Foon Seeraan Alaa Nifas Silk Laaftootti Qabame
Kutaa Magaalaa Nifas Silk Laaftoo, Warda 11tti duula dingataa gaggeeffameen foon seeraan ala qalamee gabaaf dhiyaachuuf ture to’atameera.
Wanti To'annoo Jala Oole:
Hoolota 13 fi Reeota 14 fayyummaan isaanii hin mirkanaayin.
Foon kiilogiraama 312 qulqullina hin qabne.
Tarkaanfii Guduunfaa:
Foon sun akka dhabamsiifamuuf Dhaabbata Qalmaa Finfinneetti kennameera.
Namoonni gocha kana raawwatan seeraan gaafatamu.
Hawaasni sarara bilbilaa 9995 irratti eeruu akka kennu waamichi taasifameera.
BEKA NEWS SAGAALE DHUGAA BIYYAA
@beka_newss