Majlisni magaalaa Finfinnee barattoonni sababa niqaabaatiin barnoota irraa dhorkaman gara mana barumsaatti akka deebi'an walii galtee irra ga’uu ibse!
Manni Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamaa magaalaa Finfinnee tibbana rakkoo uffannaa barattoota dubaraa muslimaa waliin walqabatee manneen barnootaa magaala keenya tokko tokko keessatti uumame furuuf sadarkaa sadarkaa hundatti karaa caasaa keenyaan marii walduraa duubaan gaggeessaa jira.
Kaleessa Onkoloolessa 20/2016 hoggantoonni olaanoo fi hoji gaggeessitoonni Mana Maree Ol’aanaa keenya bakka Waajjira Nageenya Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Komishinara Komishinii Poolisii Magaalattii fi Waajjirri Barnootaa Magaalichaa argamanitti dhimmicharratti marii bal’aa gaggeessaniiru.
Bu’uura kanaan rakkoon kun yeroo baay’ee mudachaa waan jiruuf furmaata dhaabbataa waan barbaaduuf, Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamaa waliin, Majlisa Federaalaa fi qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatu waliin ta’uun, furmaata kan ta’u yaada dhiyeessuuf waliigalteerra ga’ameera .
Barattoota jalqaba baatii kanaa irraa eegalee mana barumsaa irraa ari’aman , gara mana barumsaa isaaniitti deebi’anii akkuma kanaan duraatti isaaniitti akka hirmaatan walii galameera.
Manni Maree Ol’aanaan keenya hojii hafe of eeggannoodhaan kan raawwatu yoo ta’u, maqaa hawaasa Musliimaa magaalichaatiin qondaaltota mootummaa olaanoo magaalichaa marii kana irratti hirmaatan hunda rakkinicha furuuf kaka’umsa taasisaniif galata guddaa qabna jedha Majlisi magaalaa Finfinnee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti dabarseen.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA_MEDIA📡