Chaarjariin suphameefi sirrii hin taane namaafi mobaayiliirratti miidhaa attamii qaba?
Yeroo baayyee chaarjariiwwan bilbila harkaa cituu gahaniifi suphaman fayyadamuun miidhaa hangam akka qabu hedduu hin yaadamu. Haata’u malee, balaa cimaa hin yaadamne qaqabsiisuu danda’u.
Chaarjariiwwan suphamaniifi cituuf jedhaniitti fayyadamuun bilbila harkaa keenyarratti ta’e, nurraan miidhaa hin eegamne cimaan qaqabsiisuu akka malu baayyee waan hubatame miti jedhu oggeessoonni.
Chaarjariiwwan cituu gahan alattis, kanneen orijinaala hin taanes bilbila keenyarraan miidhaa qaqabsiisuu malu.
Ofii chaarjariiwwan akkasii kanneeniitti fayyadamuun rakkoolee attamii qaqqabsiisuu danda’u?
Balaa elektiriikiin qabamu
Bilbilli harkaa keenya chaarjarii cituuf adeemuun ykn kan suphameen yoo anniisaa akka guutamu taasiifnutti, balaa elektirikaan qabamuf nama saaxiluu danda’a.
Sababii kanaatiin addunyaarratti lubbuun namoota hedduu kan darbe ta’u gabaasaaleen ni mul’isu.
Dhaabbanni nageenya elektirikii irratti hojjatuufi Yunaayitid Kingidam Landan keessatti bu’uurreeffate tokko, ‘‘chaarjaroonni fakkeeffamanii hojjatamaniitti fayyadamuun balaa qabaachuu akka danda’u,’’ akeekkachiisa.
‘‘Chaarjariiwwan fakkeeffamanii hojjataman hedduu waliitti qabuudhaan akka sakkataaneetti, harki 98 kan ta’an fayyadamtootarra balaa cimaa qaqabsiisuu kan danda’aniidha’’ jechuudhaan marsariitii isaarratti barreesse.
Ibiddaafi dhohiinsa:
Chaarjariiwwan sirrii hin taaneetti fayyadamuun balaa ibiddaa hordofsiisuu danda’a.
Funyoowwan chaarjarii sirrii hin taaneefi rakkoo qaban ‘‘bilbilli harkaa keenya hanga barbaadamuun ol akka ho’u akkasumas akka dhohuu gochuu danda’u. Kana malees carraa balaa qaqabsiisuu umuu danda’a’’ jechuun dhabbanni nageenya elektirikaa kun kan akeekkachiise.
Baatirii faayidaan ala taasisuu:
Chaarjariiwwan fakkeeffamanii hojjataman ykn kan irra deddebiin suphaman bilbila keenya gubuu danda’u. Haata’u malee yoo chaarjarii akkasiittiin fayyadamnu, baatiriin bilbila keenyaa wal jalaan dadhabaa adeemuun sadarkaa tajaajila dhaabuu irra gahuu danda’a.
Chaarjarii fakkeeffamanii oomishaman maaliin adda baafna
?
Garaa garummaa chaarjarii isa sirriifi kan fakkeeffamee hojjatame jidduu jiru adda baasuuf kan beekumas adda barbaachisu miti kan jedhan oggeeyyoonni, kanneen fakkeeffamanii hojjataman (fake) ta’u salphaadhumatti adda baasuuf malawwan dandeessisan beeksiisaniiru.
Barreeffama chaarjarii irra jiru, mallattoo omishaa fi qulqullinasaaa hubachuun yoo ilaaltan hanqina tokko ni agartu.
Fiixee sookkeettiisaa ilaalaa. Sirrii yoo ta’u baate, yeroo baayyee kan calaqisaniifi sirrii waan hin taane argu dandeessu.
Ulfaatiinni chaarjarootaa, wantoonni irraa hojjataman rakasaa fi ulfaatinnisaanii kaaniin addadha. Sababii isaan fakkeeffamanii hojjataman keessoon isaanii duwwaa ta’ef ni salphatu.
Haala qabiinsa Chaarjarii
Chaarjariin bilbila keenyaa akka hin hojiin ala hin taaneefi akka adda hin cinnee haala qabiinsaa fi haala itti oolkeenyuuf of eeggannoo gachuun barbaachisa.
Funyoo chaarjarii haala cituu fi cacabuu danda’uun maruu hin barbaachisu. Akkasumas baayyee cimee akka hin dachaane fi eddo aduu ykn ho’aaf hin saaxilamne qofaa kaa’u qabna.
Bilbila keenya wayita chaarjii kan goonee ammo yoo baatiirii fixachuutti dhiyaate yoo ta’e gorfama. Kana malees bilbila keenya dhaamsuun osoo chaarjii gonee baatiiriisaa yeroo dheeraaf itti fayyadamu dandeenya.
Gama biraatinis halkana keessa baatiriin guutee bula jechuudhaan bilbila chaarjii irratti dhiisanii buluun hin gorfamu.
Baatiriin bilbilli harkaa keenya amma elektiriikii barbaachisuu qofaa erga chaarjii gooneen booda chaarjarii irraa buqqaasuu abba barbaachisu gorsu oggeessoonni dame kanaa.
📢 | ■ @Oro_Tech_Tipz