LOOKOO JALAALA dan repost
Eelaa Simboo
Kutaa 7ffaa.
Simboonis deggersa harmeeshee isa gita hin qabnee fi gorsa hiriyaashee Leensaatiin jajjabaattee jiraachuu itti fufte.
Hiriyoota obbo Kariim keessaa obbo Magarsaan nama kabajamoodha. Shira waaheloonni obbo Kariim xaxaa turan keessaas harka hin qaban. Maatii gaarii fi Oromummaa isaaniin boonan qabu.
Ilmi isaanii hangafaa Kiyyaa jedhamu Simboodhaaf hiriyaashee ijoollummaa ture. Jaalalasheetiin qabamee waggaa hedduuf Osoo isheetti hin himin jiraachaa ture. Isheedhumtuu ni jaallatti turte garuu boodarra walirraa fagaannaan yaadnishee jijjiirame. Ta'us Simboon akkanni jaalalasheetiin qabame sirriitti beekti turte. Innis amala Simboo waan beekuuf afaanii-baasee 'sin jaalladhe' jechuu sodaatee obsaan jiraachaa ture.
Yeroo kun hundumtuu Uumamu maatiin Obbo Magarsaa mooraa obbo Kadir keessa kireeffatanii jiraachaa turan. Ergasiis mana bitatanii iddoo kan-biraatti galan. Kiyyaanis sana booda bilbilaan ishee waliin haasa'aa ture. Isheenis akkanni baay'ee ishee jaallatu yammuu bartetti, akka boonuu taatee " yaada kana keessaa baanee bifa obbolummaatiin itti haa fufnu" jettee booda deebite.
Inni garuu jaalala isheef qabu hir'isuu hin dandeenye. Ergasheen na dhiisi jettee boodayyuu jaalalli inni isheef qabu dabalaa deeme. Harka isaarratti maqaashee tumate. Suuraashee fakkeessee kutaa ciisichaasaa keessatti maxxanfate. Obboleessi isaa Qananiisaanis yeroo sana Simboo waliin kutaa tokko barachaa waan tureef waa'ee Kiyyaa isheetti hime. Simboonis bilbiltee waamtee akkanni hin miidhamneef gorsaa turte. Sun ta'us garuu Kiyyaan akka jaalalasheetiin maraatetti jiraachuu itti fufe.
Obbo Magarsaan guyyaa dilbataa tokko ganama mana obbo Kariimiin dhufanii maatiin akka qophii godhan itti himan. Maaltu ta'e jennaan, "bor ganama Abbaan Simboo bilisaan gadhiifamee isinitti makama jedhanii Sanyii fi Surraatti dubbatan. Surraanis Yerosuma gammachuu irraa kanka'e gara isaaniitti fiigdee haammattee itti maramte. Aadde Suutumeenis gammachuudhaan guutamanii fiigaa ollaatti himachuu deeman.
Obbo Magarsaanis 'dhagaa tokkoon simbira lama' akkuma jedhamu, kophaatti Simboo waamanii dhimma kanbiraas akka qaban isheetti himan. Itti aansaniis haala ilmisaanii Kiyyaan keessa jiru itti himan. " Ati ogeettii waan taateef akkamitti akka dhimma kana sirreessitu nibeekta, adaraa salphina kana keessaa na baasi. Ollaa fi firri natti kolfaa jira. Ilmikoo maraachuuf fiixeerra gaheera. Maaloo gorsi inni hiriyootasaa keessaa si qofa dhaga'a " jedhaniin.
Simboon waan ishee mudatee fi haala amma keessa jirtu yaadattee imimmaan buusaa "dhiifama naaf godhaa Abbaa Kiyyaa, an yeroo kanatti ba'aa namni naaf hin arginen baachaa jira. Dhibee eenyullee naaf hin hubannen dhukkubsachaa jira. Jireenyakoo tooratti deebisuuf waanin ta'aa jiru ana qofatu beeka. Yoon isin rakkisuu baadheef yeroo kanatti gaaffii akkasii narraa dhaabaa. Kiyyaan nama hin dhaga'u hamman danda'u gorseera" jettee deebisteef.
Isaanis haala isheen keessa jirtu osoo hin beekin kana gaafachuusaaniif dhiifama gaafatanii mooraa Obbo Kariim keessaa bahanii deeman.
Itti fufa...
@seenaajalaala
@lookoojalaala
#join
#Share
#forward