#Freshman
Freshman Koorsii irratti Assignment yeroo kennamu akkamitti hojjenna?
Hordoftoonni Channel keenya akkam jirtu? barattoota haaraa Yuunivarsiitii seentaniif waan gaarii qabannee dhiyaanneerra dubbisaa! hiriyoota keessaniifis qoodaa!
Highschool irratti Assaayimantii hojjettaniirtu ta'a, waraqaa adii irratti barreessitanii sana booda isteeppilarii dhaan walitti qabsiistanii galchuu fi k.k.f. Yuunivarsiitii keessatti garuu kana akka hin yaalle, fakkeenyaaf barsiisonni isin harkaa fuudhuu dhiisuu danda'u, yookiin ammoo qabxii baay'ee isinirraa hir'isu. Yuunivarsiitii keessatti ammoo qabxii lama sadi mitiitii qabxiin 0.5 iyyuu iddoo guddaa akka qabdu kan bartan Grade yeroo ilaalatanidha. Kanaafuu akkaataa itti assignment hojjetamu Style mataa isaa qaba.
Page Cover itti hojjettanii haguuguu qabdu, akkasumas waraqaan irratti barreessitan waraqaa adii ta'uu qaba.
Assaayimantii koorsiiwwan Freshman irra jiran iddoo saditti qoodnee ilaaluu dandeenya.
1⃣ Assaayimantii Case Study
Assaayimantii akkasii kan kennan kanneen calculation hin qabne irratti koorsiiwwan akka Anthropology fi Civic irratti dha. Kaayyoon isaas mata dureen tokko nuuf kennamee sana irraa ka'uun fuula 7-10 ni barreessina. As irratti wanti hubachuu qabnu Assaayimantii nuti hojjennu keessatti wantoonni armaan gadii duraa duubaan jiraachuun isaanii murteessaadha;
📚1Table contents
📚2 introduction
📚3 Main part
📚4 Conclusion
📚5 Reference
Yeroo tokko tokko kanneen armaan oliitiin dabalataatti akka barsiisaa keessaniitti wantoonni dabalaman jiraachuu danda'u.
Kanneen armaan olitti ilaalle bal'inaan haa ilaallu;
1 Table contents
Kutaan kun Assaayimantiin keessan maal maal akka of keessatti qabate kan mata duree fi fuula isaa waliin itti agarsiistanidha.
2 Introduction
Kuni ammoo seensadha. Kuni ammoo mata dureen nuuf kenname maal akka fakkaatu bifa seensaatiin kan itti waa muraasa dhiyeessinudha. Kunis haala walii galaa Mata duree nuuf kenname sanaa fi wantoota Assaayimantii sana keessatti inni hammate kan itti barreessinudha.
3 Main Part
Kuni kutaa isa guddaa yoo ta'u qabxiilee Table contents irratti keenye fi isaan jala wantoota jiran bal'inaan kan itti dhiyeessinudha.
4 Conclusion
Kuni ammoo guduunfaa ykn goolaba yoo ta'u wanta main part irratti nuti barreessine sana kan itti goolabnudha.
5 Reference
Kuni ammoo madda nuti fayyadamne kan itti barreessinu yoo ta'u, maddeen kun Website, Kitaabolee garaa garaa ta'uu danda'u isaanis duraa duubaan kaa'uu qabna. Akkasumas maddeen nuti asitti barreessinu kunneen kan Assaayimantii keenya irratti fayyadamne ta'uu qabu. As irratti Google, Moojula fa'a akka madda ykn reference tti fayyadamuu hin qabnu.
Egaa har'aaf kan qabannee dhiyaanne kana fakkaata. Kutaa 2ffaan itti fufa.
Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa!
@Qubee_Media_Official ✅
@Qubee_Media_Official ✅
Website 🌐🌐
https://www.qubeeonline.comhttps://www.qubeeonline.com