Barsiisa gurmuun tokko barsiisu guutummaa guutuutti fudhachuu dhiisuun ni danda'ama; kiristiyaanaa ta'uudhaafis akaakuu -ism gad diiganii beekuun haalduree miti.
Haa ta'u malee ''isa ani itti amanee jiraadhu anuma qofatu amana, isa ani beeku qofatus sirrii dha'' jechuun yookiin immoo ''wanta namoonni biroo amanan beekuunis ta'e duukaa bu'uun na hin barbaachisu'' jechuun seenaa fi maalummaa kiristiyaanummaa wallaaluu dha.
Dhimma akkasii irratti namoonni afaan nama qabachiisuu kan isaan barbaadan, yommuu dhimmi irratti dubbatamu sun wallaalummaa fi gowwuma isaanii bakkeetti mul'isuuf jedhu yookiin waan isaan dhugaa dha jedhanii qabatan soba jedhamee yommuu isaanitti himamuu dha.
Waan amanan beekuu fi qixa sirrii ta'een dubbachuu danda'uun theological fantasy miti. Taatee guutummaa lafaa irratti adeemsifamu kam iyyuu caalchisee wanti xiyyeeffannoon dubbatamuu fi hubatamuu qabu dhimma kiristiyaanummaa ti. Keessumaa namoonni fuutanii haadha manaa fi ijoollee of jalaa qabdan akkasumas warri sin geggeessa mataan siif ta'a jettanii mucaa namaa gotottanii adeemtan dhimma kana irratti maal na dhibdee ta'uun isin irraa hin eegamu, qaanii dha.
Warri ajaa'ibsiifannoon nama dhuunfaa fi quuqamni hawaasummaa ''waldaa'' isin geessu, achii gaafa galtan immoo hamee fi beekamtii barbaaduun miidiyaa hawaasaatti kan ol isin baasu waan tokkon isiniif dhaama. Seenaa waldaa kiristiyaanaa keessatti kiristiyaanonni dhugaan jireenya akkasii jiraatanii hin beekan, ammas ta'e gara fuula duraatti kiristiyaanonni akkasitti hin jiraatan.
Kana jechuun koo namni hundumtuu haa barsiisu, hayyuun mana guutee ala haa guutu jechuu koo miti. Garuu waan beeknu qofa haa dubbannu, waan nuuf hin galle irratti immoo haa barannu haa gaafannu jechuu koo ti. Waanuma argine irratti yaada kennuun dirqama miti; ogbarruu fi barsiisuun hanga waamicha keenya hin taanetti haasaa baay'ee isaa ijoollee keenyaaf haa qusannu. Tasgabbaa'uu dhabuu keessaniin toora jiruu fi jireenyaa hin diiginaa.
Kiristoos inni nuti fayyinaaf itti amanne fureen keenya mirga abbaa jira. Guyyaa tokko dhufee biyya lafaa isa cubbuun butuche kana keessaa nu baasuuf jira. Akkuma Ergamaa Yohannis jedhe maal akka ta'uuf jirru beekuu baannus biyya lafaa gowwomsaaa cubbuun guute kana keessaa gaaf tokko ni baana. Hammasitti garuu har'aa bor Kiristoosiin beekaa abdiidhaan jiraanna. Mamii fi shakkii caaffatni qulqulluun nuuf hin ibsine hundumaafis abdiin keenya dhufaatii Kiristoos dha. Ameen.