Waantota jireenya keenya Balleessan 7'n
Akka dandeessu amani malee of hin shakkiin. Nan danda'a jennaan waanti ati hin dandeenye tokko hin jiru. Kan ati hin dandeenye hamma hin jalqabnetti qofadha.
Namni kutannoo hin qabne kutatee hin nyaatu jedhama. Kutannoon humna guuddaadha itti fayyadami.
Teessee hin hawwin waan hojjechuu qabdu ammuma jalqabi. Namni waan har'a hojjechuu qabu boruuf kaa'u, waan tokko osoo hin hojjetin du'a.
Waan itti amanta raawwadhu namni waa'ee kee yaadu hin jiru namni hunduu waa'eedhuma ofiisaa yaadaa jira.
Of ta'ii jiraadhu, ati sumadha malee nama biraa miti. Ofuma taatee akka jiraattuuf dhalatte waan ta'eef ofumaan dorgomi!. Of beeki namni ofbeeku nama biraan of hin madaalutii!
Wanta baay'ee of harkaa akka qabdu beektaa garuu? fkn Fayyaa, nageenya, gammachuu, jaalala namootaa fi kkf waan qabduuf galateeffadhu!
Wantoota hin taaneef yeroo kennuu:-fkn oduu hin fayyanne, siyaasa hin beekne, qaala'insa jireenyaa faa callistee nama wajjin yoo wal mormite yeroo kee gubda malee waanti jijjiirtu hin jiru.Ani namoota mormiidhumaan mataa of dhukkubsaa fi yeroo isaanii gubaa oolan baay'een beeka.
@Hiree_koo12
@Hiree_koo12
@Hiree_koo12
1. Of shakkuu.

2. Kutannoo dhabuu.
Namni kutannoo hin qabne kutatee hin nyaatu jedhama. Kutannoon humna guuddaadha itti fayyadami.
3. Guyyaa tokko akkasin godha jechuu.
Teessee hin hawwin waan hojjechuu qabdu ammuma jalqabi. Namni waan har'a hojjechuu qabu boruuf kaa'u, waan tokko osoo hin hojjetin du'a.
4. Namni maal naan jedha jechuu.
Waan itti amanta raawwadhu namni waa'ee kee yaadu hin jiru namni hunduu waa'eedhuma ofiisaa yaadaa jira.
5. Namoota biroo wajjin of dorgomsiisuu
Of ta'ii jiraadhu, ati sumadha malee nama biraa miti. Ofuma taatee akka jiraattuuf dhalatte waan ta'eef ofumaan dorgomi!. Of beeki namni ofbeeku nama biraan of hin madaalutii!
6. Waan of harkaa qabdu dagachuu.
Wanta baay'ee of harkaa akka qabdu beektaa garuu? fkn Fayyaa, nageenya, gammachuu, jaalala namootaa fi kkf waan qabduuf galateeffadhu!
7. Yeroo Qisaasessuu.
Wantoota hin taaneef yeroo kennuu:-fkn oduu hin fayyanne, siyaasa hin beekne, qaala'insa jireenyaa faa callistee nama wajjin yoo wal mormite yeroo kee gubda malee waanti jijjiirtu hin jiru.Ani namoota mormiidhumaan mataa of dhukkubsaa fi yeroo isaanii gubaa oolan baay'een beeka.
Yeroo Gaarii Isiniif Hawwina!
✍Share gochuun namoota jaalattan biraan gahaa!
@Hiree_koo12
@Hiree_koo12
@Hiree_koo12