhiheeffannu, nyaati hin banne nuun jedhu, garuu waan nuti itti jirru rabbi qofatu argaa jira, maaloo sagalee nuuf ta’aa”
- “ Rakkoo nuti qabnu rakkoo nyaataati, nyaati dhihaataa jiru qulqullinni isaa kan nama gaddisiisudha, qaamni dhimmi ilaallatu furmaata nuuf haa kennu”
- “ jiraachuuf nyaachuun barbaachisaadha, barachuuf ammoo sooranno murteessa, ijoolleen qarshii qaban yeroo tokko tokko alaa fayyadamu, nuti Ilmaan iyyeessaa rakkoo kana eenyumatu nu dhaga’a, maaloo furmaata nuuf barbaada” jechuun barattoonni Yuunivarsitichaa komii qaban dhiheessaniiru.
Qaamni dhimmi kun ilaallatu martis sagalee barattootaa dhaggeeffachuun furmaata akka kennuuf gaafatu barattoonni Yuunivarsitii Amboo.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡