SEENAA ADDAA
BADII RABBI SIIF DHOKSE IFA BAASUUF HIN ARIIFATIN
Namoonni ati jaalatus akka seenaa kanarraa barataniif #Share godhii
Guyyaa tokko haati mana foon bittee galtee manatti osoo abbaa manaa ishee waliin nyaachaa jirtuu,
Abbaa mana : Galaane foon kana essaa bitte jedhee gafate.
Haadha manaa(galaanee) : Mana Tolaatin bite jetteen.
Abbaa manaa : Tu! tu!..tu..tu... jedhee nyaata sila nyaachaa jiru tufee ani waan mana Tolaatii dhufe akkamittan nyaadha? Inni diina kooti jedhee itti hime.
Isheenis : rifattee akka qoricha qabu addaan baasuuf foon sana sareedhaaf kennani sana booda sareen nyaatee cal jedhe. Yeroo kana nuus ha nyaannu jedhanii itti dacha'an.
Osoo nyaachaa jiranii hojjattuun manaa figdee dhuftee. Sareen keenya du'e jetteen.
Rifatanii anas kan na ajjeese haadha manaa kooti jedhe.
Miira sodaatiin haasawa itti fufee,
Abbaa manaa : "Erga duuti koo hin oollee waanan sii dhokseetu jira sitti himeen du'a" jedheen.
Haadha manaa : maalinni jetteen.
Abbaa manaa : Guyyaa lama hojjattuu mana kenyaa waliinin bule jedheen.
haadha manaa; erga du'un koo hin oolle anis waanan sii dhoksen qaba jetteeni.
abbaa manaa : maalinni jedhee gaafate.
Haadha manaa : Ijoolleen ani da'e lachuu kan Waarddiyyaa keenyaati malee kan kee miti jetteen.
Osuma ta'anii ija keessa wal ilaalanii Waardiyyan mana isaanii figee dhufee konkolaatichi qabameera jedheen.
Konkolaataa kan maali? jedhaniin. Kan saree keenya ajjeese jennaan, innis isheenis ijaan lafa laaluu jalqaban.
Rifatun amma kaa, kiwu jechun amma kaa😂
Mee maal irraa hubatte?