Dirree Faarfannaa


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Musiqa


“Ani jireenya koo guutuu Waaqayyoof nan weeddisa, hamman jiruttis sagalee mi'aa dhageessisee, Waaqayyoon nan faarfadha.”
— Far. 104:33

Bog‘liq kanallar  |  O‘xshash kanallar

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Toifa
Musiqa
Statistika
Postlar filtri


Orthodox Free Promotion dan repost
Ayyaana Irreechaa Ilaalchisee Manni Kiristiyaanaa Maal Jetti?

Ayyaana Irreechaa Deemuun Cubbuudhaa?

Ibsa Guutuu Isaa Sagaleenis Ta'ee Barreeffamaan Chaanaalii Kanaa Gadii Keessaa Argattu👇

Guutummaa Isaa Dubbisuuf


Orthodox Free Promotion dan repost
Warreen Barumsa Koorsii Gaafachaa Turtaniif, Gaaffilee Shakkitootaaf Deebii Ga'aa Dabalatee Isiniif Fidneerra Kunoo 👇


Deebannne Horree Bulleerra
Waaqayyoon nu eebbiseera
Bachanee akka urjiif mansaa
Fedhasaan akka jechasaa

Galanni Uumaa ummamaf
Haa ta'u waaqa jiraataaf
Abboome roobsise bokkaa
Galataan guutee malakaa
Uumamanis ba'e waaqeessa
Qulqulluu bu'a waaqasaa
Tokkicha maqaa dhibbatiif
Sagadee ulfina isaatiif


Kan turee Addunyaa duraa
Jalqabaaf Mootii xumuraa
Ababoof marga biqilchee
Yeroo sat bareeche dachee
Qabatee marga lalisaa
Hundumtu isa weeddisa
Gurraacha garaa garbaatiif
Sagadee waaqumaa isaatiif

Jiraata Abbaa barootaa
Qindeessa ji'af guyyootaa
Waktii saat goga jiisee
Uumama hunda gammachiise
Qabatee marga lalisaa
Hundumtu isa weeddisa
Tokkicha maqaa dhibbatiif
Sagadee ulfina isaatiif


Ol-aanaa jirma jireenyaa
Hangafaa bokkuu nageenyaa
Qabannee isatti amannee
Nageenni badhaadha jennee
Bobbaane ardaa nagayaati
Gaaddisaaf iddoo ulfinaati
Badhaanee hunda rabbirraa
Uumaa lafaaf samiirraa

     ━━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
      ♡      ⌲       ✉️ 
    


Caaffata Laphee Koo Irraan Si Dubbisa
Galmeen Yaadannoo koo Si kaasa si ibsa
Hin jarjaru gonka dhaga'uudhaaf ala
Yaa Maariyaam kadhannaan kan kee naaf fala


Jaalala ilmi kee bareera jaalala
Dhiiga isaa cobsee na fideera halaalaa
Kabaja haadhummaa keef ani harras nan kufa
Haadha Gooftaa ani sin faarsa gugguufaa

Si Faarsuu Kootu Ulfina Haadha Gooftaa
Ilma Keetu Lubbuu Koof Furmaata

Si Jajuu Kootu Kabaja haadha gooftaa
Ilma keetu lubbuu koof furmaata

Naaf ifnaan godaane dukkanni gabrummaa
Iyyasuus firiin kee Abbaan jaallatamaa
Waanan walaboomeef kanati deesseeni
An sin jaja yoomuu maqaa kee kaasuuni

Kennaa dha ati anaaf kennaa fannoo jalaa
Gaaddisa mana kee jalan Oolee bula
Gaddituu Ayyoo ko Simboon kan miidhagde
Bakka gadii gadii Ilma keetu na fide

Golgolaa'ee hin hafu golli koo duwwaatti
Iyyasuus Gooftaa koo naaf kadhatta ati
Isatu na dhaaba Hirruu koo hunda guutee
Kanaaf jaalalli kee laphee koo na bute

Dn Yohaannis Kennasaa
Faarsaa Haaraa
     ━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
  


“Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhi'oo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaa'es in fayyisa.”

  — Farfannaa. 34:18


. ⛪ Koorsii Dubbii Mana Kiristaanaa (Ecclesiology) – Mana Kiristaanaa jechuun maal akka ta’e, akkamitti akka hundaa’e fi akka qaama Kiristoositti tajaajilu kkf Kan Of keessatti Qabatu Eegalee jira namoonni barachu dubbisuu Barbaaddan Karaa Channel Kanaatin
👇👇👇
https://t.me/DaandiiFayyinaa27
https://t.me/DaandiiFayyinaa27


Waldaa Duuka Bu'oota Ayyaana Masqalaa Finfinnee Dirree Masqalaa Irratti❤️


Maqaa Gaarii

maqaa gaarii yaa Waaqa koo
Abbaa dhugaa guyyaa rakkoo
jaalala keen moo’atamee
harkan kennee booji'ame

bade hin hafu abdiin qaba
isa kufe sit ol qaba
si qabadhee an ooleera jajjaba koo
miliqeera nan argatan diinonni koo

miila lamaan dhaabadheera
dhiphuu keetiin boqodheera
kanaaf anoo calliisudhaaf obsa qabu
si faarfachaa olee bulees hin dadhabu

Shittoo naardos foolii gaarii
Akkan kufneef na gargaari
maqaan ille amalumaaf maqaa dhaala
Iyyesuusiin Fayyisaa koo maaltu caala

Gatii abbummaa narraa qabda
waan jedhut narkaa bada
bara baraan yoomu taanan an keeti
Sin gadhiisu lubbuun koo sin filatteetti
         ==•|•==
    
     ━━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
      ♡      ⌲       ✉️ 
     ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ


Bareedina Ortodoksii ❤️ 👆
Suurawwaan Babbareedaa Ayyaana comment Godhaa mee Mee Karaa Kanaan Nuuf Erga
👉 @Pheenieel27
Kan Ayyaana kana muldhisan


Baga Ifa Fannoo Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoosiin isin ga’e!

“Ani garuu, Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin malee, kan biraatiin of hin jaju; addunyaan ana biratti kan du’eedha; anis addunyaa biratti kanan du’eedha” (Gal. 6:14).

Kiristoos, Kiristiyaanotaaf oolmaa inni Fannoorratti nuuf ooleen:

✅️Araara arganneerra
✅️Jaalala arganneerra
✅️Nageenya arganneerra.
✅️Jireenya arganneerra.
✅️Fayyina arganneerra.
✅️Birmadummaa arganneerra.
✅️Eebba arganneerra
✅️Ulfina arganneerra
✅️Ifatti baaneerra

Iyyesuus Kiristoos Fannoo irratti:

●Madaa’uu keenya madaa’ee madaa cubbuu irraa nu fayyiseera.
●Du’a keenya du’ee jireenya nuuf laateera.
●Inni ofii dheebotee dheebuu nu baaseera.
●Finyoodhaan hidhamee hidhaa cubbuu irraa nu hiikeera.
●Dhiiga Isaa dhangalaasee dhangala’uu dhiiga Isaatiin cubbuu keenya irraa nu qulqulleessara.
●Fannoo jiidhaa baatee ba’aa cubbuu keenyaa nurraa kaasera.

Ayyaana gaarii isiniif haa ta’u
Fulbaana 17/01/2019
Baalee Roobe Oromiyaa!!


Cimee Haa Dhagahamuu Faaruun Galannii
Aangoon Du'aa Cabeera Fannoo Isaatinii
Nagaan Labsamee Jira Madda Nageenyaan
Moo'ichaan Nu Dhaabeera Kennaa Jireenyaan

Maqaa Angafaa Hunda Caaluun
Qoricha Iyyasuus Kan Jedhamuun
Barbada'eera Diigameeraa
Aangoon Dukkanaa Gitameera

Gooftaatti Ni Amanna Ittiin Fayyinaa
Gooftaatti Ni Dhaadanna Ittiin Ni Moona


Seenaan Dukkanaa Bara Kuma
Kan Ittiin Dhoowwaamne Mucummaa
Fashalaa'eeraa Fannoo Isaatiin
Rawwii Ilma Isaa Iyyasuusiin
በመስቀል ውሎ ጥልን ገድሎልናል
ፍቅር ሰላም እረፍትን አድሎናል


Naafataan Fayyee Dhabbateera
Jaamaanu Arguu Argineerraa
Humni Maqaa Isaa Maal Dadhabaa
Jaamaa Ifaan Guutee Naafa Dhaaba
Gooftaatti Ni Amanna Ittiin Fayyinaa
Gooftaatti Ni Dhaadanna Ittiin Ni Moona

Lolli Fannoo Isaan Mo'ameeraa
Barri Dhiifamaa Labsameeraa
Duuti Aangoo Gooftaan Iyyasuusiin
Ajjeefameeraa Fannoo Isaatiin
በመስቀል ውሎ ጥልን ገድሎልናል
ፍቅር ሰላም እረፍትን አድሎናል


Fttu Meetii Efreem

Faaruu Ayyaana Fannoo
     ━━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
      ♡      ⌲       ✉️ 
     ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ


Gammadaa Martinuu Gammanneerra
Injifannoo Moo'icha Fannoo Isaa Arganneerraa

Faaruu Ayyaana Fannoo
     ━━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
      ♡      ⌲       ✉️ 
     ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ


Dirree Faarfannaa dan repost
Damaraan mallattoodha argamsa fannooti
Arris gaara addaan fooye dhugaa muldhisuufi

D.M Walitti haa qabamu
" Xomborri haa ibsamu
" muka jiidhaaf gogaa
" kadhannaaf ixaana
" Walitti idaana
" Fannoo ifa goona

D.M Iccitiin argatte
" Mootittiin illeeni
" Barbaacha yoo deemtu
" Yerusaalemini
" Amantiin argatte
" Fannoo iyesuusini

D.M Waggaan bara haaraa
"  Yemmoo dhufu marsee
" Ayyaanni masqalaa
" Tewaahidoo boonsee
" Guutuu biyya keenyaaf
" Birmadummaa labsee

Ni argame fannooni (3)
Ni qaana'ee diinni

N.A.F kunoo ni muldhate
" akkamiin dhokata
" dhugaan badee hin hafu
" Turee injifata
" fannoon humna qaba
" yoomuu ni moo'ata

N.A.F ni Dubbanna yoomuu
maaf dhoksina seenaa
mormatti hidhanneetoo
dhaloota barsiifna
daangaa biyya keenyaa
ittiin  kabachiifna

N.A.F dhugaan calaqqeedha
" warqeerra kan caalu
" fannoon qulqulluudha
" kijibni hin awwaalu
" diinonni fannoodha
" sichii lafa ilaalu


     ━━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
      ♡      ⌲       ✉️ 
     ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ


Dirree Faarfannaa dan repost
IFA ARGANNE
Fannoosaatiin (2) Ifa arganne Fannoosaatiin

Nu ifee qullasaa ta'ee
" waa'ee keenyaaf jedhe
" ni hidhe diina
"Caccabse xiyya

Nu ife Faajji amanatoota
" nuuf ta'e gooftaa
" Dinni qaana'eera
" Fannoon moo'eera

Nu ife fannoorra oolee
" Nuuf jecha duulee
" Bara addaan hiree
" Moofaa jijjiire

Nu ifee ifa hin dhaamne
"Nagaa hin badne
"Gooftaan ta'eera
"Hundarra aannerra

Fannoosaatiin nagaa arganne(2)
Fannoo isatin ibse dukkana baricha
"Hambise dhahicha
"Walaba nu baase
"Dhiigasaa lolaase

Bilisummaa qabna rakkoonis darbeera ibseera Fannosaa ...
Jireenya isa haaraa argineetu jirra
Ibseera fannoosaa..
Dhoorkaa tokko malee inni nu simateera ibseera
Fannoosaa..
Dukkanni hin jiru ifatti baanerra ibseera fannoosaa..

Fannosaatiin nagaa arganne (2)
Fanno isaatin ibse Daangaa lolicha
"Golobe moo'ichaan
"Dukkana afaan saaqe
"Gabrummaas ni haqe
Bilisummaa..

Fannosaatiin nagaa arganne (2)
"Addamin fayyisee
"Si'ooli kan baase
"Mallattoo moo'icha
"Ni hidhe diinicha
Bilisummaa..

Faaruu Ayyaana Fannoo


Damaraa walitti qabaa muka bobeessa
Aarrisaa nii ta'aa mallattoosaa
Bakkichaa gadfageessaati qotaa
/Achumaa argattu fannoo gooftaa/2

Birraan nuuf ga’ee egaa kunoo
Booqaan Masqalaa nuuf bari'ee
Dukkanni addunyaa rakkoon namaas
Fannoo Iyyesuusiin isaan hafee

Bara dheeraadhaaf badee turus
Dhokatee hin hafne ni argamee
Dawaan dhukkubaa nama hundaa
Humna Seexanaa cabsee mo'ee

Kiriyaakoosiin nii gorfamte
Mootittii Illeeniin fanno argatte
Qusxinxiinosii fannoo isaatiin
Diinotasaa hundaa injifatee

Masqalli waggaa kabajamuu
Dhaloota dhufuun ittifufa
Diinonni nurratti humna hinqabu
Fannoosaa arginaan nahee kufaa

/Saba Kiristaanaa hawwiin kee raawwatee
Kan gooftaa Iyyesuus irratti dhiphate bara dheeraadhaaf badee dhokatee
Mootittii Illeeniitu Mul’ataan argatte/2

Faaruu Ayyaana Fannoo
     ━━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
      ♡      ⌲       ✉️ 
     ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ


መከራው ክርስትናዬን

መከራው ክርስትናዬን አጣፈጠው
ስደቱ ማህተቤን አጠበቀው
በሞት መንደር በሀዘን ውስጥ በመከራ
አየውት እግዚአብሔርን ከኔ ጋራ
አዝ

ክርስትያን ተብለን በክርስቶስ ስም የተጠራነው
በጥልቁ ውስጥም በእግዚአብሔር እንድናምን ነው
ለጥቂት ግዜ ቢበረታብን ስደት ሀዘኑ
አምላክ ግን መውጫ ያዘጋጃል በዚህ ተፅናኑ
አዝ

በስደት ሳለን ካፋችን ቢደርቅ የፅዮን ዜማ
ከወንዙ አጠገብ ቁጭ ብለን ሰለን ድምፁን ሳንሰማ
በእግዚአብሔር ጊዜ ከባቢሎን ምድር እንለቃለን
መሰንቆአችንን ከአርያም ዛፍ ላይ እናወርዳለን
አዝ

ደካሞች ሲሉን በስሙ ያን ጊዜ እንበረታለን
ድሆች ስንባል ባለጠጎች እናደርጋለን
በምድር ቅዱስ ህዝብ አድርጎ ለእርሱ ለየን
ጨለማው አልፎ በቸርነቱ ብርሀን አሳየን
አዝ

ከፀጋ በላይ እንዳንፈተን ይከልለናል
በቁስላችን ላይ የፈውስን ዘይት ያፈስልናል
በጊዜም ቢሆን ያለ ጊዜውም በእርሱ እንፅና
እንኳን ስደቱን ሞቱን ሊገታው ይችላልና
     ━━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
      ♡      ⌲       ✉️ 
     ˡᶦᵏᵉ   ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

16 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.