Biiroo Fayyaa Oromiyaa


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Tibbiyot


This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia.
🌐 http://www.orhb.gov.et/
📁 Government Official
✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia
📞 +251113717227

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


Biiroon fayyaa Oromiyaa raawwii hojiirra oolmaa roodmappii fooyya'iinsa sagantaa ekisteenshinii fayyaatiin tokkoffaa bahuun beekamtii argate. Beekamtii kanas hoggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa piroofesar Natsaannat Warqinah deetaa ministeera fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa harkaa fuudhaniiru. Baga gammaddan, baga gammadne.

#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


Kenna tajaajila Buufanni fayyaa fi Hospitaala jalqabaa Hoolotaa manaajimentii biiroo fayyaa Oromiyaa fi Hooggantoota bulchiinsa magaalaa Hoolotaatin ilaalanii jiru. Bitootessa 26 bara 2017.
Hoolota
==================================
Manaajimentiin biiroo fayyaa Oromiyaa haala kenna tajaajila Hospitaala jalqabaa fi Buufata fayyaa Hoolotaa irra jiru ilaalan.

Kaayyoon isaa haala kenna tajaajilaa dhaabbilee kanneen keessatti ciminoota fi hanqinaalee jiran adda baasuun cimonoota jiran jajjabeessuu fi rakkoowwan mul'atan irratti fala furmaataa kaa'uuf

Sagantaa kana irratti hooggantuun biiroo fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaanat Warqinah argamuun kenna tajaajilaa ilaalan kana irraa hojiiwwan gaggaarii ta'e kan argan ta'uu kaasuun waantoota xiyyeeffannaa barbaadanis heeranii jiru.

#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


Biiroon Fayyaa Oromiyaa Beekamtii Argate. Bitootessa bara 2017.

==============================
Biiroon Fayyaa Oromiyaa qabxii madaallii  Ministeerri Fayyaa  Sagantaa Ittisaa fi To'annoo dhibee daranyoo sombaa(TB) fi Juuzaam kaa'een raawwii olaanaa galmeessun beekamtii  argatee Jira.

Konfiraansii 19ffaa Qo'annoo fi Qorannoo Dhibee daranyoo sombaa(TB)  Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa Yunivarsiitii Arbaa Mincii waliin Magaalaa Arbaa Mincitti gaggeesse irratti  naannoon Oromiyaa  qabxilee madaalli ministeerri  fayyaa kaa'een raawwii olaanaa waan galmeesseef beekamtiin kennameefii jira.
Beekamtii argame kanaaf qooda fudhattoonni hundi baga gammaddan jechaa, milkaa'inni kun akka cimee itti fufuuf xiiqii fi kutannoon hojjachuu qabna.

#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


Faayidaa Sochiin Qaamaa/Ispoortiin/ Fayyaaf qabu
Sochii qaamaa haala idilee ta'een guyyaatti  daqiiqaa 30f yoo xiqqaate  torbeetti guyyaa 3f hojjachuun fayyumma keenyaaf murteessaadha. Faayidaan isaatiis:-


•  Dhibeewwan daddarboo hin taane garaagaraa nama irraa ni ittisa 
•  Dhukkubbii dugdaa ni hir’isa
•  Fayyaa gogaa keenyaaf barbaachisaadha
•  Sammuun keenya akka bashannanuu fi hirriba gahaa akka argannu ni taasisa
•  Jabina lafee fi maashaaleetiif
•  Dhiphina sammuu ni hir’isa
•  Umurii dheeraa akka jiraannuu ni gargaaraa  ( qorannoowwan gara garaa akka ibsanitti namoonni ispoortii  hojjatan kan hin hojjenne caala umurii waggaa torbaa ni jiraatu).

“sochii qaamaa ykn Ispoorti hojjachuu haa amaleeffannu”


Fayyaan ta’a.

#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


Du'aatii daa'imman kichuu hambisuu keessatti hirmaannaan qooda fudhattootaa murteessaadha.
Bitootessa 12, bara 2017, Finfinnee

==================================
Biiroon Fayyaa Oromiyaa du'aatii daa'imman kichuu xiqqeessuu fi kenna tajaajila dhaabbilee fayyaa keessatti si'ataa, dhaqqabamaa fi qulqullina qabu mirkaneessuuf hojjachaa jira.

Dhaabbanni 'Saving Little Lives 360' Yuunivarsiitii Finfinneetti giddugalli hojiirra oolmaa saayinsii( Center for Implementation Sciences) waliin ta'uun biiroo fayyaa Oromiyaatiif meeshaalee yaalaa gosa garaa garaa du'aatii daa'imman kichuu hir'isuuf oolan qarshii miliyoona 33 olitti tilmaamamu gumaachee jira.
Sagantaa wal-harkaa fuudhinsaa kana irratti Hooggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaanat Warqinah argamuun akka jedhanitti mootummaan meeshaalee yaalaa dhabbilee fayyaatiif guutuuf hojii hojjachaa jiru cinaatti deeggarsi dhaabbilee deggartootaa murteessaa ta'uu kaasuun deeggarsa taasifame kanaafis dhaabbaticha galateeffatanii jiru.

Sadarkaa biyyoolessaatti qindeessaan dhaabbata " Saving Little Lives 360' Obbo Abiyyii Seefuu gama isaaniitiin akka jedhanitti, meeshaaleen deggarsaan kennan kun du'aatii daa'imman kichuu hambisuu keessatti gahee guddaa qabaachuu kaasuun deggersa kanaas cimsanii kan itti fufan ta'uu dubbatanii jiru.

#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


Fayyaa kalee keenyaa akkamiin eegganna?


Mallattooleen dhibee Kalee:
•  Fincaan dhiiga qabaachuu, hangi isaa xiqqaachuu/baay’achuu
•  Dhiita’uu qaamaa naannoo miillaa, ijaa, fi harkaa
•  Dadhaabbii fi dhukkubbii dugdaa
•  Ol ol jechuu/ol deebisuu
•  Fedhiin nyaataa xiqqaachuu
•  Rakkoo afuura baafannaa
•  Dhiibbaan dhiigaa ol ka’uu
•  Dhamdhamni afaanii jijjiiramuu

Maloota ittisa dhibee kalee:
•  Waantota dhibee kanaaf nama saaxilan to’achuu( dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba sukkaaraa fi onnee)
•  Amala jireenyaa fayyaalessa hordofuu:
•  Nyaata fayyaalessaa soorachuu,
•  Sochii qaamaa ittifufinsaan taasisuu,
•  Ulfaatina qaamaa eeggachuu,
•  Tamboo xuuxuu dhiisuu,
•  Alkoolii fayyadamuu dhiisuu/xiqqeessuu
•  Bishaan gahaa guyyaadhaan dhuguu( hanga litira 2)
•  Qorichoota dhukkubbii hir’isan ofiin fudhachuu dhiisuu
•  Qorannoo fi Hordoffii fayyaa taasisuu

#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


Gamaaggamni raawwii hojii ittisaa fi to'annoo dhukkubootaa ji'oottan jahan darban gaggeeffamaa jira . Bitootessa 7 bara 2017 Shaashamannee.

===================================

Biiroon Fayyaa Oromiyaa raawwii hojii ittisaa fi to'annoo dhukkubootaa ji'oottan jahan darban hojjatamaa ture qooda fudhattoota godinaaleefi magaalota Oromiyaa wajjii qorachaa jira.

Hoogganaa ittaanaan Biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa saganticha irratti argamuun akka jedhaniitti dhukkuboota dursa ittisuun hawaasa fayyaa qabu horachuuf murteessaa ta'uu ibsaniiru.

Obbo Darajjeen itti dabaluun , kenna tajaajila fayyaa milkeessuuf hojiileen xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu kaasun, to'annoofi ittisa dhukkubootaa irrattis sadarkaa dhaabbilee fayyaa fi hawaasatti kutannoo guddaan hojjatamaa jiraachuu ibsanii jiru.
Sagantaa kana sababeeffachuun hojiin muuxannoo aanaa qulqullooftee godiina Arsii Lixaatti keessatti hojjatame daawwatamee jira.

#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa



16 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.