Tamiru Maka️


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha


Business | Finance | Accounting... for business owners, entrepreneurs, and students.
Buy ads: https://telega.io/c/BusinessAcadamy
Admin: @tmaka2

Bog‘liq kanallar

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


‎𝗠𝗼𝗰𝗸 𝗘𝘅𝗮𝗺 jalqabaa qopheessineerra (gaaffii 100 koorsii hunda keessaa)
‎
‎Odoo 𝗦𝗸𝗶𝗹𝗹 𝗚𝗮𝗽 hin eegalin dura barattoonni qorumsa qoramu.
‎
‎Maaliif?
‎
‎- Sadarkaa maalirra akka jiran baruuf nus isaanis gargaara.
‎
‎- Koorsiiwwan hunda keessaa isa kamtu irra caalaa akka itti cimu adda baafachuuf nus isaanis gargaara.
‎
‎Kunis koorsii kam irratti irra caalaa xiyyeeffachuu akka qaban isaan gargaara.
‎
‎Kana xiinxaluuf akka nuuf mijatuuf kutaa 5tti qoodne:
‎
‎Kutaa 1ffaa: Gaaffilee 36 kan of keessaa qabu yoo ta'u, 𝗙𝗶𝗻𝗮𝗻𝗰𝗶𝗮𝗹 𝗔𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁𝗶𝗻𝗴 𝗮𝗻𝗱 𝗥𝗲𝗽𝗼𝗿𝘁𝗶𝗻𝗴 irratti xiyyeeffata.
‎
‎Kutaa 2ffaa: Gaaffilee 16 kan of keessaa qabu yoo ta'u, 𝗖𝗼𝘀𝘁 𝗮𝗻𝗱 𝗠𝗮𝗻𝗮𝗴𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗔𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁𝗶𝗻𝗴 irratti xiyyeeffata.
‎
‎Kutaa 3ffaa: Gaaffilee 20 kan of keessaa qabu yoo ta'u, 𝗙𝗶𝗻𝗮𝗻𝗰𝗶𝗮𝗹 𝗠𝗮𝗻𝗮𝗴𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗮𝗻𝗱 𝗠𝗮𝗿𝗸𝗲𝘁𝘀 irratti xiyyeeffata.
‎
‎Kutaa 4ffaa: Gaaffilee 14 kan of keessaa qabu yoo ta'u, 𝗔𝘂𝗱𝗶𝘁𝗶𝗻𝗴 irratti xiyyeeffata.
‎
‎Kutaa 5ffaa: Gaaffilee 14 kan of keessaa qabu yoo ta'u, 𝗣𝘂𝗯𝗹𝗶𝗰 𝗙𝗶𝗻𝗮𝗻𝗰𝗲, 𝗧𝗮𝘅 & 𝗣𝘂𝗯𝗹𝗶𝗰 𝗦𝗲𝗰𝘁𝗼𝗿 irratti xiyyeeffata.
‎
‎Walumaagalatti gaaffilee 100 kan of keessaa qabu yoo ta'u, gaaffileen kun 𝗰𝗼𝗻𝗰𝗲𝗽𝘁, 𝗰𝗮𝗹𝗰𝘂𝗹𝗮𝘁𝗶𝗼𝗻 fi 𝘀𝗰𝗲𝗻𝗮𝗿𝗶𝗼 of keessatti hammata.
‎
‎Yeroo qormaataa daqiiqaa 150 qofa.
‎Qorumsi 𝗼𝗻𝗹𝗶𝗻𝗲-dha.
‎
‎Barataan 60 ol fide... nu biratti barachuun hin barbaachisu, ni darba 😃.
‎
‎Barattoonni amanamummaadhaan 𝗚𝗼𝗼𝗴𝗹𝗲 fi 𝗔𝗜 yoo fayyadamuu baatan, qorannoon keenya dhugaa irratti hundaa'e ta'a… isaanis fayyada.
‎
‎Ammallee kanneen galmaa'uu barbaaddan link armaan gadii fayyadamaa yee:
‎
‎https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSfaPMPpJe_hRO9uU2WZacCCTqdo5f9gUghDa5VYRXcR1UpsYw/viewform?usp=dialog


Har'ammoo Gaaffii...

Garaagarummaan Capital Expenditure fi Revenue Expenditure Maali?


‎𝗖𝗼𝘀𝘁 𝗔𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁𝗶𝗻𝗴 keessatti jechoota ijoo ta'an kanneen armaan gadii irra deddeebinee dhageenya:
‎
‎- Fixed Cost
‎- Variable Cost
‎- Break-Even Point
‎- Target Profit
‎- Contribution Margin per Unit
‎
‎Garaagarummaan isaanii maali? Daldala keessatti akkamitti itti fayyadamna?
‎
‎Barreeffama kana keessatti... jechoonni kun hojii qabatamaa keessatti akkamitti akka fayyadan sitti agarsiisa.
‎
‎𝗙𝗮𝗸𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮... Caaltuun buna danfistee gurgurti haa jennu.
‎
‎Siinii tokko maamila ishee biraan gahuuf qarshii 15 itti baasti haa jennu (buna dheedhii, sukkaara fi kasalaaf)
‎
‎Baasiin akkasii 𝘃𝗮𝗿𝗶𝗮𝗯𝗹𝗲 𝗰𝗼𝘀𝘁 jedhama, jechuunis "𝗕𝗮𝗮𝘀𝗶𝗶 𝗝𝗶𝗷𝗷𝗶𝗶𝗿𝗮𝗺𝗮𝗮" jechuudha.
‎
‎Maaliif "variable cost" jedhame?
‎
‎Caaltuun siinii sadii qofa yoo gurgurte, baasiin ishee qarshii 45 ta'a. Siinii shan yoo gurgurte, baasiin ishee qarshii 75 ta'a. Baasiin sun hamma gurgurtaa raawwatame wajjin waan jijjiiramuuf 𝘃𝗮𝗿𝗶𝗮𝗯𝗹𝗲 𝗰𝗼𝘀𝘁 jedhama.
‎
‎Kuni ifa.
‎
‎Tole.
‎
‎Kiraa manaa, ibsaa, bishaan fi mindaa hojjettuu isheef ji'aan qarshii 20,000 kaffalti yoo ta'e,
‎
‎baasiin akkasii 𝗳𝗶𝘅𝗲𝗱 𝗰𝗼𝘀𝘁 jedhama, jechuunis "𝗕𝗮𝗮𝘀𝗶𝗶 𝗗𝗵𝗮𝗮𝗯𝗯𝗮𝘁𝗮𝗮" jechuudha.
‎
‎Maaliif "fixed cost" jedhame?
‎
‎Caaltuun siinii 2,000 yoo gurgurtellee, siinii 3,000 yoo gurgurtellee, kiraan manaa fi mindaan hojjettuu hin jijjiiramu, sanuma.
‎
‎Siinii tokko qarshii 30tti gurgurti. Gatiin gurgurtaa kun 𝘀𝗲𝗹𝗹𝗶𝗻𝗴 𝗽𝗿𝗶𝗰𝗲 jedhama.
‎
‎Amma garaagarummaa 𝘃𝗮𝗿𝗶𝗮𝗯𝗹𝗲 𝗰𝗼𝘀𝘁, 𝗳𝗶𝘅𝗲𝗱 𝗰𝗼𝘀𝘁 fi 𝘀𝗲𝗹𝗹𝗶𝗻𝗴 𝗽𝗿𝗶𝗰𝗲 bartee jirta.
‎
‎
‎𝗚𝗮𝗮𝗳𝗳𝗶𝗶....
‎
‎Ji'a keessatti baasii baafte hunda deebifachuuf siinii (yookaan 𝘂𝗻𝗶𝘁𝘀) meeqa gurguruu qabdi? Kana jechuun, 𝗯𝗿𝗲𝗮𝗸-𝗲𝘃𝗲𝗻 𝗽𝗼𝗶𝗻𝘁 gahuuf siinii meeqa gurguruu qabdi?
‎
‎Ji'atti bu'aa qulqulluu qarshii 30,000 argachuuf siinii meeqa gurguruu qabdi? 👈 Kun 𝗧𝗮𝗿𝗴𝗲𝘁 𝗣𝗿𝗼𝗳𝗶𝘁 jedhama.
‎
‎Kana beekuuf,
‎
‎𝗞𝗲𝗻𝗻𝗮𝗺𝗮𝗮:
‎
‎- Fixed Cost = qarshii 20,000
‎- Variable Cost = siinii 1 irratti qarshii 15
‎- Target Profit = qarshii 30,000
‎- Selling Price = qarshii 30
‎
‎𝗗𝗲𝗲𝗯𝗶𝗶:
‎
‎Dura siinii tokkorraa bu'aa meeqa akka argattu beekuu qabna. Kana shallaguuf:
‎
‎Selling Price − Variable Cost
‎
‎30 − 15 = 15
‎
‎Siinii tokkorraa qarshii 15 argatti. Kun 𝗰𝗼𝗻𝘁𝗿𝗶𝗯𝘂𝘁𝗶𝗼𝗻 𝗺𝗮𝗿𝗴𝗶𝗻 𝗽𝗲𝗿 𝘂𝗻𝗶𝘁 jedhama.
‎
‎Caaltuun baasii baafte deebifachuuf siinii meeqa gurguruu qabdi?
‎
‎Formula armaan gadii fayyadamna:
‎
‎Units = Fixed Cost ÷ Contribution Margin per Unit
‎
‎Units = 20,000 ÷ 15
‎
‎≈ 1,334
‎
‎Kana jechuun, Caaltuun baasii ishee deebifachuuf ji'atti siinii 1,334 gurguruu qabdi. 👈 Bakki kun 𝗯𝗿𝗲𝗮𝗸-𝗲𝘃𝗲𝗻 𝗽𝗼𝗶𝗻𝘁 jedhama.
‎
‎Bu'aa yaadde (𝘁𝗮𝗿𝗴𝗲𝘁 𝗽𝗿𝗼𝗳𝗶𝘁) argachuuf siinii meeqa gurguruu qabdi?
‎
‎Formula armaan gadii fayyadamna:
‎
‎Units = (Fixed Cost + Target Profit) ÷ Contribution Margin per Unit
‎
‎Units = (20,000 + 30,000) ÷ 15
‎
‎= 50,000 ÷ 15
‎
‎≈ 3,334
‎
‎Kana jechuun, Caaltuun bu'aa qarshii 30,000 argachuuf ji'atti siinii 3,334 gurguruu qabdi.
‎
‎Barreeffama gabaabduu kanarraa waan bal'aa akka baratte abdiin qaba.
‎
‎--------
‎Beeksisa:
‎
‎Barattoonni 𝗲𝘅𝗶𝘁 𝗲𝘅𝗮𝗺 amma dura qormaatanii hin darbin... 𝗦𝗸𝗶𝗹𝗹 𝗚𝗮𝗽 Onkololeessa irraa eegalee nu biratti kennamu hordofuu barbaaddan, 𝗹𝗶𝗻𝗸 armaan gadiin galmaa'aa:
‎
‎https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSfaPMPpJe_hRO9uU2WZacCCTqdo5f9gUghDa5VYRXcR1UpsYw/viewform?usp=dialog
‎
‎Galatoomaa 🙏


𝗥𝗶𝘀𝗸 fi 𝗟𝗼𝘀𝘀 garaagarummaan isaanii baayyee salphaadha:
‎
‎𝗥𝗶𝘀𝗸 = waan gadhee gara fuulduraatti ta'uu mala jedhamee sodaatamu.
‎
‎𝗟𝗼𝘀𝘀 = waan ati hin feene garuu kan ta'e.

Jechuun... lamaanuu bu'aan isaanii waan gadheedha, garuu:
‎
‎- 𝗟𝗼𝘀𝘀 waan ta'ee raawwate.
‎- 𝗥𝗶𝘀𝗸 waan gara fuulduraatti ta'uu malu.
‎
‎Kanuma.


‎Hin shawwadamin... 𝗧𝗿𝗶𝗮𝗹 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 fi 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 𝗦𝗵𝗲𝗲𝘁 garaagarummaa qabu.
‎
‎Egaa... 𝗔𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁𝗶𝗻𝗴 𝗰𝘆𝗰𝗹𝗲 keessatti jalqaba kan hojjetamu 𝗷𝗼𝘂𝗿𝗻𝗮𝗹 jedhama.
‎
‎𝗝𝗼𝘂𝗿𝗻𝗮𝗹 keessatti waan 𝘁𝗿𝗮𝗻𝘀𝗮𝗰𝘁𝗶𝗼𝗻 waliin kan walqabatu hundi dabaree dabareedhaan galmeessina (𝘳𝘦𝘤𝘰𝘳𝘥𝘪𝘯𝘨 𝘪𝘯 𝘤𝘩𝘳𝘰𝘯𝘰𝘭𝘰𝘨𝘪𝘤𝘢𝘭 𝘰𝘳𝘥𝘦𝘳).
‎
‎Kana jechuun 𝗷𝗼𝘂𝗿𝗻𝗮𝗹 kana keessatti 𝗮𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 hundinuu walitti makamee waan galmaa'uuf, 𝗮𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 tokko 𝗯𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 isaa meeqa akka ta'e hin beeknu.
‎
‎Kanaaf, itti aansee 𝗷𝗼𝘂𝗿𝗻𝗮𝗹 irraa gara 𝗹𝗲𝗱𝗴𝗲𝗿 dabarsuu qabna. Adeemsi kun 𝗽𝗼𝘀𝘁𝗶𝗻𝗴 jedhama–beeki.
‎
‎Gara 𝗹𝗲𝗱𝗴𝗲𝗿 dabarsuun maaliif nu gargaara?
‎
‎𝗟𝗲𝗱𝗴𝗲𝗿 kun 𝗮𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 duraan 𝗷𝗼𝘂𝗿𝗻𝗮𝗹 keessatti walitti makamanii galmaa'an sana adda baasnee akka galmeessinu nuuf hayyama.
‎
‎Amma... erga 𝗹𝗲𝗱𝗴𝗲𝗿 qopheessine booda 𝗯𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 isaanii ni beekna. Jechuun:
‎
‎- 𝗖𝗮𝘀𝗵 meeqa baasne fi meeqa akka arganne ni beekna.
‎
‎- Waan duubee gurgurame ykn 𝗮𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 𝗿𝗲𝗰𝗲𝗶𝘃𝗮𝗯𝗹𝗲 meeqa akka ta'e ni beekna.
‎
‎- Waan duubeedhaan bitame ykn 𝗮𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 𝗽𝗮𝘆𝗮𝗯𝗹𝗲 meeqa akka ta'e ni beekna.
‎
‎...
‎
‎Haata'u malee, 𝗗𝗲𝗯𝗶𝘁 fi 𝗖𝗿𝗲𝗱𝗶𝘁 walqixa ta'uu fi dhiisuu isaanii hin beeknu. Walqixa ta'uu qabukaa.
‎
‎Walqixxummaa isaa ilaaluuf:
‎
‎- 𝗔𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁iiwwan 𝗗𝗲𝗯𝗶𝘁 ta'an hunda 𝗹𝗲𝗱𝗴𝗲𝗿 keessaa baasnee gara harka bitaatti tarreessina... achiin booda walitti idaana.
‎
‎- Akkasumas, 𝗮𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁iiwwan 𝗖𝗿𝗲𝗱𝗶𝘁 ta'an hunda 𝗹𝗲𝗱𝗴𝗲𝗿 keessaa baasnee gara harka mirgaatti tarreessina... achiin booda walitti idaana.
‎
‎Isaan booda, ida'amni 𝗗𝗲𝗯𝗶𝘁 fi ida'amni 𝗖𝗿𝗲𝗱𝗶𝘁 walqixa ta'uu isaanii ilaalla. Kun 𝗧𝗿𝗶𝗮𝗹 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 jedhama.
‎
‎Kaayyoon ijoo 𝗧𝗿𝗶𝗮𝗹 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 maaloodha yoo jette: 𝗗𝗲𝗯𝗶𝘁 fi 𝗖𝗿𝗲𝗱𝗶𝘁 walqixa ta'uu isaanii mirkaneessuudha. Walqixa yoo hin taane, 𝗲𝗿𝗿𝗼𝗿 jira jechuudha.
‎
‎Ilaa...
‎
‎Trial Balance jalqaba hojjetame kun 𝗨𝗻𝗮𝗱𝗷𝘂𝘀𝘁𝗲𝗱 𝗧𝗿𝗶𝗮𝗹 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 jedhamee beekama.
‎
‎Yaadikaa...
‎
‎Dhuma ji'aarra dhaabbannee yeroo ilaallu, wantoonni dhaabbatichi duubee gurgure fi booda kaffalameef jiraachuu danda'a.
‎
‎Akkasumas, wantoonni dhaabbatichi dhiheessitoota irraa duubeedhaan bite fi ergasii kaffale jiraachuu danda'a.
‎
‎Wantoota akkasii kana sirreessinee, irra deebiidhaan 𝗧𝗿𝗶𝗮𝗹 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 hojjechuu qabna.
‎
‎𝗧𝗿𝗶𝗮𝗹 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 inni lammaffaa irratti hojjetamu kun 𝗔𝗱𝗷𝘂𝘀𝘁𝗲𝗱 𝗧𝗿𝗶𝗮𝗹 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 jedhama.
‎
‎Amma dubbiin dhumaa jirti.
‎
‎Kanaan booda 𝗙𝗶𝗻𝗮𝗻𝗰𝗶𝗮𝗹 𝗦𝘁𝗮𝘁𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 qopheessuu ni dandeenya.
‎
‎Gosoota 𝗙𝗶𝗻𝗮𝗻𝗰𝗶𝗮𝗹 𝗦𝘁𝗮𝘁𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 ijoo ta'an sadeen keessaa tokko 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 𝗦𝗵𝗲𝗲𝘁 jedhama.
‎
‎Kaayyoon isaa:
‎
1. ‎Qabeenyi dhaabbatichaa meeqa akka ta'e agarsiisa (𝗮𝘀𝘀𝗲𝘁𝘀).
2. ‎Idaan dhaabbaticharra jiru meeqa akka ta'e agarsiisa (𝗹𝗶𝗮𝗯𝗶𝗹𝗶𝘁𝗶𝗲𝘀).
3. ‎Qoodni abbootii dhaabbatichaa meeqa akka ta'e agarsiisa (𝗼𝘄𝗻𝗲𝗿'𝘀 𝗲𝗾𝘂𝗶𝘁𝘆).
‎
‎Isaan booda 𝗹𝗶𝗮𝗯𝗶𝗹𝗶𝘁𝗶𝗲𝘀 fi 𝗲𝗾𝘂𝗶𝘁𝘆 walitti ida'amee 𝗮𝘀𝘀𝗲𝘁𝘀 waliin walqixa ta'uu isaa nuuf mirkaneessa. Walqixa ta'uu qabu bar.
‎
‎Kanaaf,
‎
‎𝗧𝗿𝗶𝗮𝗹 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲... 𝗶𝘀 𝗗𝗲𝗯𝗶𝘁 = 𝗖𝗿𝗲𝗱𝗶𝘁?
‎
‎𝗕𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 𝗦𝗵𝗲𝗲𝘁... 𝗶𝘀 𝗔𝘀𝘀𝗲𝘁𝘀 = 𝗟𝗶𝗮𝗯𝗶𝗹𝗶𝘁𝗶𝗲𝘀 + 𝗘𝗾𝘂𝗶𝘁𝘆?
‎
‎Garaagarummaan isaanii kanadha.
‎
‎_____
‎Beeksisa:
‎
‎Barattoonni 𝗲𝘅𝗶𝘁 𝗲𝘅𝗮𝗺 amma dura qormaatanii hin darbine... 𝗦𝗸𝗶𝗹𝗹 𝗚𝗮𝗽 Onkololeessa irraa eegalee nu biratti kennamu hordofuu barbaaddan, 𝗹𝗶𝗻𝗸 armaan gadiin galmaa'aa:
‎
‎https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSfaPMPpJe_hRO9uU2WZacCCTqdo5f9gUghDa5VYRXcR1UpsYw/viewform?usp=dialog
‎
‎Barreeffamni kun gabaabaa ta'us 𝗰𝗼𝗻𝗰𝗲𝗽𝘁 bal'aa of keessaa qabdi.
‎
‎Galatoomaa 🙏.
‎
‎Dhuguma barachuu yoo barbaadde kuni waan guddaadha.


‎Garaagarummaa 𝗥𝗲𝘁𝗮𝗶𝗻𝗲𝗱 𝗘𝗮𝗿𝗻𝗶𝗻𝗴𝘀 fi 𝗥𝗲𝘀𝗲𝗿𝘃𝗲𝘀 adda baafachuun isin rakkiseera laata?
‎
‎- Waan walfakkaatan fakkaatu.
‎
‎- Wanni isaan walfakkeessu lamaanuu gosa 𝗘𝗾𝘂𝗶𝘁𝘆 ta'uu isaaniiti.
‎
‎- Ammoo garaagarummaa guddoo qabu.
‎
‎Fakkeenya:
‎
‎Ati fi hiriyaan kee dhaabbata daldalaa tokko waliin qabdu haa jennu.
‎
‎Daldalli keessan kun bara 2018 bu'aa qulqulluu Qarshii 100,000 argate.
‎
‎Bu'aa argame kanarraa Qarshii 60,000 qooddachuuf murteessitan.
‎
‎Amma kan hafe Qarshii 40,000 qofa.
‎
‎Qarshii 40,000 hafe kana keessaa qarshii 30,000 dhaabbatichi deebisee akka ittiin hojjetuuf murteessitan, kun 𝗥𝗲𝘁𝗮𝗶𝗻𝗲𝗱 𝗘𝗮𝗿𝗻𝗶𝗻𝗴𝘀 jedhama.
‎
‎Kanaaf,
‎𝗥𝗲𝘁𝗮𝗶𝗻𝗲𝗱 𝗘𝗮𝗿𝗻𝗶𝗻𝗴𝘀 jechuun bu'aa dhaabbatichi argate garuu kan abbootii dhaabbatichaaf hin qoodamne jechuudha.
‎
‎Ammaakaa...
‎
‎- Qarshiin 60,000 qoodameera = 𝗱𝗶𝘃𝗶𝗱𝗲𝗻𝗱
‎
‎- Qarshiin 30,000 immoo dhaabbatichi akka ittiin hojjetuuf odoo hin qoodamin hafe = 𝗥𝗲𝘁𝗮𝗶𝗻𝗲𝗱 𝗘𝗮𝗿𝗻𝗶𝗻𝗴𝘀
‎
‎Kan hafe (qarshii 10,000) kana immoo of eeggannoodhaaf olkaa'ame, jechuun: balaa ykn rakkoo gara fuulduraatti muudachuu malu ittiin jalaa bahuuf, waan akkasii kana 𝗥𝗲𝘀𝗲𝗿𝘃𝗲𝘀 jenna.
‎
‎Wanni ati sirriitti beekuu qabdu:
‎
‎𝗥𝗲𝘁𝗮𝗶𝗻𝗲𝗱 𝗘𝗮𝗿𝗻𝗶𝗻𝗴𝘀 kan jedhamu kuni ACCOUNT tokko qofadha.
‎
‎Garuu 𝗥𝗲𝘀𝗲𝗿𝘃𝗲𝘀 kan jedhamu kun ACCOUNT adda addaa of jalaa qabaachuu danda'a. Fakkeenya:
‎- general reserve
‎- statutory reserve } kunis jarri waladda.
‎- capital reserve
‎
‎Kana caalaa hin dheeressu.
‎
‎Beeksisa:
‎
‎Barattoonni 𝗲𝘅𝗶𝘁 𝗲𝘅𝗮𝗺 amma dura qormaatanii hin darbine... Skill Gap Onkololeessa eegalee nu biratti kennamu hordofuu barbaaddan, link armaan gadiin galmaa'aa:
‎
‎https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSfaPMPpJe_hRO9uU2WZacCCTqdo5f9gUghDa5VYRXcR1UpsYw/viewform?usp=dialog


‎Garuu garaagarummaan 𝗯𝗮𝗱 𝗱𝗲𝗯𝘁 fi 𝗱𝗼𝘂𝗯𝘁𝗳𝘂𝗹 maaloodha?
‎
‎Walfakkaatu.
‎Garuu garaagarummaa qabu.
‎
‎Fakkeenya:
‎
‎Ati daldalaadha haa jennu.
‎
‎Maamilli tokko "Yeroo biraa siif kaffala" siin jedhee duubeedhan oomisha kee sirraa bitatee ture.
‎
‎- Amma guyyaan kaffaltii darbeera.
‎- Garuu maamilichi maallaqa kee siif hin kaffalle.
‎
‎Siif kaffala moo hin kaffalu? Wanti beektu hin jiru yoo ta'e, 𝗱𝗼𝘂𝗯𝘁𝗳𝘂𝗹 jedhama.
‎
‎𝗗𝗼𝘂𝗯𝘁𝗳𝘂𝗹 = gara fuulduraatti siif kaffaluu mala, ykn siif hin kaffaluu dhiisuu mala.
‎
‎Tole.
‎
‎Maamilli sun maallaqa kee akka siif hin kaffalle sirriitti beekta yoo ta'e, 𝗯𝗮𝗱 𝗱𝗲𝗯𝘁 jennaan.
‎
‎𝗕𝗮𝗱 𝗱𝗲𝗯𝘁 = maallaqni kee akka siif hin kaffalamne murteessiteetta.
‎
‎-------------
‎Mammaaksa biyya keenyaa tokkon yaadadhe:
‎
‎" Si ganee abbaatti hin himan"
‎
‎Ayyaana Gaarii!


Gaaffii_fi_Furmaata.pdf
405.4Kb
Gaaffii tokkorraa beekumsa baayyee...


Baga Ayyaana Irreessaatiin Isin Gahe; Nu Gahe!




‎Garaagarummaa 𝗧𝗿𝗮𝗱𝗲-𝗼𝗳𝗳 fi 𝗢𝗽𝗽𝗼𝗿𝘁𝘂𝗻𝗶𝘁𝘆 𝗖𝗼𝘀𝘁
‎
‎Ati qarshii 250,000 qofa qabda haa jennukaa.
‎
‎Qalbiin kee waa lama si hawwiti:
‎
‎- Laptop bitachuu barbaadda.
‎- iPhone bitachuus ni feeta.

Lamaanuu bitachuuf humna hin qabdu.
‎
‎Dhumarratti iPhone bitatte.
‎
‎Siif, laptop fi iPhone sun 𝗧𝗿𝗮𝗱𝗲-𝗼𝗳𝗳 turani.
‎
‎Filannoo lama qabda ture: tokko filachuuf dirqamte. Filannoo tokko dhiisanii kan biraa filachuun 𝗧𝗿𝗮𝗱𝗲-𝗼𝗳𝗳 jedhama.
‎
‎Amma ati laptop dhiistee iPhone bitattee jirta.
‎
‎Amma booda Laptop bitachuu hin dandeessu jechuudha. Laptop dhabuun kee, 𝗢𝗽𝗽𝗼𝗿𝘁𝘂𝗻𝗶𝘁𝘆 𝗖𝗼𝘀𝘁 jedhama.


𝗧𝗿𝗮𝗱𝗲-𝗼𝗳𝗳 jechuun maal jechuudha?
‎
‎Fakkeenyaaf:
‎
‎Jawaar Badhaadhina hin deeggaru.
‎
‎Garuu sirni biyyattii akka diigamu hin barbaadu.
‎
‎Kanaaf, odoo hin jaalatin, waan Badhaadhina fayyadu hojjeta.
‎
‎Waan akkasii 𝘁𝗿𝗮𝗱𝗲-𝗼𝗳𝗳 jedhama.
‎
‎Waan feetu argachuuf waan hin feene gochuu jechuudha.
‎
‎Yookanimmoo waan barbaaddu argachuuf waan biraa 𝗰𝗼𝘀𝘁 gochuu jechuudha.


‎Akka nama 𝗯𝘂𝘀𝗶𝗻𝗲𝘀𝘀𝗺𝗮𝗻 tokkootti of yaadi.
‎
‎1. Maamilli kee tokko oggasuma maallaqa siif kaffalee oomisha sirraa bitatee deeme yoo ta'e; kun 𝗰𝗮𝘀𝗵 𝗰𝘂𝘀𝘁𝗼𝗺𝗲𝗿 jedhama.
‎
‎2. Maamilli biroo tokko immoo duubeedhaan oomisha sirraa bitate yoo ta'e; 𝗰𝗿𝗲𝗱𝗶𝘁 𝗰𝘂𝘀𝘁𝗼𝗺𝗲𝗿 jedhama.
‎
‎Kan duraa sana keessatti... 𝗮𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 lamaatu jijjiirame. Isaanis: 𝗖𝗮𝘀𝗵 fi 𝗜𝗻𝘃𝗲𝗻𝘁𝗼𝗿𝘆 dha.
‎
‎𝗖𝗮𝘀𝗵 ni dabale = 𝗗𝗲𝗯𝗶𝘁 ta'a
‎
‎𝗜𝗻𝘃𝗲𝗻𝘁𝗼𝗿𝘆 ni hir'ate = 𝗖𝗿𝗲𝗱𝗶𝘁 ta'a
‎
‎Akkasuma, kan lammaffaa keessattis 𝗮𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 lamaatu jijjiirame. Tokko 𝗔𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 𝗥𝗲𝗰𝗲𝗶𝘃𝗮𝗯𝗹𝗲 jedhama, kan lammaffaa 𝗜𝗻𝘃𝗲𝗻𝘁𝗼𝗿𝘆 dha.
‎
‎𝗔𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 𝗥𝗲𝗰𝗲𝗶𝘃𝗮𝗯𝗹𝗲 ni dabale = 𝗗𝗲𝗯𝗶𝘁 ta'a
‎
‎𝗜𝗻𝘃𝗲𝗻𝘁𝗼𝗿𝘆 ni hir'ate = 𝗖𝗿𝗲𝗱𝗶𝘁 ta'a
‎
‎Gaafa maamilli kun waan duubeedhaan sirraa bitate sana siif kaffales 𝗮𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 lamaatu jijjiirama. Isaanis 𝗖𝗮𝘀𝗵 fi 𝗔𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 𝗥𝗲𝗰𝗲𝗶𝘃𝗮𝗯𝗹𝗲. Kanaaf,
‎
‎Gaafas 𝗖𝗮𝘀𝗵 waan dabaluuf = 𝗗𝗲𝗯𝗶𝘁 ta'a
‎
‎𝗔𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 𝗥𝗲𝗰𝗲𝗶𝘃𝗮𝗯𝗹𝗲 waan hir'atuuf = 𝗖𝗿𝗲𝗱𝗶𝘁 ta'a jechuudha.
‎
‎
‎{
‎Hubadhu:
‎
‎- Wanni dabale hundi 𝗗𝗲𝗯𝗶𝘁 miti.
‎- Akkasumas, waan hir'ate hundi 𝗖𝗿𝗲𝗱𝗶𝘁 miti.
‎
‎Kana yaadachuu qabda:
‎
‎𝗔𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 shanan keessaa... kan yoo dabale 𝗗𝗲𝗯𝗶𝘁 ta'u 𝗔𝘀𝘀𝗲𝘁 ykn 𝗘𝘅𝗽𝗲𝗻𝘀𝗲 qofadha.
‎}
‎
‎
‎#Challenge:
‎
‎Kanarraa akka hubatamutti... 𝘁𝗿𝗮𝗻𝘀𝗮𝗰𝘁𝗶𝗼𝗻 kamiiyyuu yoo xiqqaate 𝗮𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 lama jijjiira. Yoo xiqqaate lama jechuun, kan 𝗮𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 sadii ykn afur jijjiirus ni jira jechuudha.
‎
‎Mee fakkeenya 𝘁𝗿𝗮𝗻𝘀𝗮𝗰𝘁𝗶𝗼𝗻 yoo xiqqaate 𝗮𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 sadii jijjiiru barreessi (𝗖𝗼𝗺𝗺𝗲𝗻𝘁 jalatti si eega).
‎
‎Egaa... waa'ee 𝗮𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 𝗿𝗲𝗰𝗲𝗶𝘃𝗮𝗯𝗹𝗲 kan haasofnu yoo 𝗰𝗿𝗲𝗱𝗶𝘁 𝗰𝘂𝘀𝘁𝗼𝗺𝗲𝗿 jiraatedha.
‎
‎
‎Beeksisa:
‎
‎𝗘𝘅𝗶𝘁 𝗘𝘅𝗮𝗺 Amajjii keessa kennamuuf, barsiisota adda addaa waliin 𝗦𝗸𝗶𝗹𝗹 𝗚𝗮𝗽 ji'oota sadii turu qopheessineerra. Galmaa'uu yoo feete link armaan gadii fayyadami:
‎
‎https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSfaPMPpJe_hRO9uU2WZacCCTqdo5f9gUghDa5VYRXcR1UpsYw/viewform?usp=dialog
‎
‎
‎Odeeffannoo dabalataaf 👉 @BusinessAcadamy join godhi


EXIT EXAM BLUE PRINT for ACFN FINAL.xlsx
42.2Kb
‎Kun blueprint qorumsa Exit Exam yoo ta'u,
‎
‎Waliigala koorsiiwwan 15 of keessaa qaba:

‎Qo'annaaf akka tolutti bakka gurguddoo shanitti qooduu dandeenya:
‎
‎1. Financial Accounting & Reporting (6 courses)
‎
‎2. Financial Management & Financial Institutions (3 courses)
‎
‎3. Cost & Managerial Accounting (2 courses)
‎
‎4. Auditing & Assurance Services (2 courses)
‎
‎5. Taxation & Public Sector Accounting (2 courses)
‎
‎Koorsii hundaa barsiisota adda addaatu barsiisa...
‎
‎Link armaan gadii fayyadamuun ammuma galmaa'uu dandeessu:
‎
‎https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSfaPMPpJe_hRO9uU2WZacCCTqdo5f9gUghDa5VYRXcR1UpsYw/viewform?usp=dialog
‎
‎Hubadhu: Ammaaf Accounting & Finance qofa.

4.5k 0 17 17 44

Hirkoo_Academy.pdf
368.7Kb
How You Will Learn With Us


‎Skill Gap—Galmeen eegalameera!
‎
‎Link armaan gadii fayyadamuun ammuma galmaa'uu dandeessu:
‎
‎https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSfaPMPpJe_hRO9uU2WZacCCTqdo5f9gUghDa5VYRXcR1UpsYw/viewform?usp=dialog
‎
‎Hubadhu: Ammaaf Accounting & Finance qofa.


Guyyaan dhumaa: 27/01/2019


‎Kaffaltiin EXIT EXAM, NGAT fi LICENSE dabale
‎
‎Dhaabbanni Madaallii Barnootaa fi Qormaata Itiyoophiyaa (EAES) kaffaltii galmee EXIT EXAM, NGAT fi LICENSE fooyyeessuu isaa beeksiseera.
‎
‎Akka ibsa xalayaa kanaatti:
‎
‎EXIT EXAM duraan qarshii 750 ture gara qarshii 2,000tti olka'eera.
‎
‎NGAT duraan qarshii 750 ture gara qarshii 3,500tti olka'eera.
‎
‎LICENSE ykn hayyama ogummaa fudhachuuf qarshii 3,500 kaffaluun dirqama ta'uu beeksiseera.




‎Gaaffii kana haa hojjennu—𝗘𝘅𝗶𝘁 𝗘𝘅𝗮𝗺 𝟮𝟬𝟭𝟴
‎
‎A bank statement shows a balance of 𝗘𝗧𝗕 𝟱𝟬,𝟬𝟬𝟬. 𝗢𝘂𝘁𝘀𝘁𝗮𝗻𝗱𝗶𝗻𝗴 𝗰𝗵𝗲𝗰𝗸𝘀 total 𝗘𝗧𝗕 𝟮,𝟬𝟬𝟬 and a 𝗱𝗲𝗽𝗼𝘀𝗶𝘁 𝗶𝗻 𝘁𝗿𝗮𝗻𝘀𝗶𝘁 total 𝗘𝗧𝗕 𝟱,𝟬𝟬𝟬. The bank has collected a 𝗻𝗼𝘁𝗲 𝗿𝗲𝗰𝗲𝗶𝘃𝗮𝗯𝗹𝗲 of 𝗘𝗧𝗕 𝟭,𝟬𝟬𝟬 for the company (not yet recorded). The 𝗯𝗮𝗻𝗸 𝘀𝗲𝗿𝘃𝗶𝗰𝗲 𝗰𝗵𝗮𝗿𝗴𝗲 of 𝗘𝗧𝗕 𝟭𝟬𝟬 has not been recorded. What is the correct cash balance after reconciliation?
‎A. ETB 47,900
‎B. ETB 52,900
‎C. ETB 53,100
‎D. ETB 53,000
‎
‎
‎𝗠𝗮𝗮𝗹 𝘀𝗶 𝗴𝗮𝗮𝗳𝗮𝘁𝗲?
‎
‎Odeeffannoo barbaachisu hunda erga siif kenneen booda... dhumarratti akkas jedhee si gaafate:
‎
‎"What is the correct cash balance after reconciliation?"
‎
‎... kana jechuun... erga 𝗿𝗲𝗰𝗼𝗻𝗰𝗶𝗹𝗶𝗮𝘁𝗶𝗼𝗻 hojjetameen booda 𝗯𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 𝘀𝗶𝗿𝗿𝗶𝗶𝗻 meeqa ta'aa...siin jechaa jira.
‎
‎𝗠𝗮𝗮𝗹𝘁𝘂 𝗻𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗲𝗻𝗻𝗮𝗺𝗲?
‎
‎1. 𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗦𝘁𝗮𝘁𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 = 𝗘𝗧𝗕 𝟱𝟬,𝟬𝟬𝟬
‎
‎{Bank Statement akka agarsiisutti... amma dhaabbatichi 𝗤𝗿 𝟱𝟬,𝟬𝟬𝟬 akka qabu agarsiisa}.
‎
‎Kun ka'umsa siif ta'a.
‎
‎
‎2. 𝗢𝘂𝘁𝘀𝘁𝗮𝗻𝗱𝗶𝗻𝗴 𝗰𝗵𝗲𝗰𝗸𝘀 = 𝗘𝗧𝗕 𝟮,𝟬𝟬𝟬
‎
‎{Maallaqa dhaabbatichi cheekiidhaan kaffale... garuu qaamni kaffalameef baankiitti kan hin dhiheessine... jechuun kan baankiin hin kaffalle 𝗤𝗿 𝟮,𝟬𝟬𝟬 jira}.
‎
‎Hubadhu... Yeroo 𝗿𝗲𝗰𝗼𝗻𝗰𝗶𝗹𝗶𝗮𝘁𝗶𝗼𝗻 hojjennu... qarshii 𝗢𝘂𝘁𝘀𝘁𝗮𝗻𝗱𝗶𝗻𝗴 𝗰𝗵𝗲𝗰𝗸𝘀 yookaan 𝗤𝗿 𝟮,𝟬𝟬𝟬 kana 𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗦𝘁𝗮𝘁𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 irraa hir'afamuu qaba.
‎
‎
‎3. 𝗗𝗲𝗽𝗼𝘀𝗶𝘁 𝗶𝗻 𝘁𝗿𝗮𝗻𝘀𝗶𝘁 = 𝗘𝗧𝗕 𝟱,𝟬𝟬𝟬
‎
‎{Dhaabbatichi 𝗤𝗿 𝟱,𝟬𝟬𝟬 baankitti galcheera... garuu baankiin hin galmeessine}.
‎
‎Kun galmaa'uu waan qabuuf... 𝗯𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 irratti ida'amuu qaba:
‎
‎𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗥𝗲𝗰𝗼𝗻𝗰𝗶𝗹𝗶𝗮𝘁𝗶𝗼𝗻 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗲𝗻𝗻𝘂:
‎
‎𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗦𝘁𝗮𝘁𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 - 𝗢𝘂𝘁𝘀𝘁𝗮𝗻𝗱𝗶𝗻𝗴 𝗰𝗵𝗲𝗰𝗸𝘀 + 𝗗𝗲𝗽𝗼𝘀𝗶𝘁 𝗶𝗻 𝘁𝗿𝗮𝗻𝘀𝗶𝘁
‎
‎= 50,000 - 2,000 + 5,000
‎= 𝗘𝗧𝗕 𝟱𝟯,𝟬𝟬𝟬
‎
‎Hubachiisa:
‎
‎𝗡𝗼𝘁𝗲 𝗿𝗲𝗰𝗲𝗶𝘃𝗮𝗯𝗹𝗲 (𝗘𝗧𝗕 𝟭,𝟬𝟬𝟬) fi 𝗯𝗮𝗻𝗸 𝘀𝗲𝗿𝘃𝗶𝗰𝗲 𝗰𝗵𝗮𝗿𝗴𝗲 (𝗘𝗧𝗕 𝟭𝟬𝟬) kunneen 𝗖𝗮𝘀𝗵 𝗕𝗼𝗼𝗸 irratti sirreeffamuu qabu malee, 𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗦𝘁𝗮𝘁𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗻𝗰𝗲 irratti dhiibbaa hin qaban.
‎
‎Kanaaf... deebiin sirriin: 𝗗. 𝗘𝗧𝗕 𝟱𝟯,𝟬𝟬𝟬 ta'e.
‎
‎
‎Dabalata:
‎
‎collected a 𝗻𝗼𝘁𝗲 𝗿𝗲𝗰𝗲𝗶𝘃𝗮𝗯𝗹𝗲 jechuun karaa biraatin 𝗱𝗶𝗿𝗲𝗰𝘁 𝗱𝗲𝗽𝗼𝘀𝗶𝘁 jechuudha.
‎
‎Akkamitti?
‎Akkamitti jechuun gaaridha.
‎
‎𝗡𝗼𝘁𝗲 𝗿𝗲𝗰𝗲𝗶𝘃𝗮𝗯𝗹𝗲 jechuun maallaqa dhaabbatichi namoota ykn dhaabbata biraa irraa qabuudha.... waan akkasii dhaabbatichi 𝗻𝗼𝘁𝗲 𝗿𝗲𝗰𝗲𝗶𝘃𝗮𝗯𝗹𝗲 jedhee galmeessa.
‎
‎Namichi ykn dhaabbatichi kaffaltii waadaa gale baankiidhaan kaffaleera... dhaabbatichi garuu quba hin qabu. Waan akkasii 𝗗𝗶𝗿𝗲𝗰𝘁 𝗗𝗲𝗽𝗼𝘀𝗶𝘁 jedhama.
‎
‎Kanaaf... qarshii 𝟭,𝟬𝟬𝟬 kana 𝗖𝗮𝘀𝗵 𝗕𝗼𝗼𝗸 irratti ida'amuu qaba... garuu 𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗦𝘁𝗮𝘁𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 irratti dhiibbaa hin qabu.
‎
‎
‎---------
Waa'ee Bank Reconciliation yeroo hedduun gaafatamaa ture... done!


Kutaa 2ffaa...𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗥𝗲𝗰𝗼𝗻𝗰𝗶𝗹𝗶𝗮𝘁𝗶𝗼𝗻


Maaliif 𝗖𝗮𝘀𝗵 𝗕𝗼𝗼𝗸 fi 𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗦𝘁𝗮𝘁𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 wal hin siman?

Sababoota 𝗖𝗮𝘀𝗵 𝗕𝗼𝗼𝗸 fi 𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗦𝘁𝗮𝘁𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 akka wal hin simne godhan... ijoo kan ta'an shantu jira:

1. 𝗢𝘂𝘁𝘀𝘁𝗮𝗻𝗱𝗶𝗻𝗴 𝗖𝗵𝗲𝗰𝗸

Cheekii dhaabbatichi kaffaltii raawwachuuf kenne yoo ta'u... garuu qaamni fudhate baankiif hanga ammaatti hin dhiheessine yookaan baankiin hanga ammaatti kan hin kaffalle jechuudha.

Kanaaf:

• Dhaabbatichi baasii godhee 𝗖𝗮𝘀𝗵 𝗕𝗼𝗼𝗸 irratti galmeesseera.

Garuu...

• Baankiin 𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗦𝘁𝗮𝘁𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 irratti hin galmeessine.

Kuni... galmeen lamaan akka wal hin simne taasisa.



2. 𝗗𝗲𝗽𝗼𝘀𝗶𝘁 𝗶𝗻 𝗧𝗿𝗮𝗻𝘀𝗶𝘁

Maallaqa kaashii dhaabbatichi baankitti galche ta'ee... garuu baankiin hanga ammaatti kan hin galmeessine jechuudha.

Kanaaf:

• Dhaabbatichi galii godhee 𝗖𝗮𝘀𝗵 𝗕𝗼𝗼𝗸 irratti galmeesseera.

Garuu...

• Baankiin 𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗦𝘁𝗮𝘁𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 irratti hin galmeessine.

Kunis... galmeen lamaan akka wal hin simne taasisa.


3. 𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗖𝗵𝗮𝗿𝗴𝗲𝘀

Baankiin kaffaltii tajaajila adda addaatiif herrega dhaabbatichaa irraa maallaqa hir'iseedha.

Kanaaf:

• Baankiin... 𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗦𝘁𝗮𝘁𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 irratti galmeesseera.

Garuu...

• Dhaabbatichi... hanga 𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗦𝘁𝗮𝘁𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 argutti waan hin beekneef 𝗖𝗮𝘀𝗵 𝗕𝗼𝗼𝗸 irratti hin galmeessu.

Kunis... galmeen lamaan akka wal hin simne taasisa.



4. 𝗗𝗶𝗿𝗲𝗰𝘁 𝗗𝗲𝗽𝗼𝘀𝗶𝘁

Qaamni biraa... kallattiin herrega baankii dhaabbatichaa keessatti maallaqa yoo galche jechuudha.

Kanaaf:

• Baankiin 𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗦𝘁𝗮𝘁𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 irratti galmeesseera.

Garuu...

• Dhaabbatichi hanga 𝗕𝗮𝗻𝗸 𝗦𝘁𝗮𝘁𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁 argutti waan hin beekneef 𝗖𝗮𝘀𝗵 𝗕𝗼𝗼𝗸 irratti hin galmeessu.


5. 𝗘𝗿𝗿𝗼𝗿

Dogoggora dhaabbatichaan yookaan baankiin galmee herregaa keessatti raawwatamuudha.

Fakkeenyaaf:

• Lakkoofsa maallaqaa dogoggoraan barreessuu.

• Maallaqa dogoggoraan ida'uu yookaan hir'isuu.

• Galmee dogoggoraa galchuu.

Dogoggorri akkanaa galmeen lamaan akka wal hin simne taasisa.


_
Kutaa itti aanu keessatti fakkeenya lakkoofsaan Bank Reconciliation akkamitti hojjetamu ilaallee... xumurra.


----------
Afaan Ingiliffaatin dubbisuu yoo feete: https://t.me/TamiruBusiness/125

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.