Ee...
Dhufa keef ilillee labsee
Utuu in bulin
Jechi kee hamilee cabsee
jibba nan ulin
Gadda kootiif seeda taatee
Yoon ol seenu boroon baatee
Maaf suksukta cookkoo faanaa
Kormi kee maaf jibba gaana
Akka lukkuu...
qarabaa qalmaa maaf haata
Baaftee lubbuu
akka cabbii maaf dhangalaata?
Yoom koo taata...
Didnaan anuu...
dugda hindaaqqoon siif diriirsa
Toora kee...
Sooreef Boontuu nan hiriirsa
Gaafas gaabbiin duuba kee ilaaltee
akka niitii looxii dhumta baqxee
Eelaa gaabbiin mankaraartee
miira kee taaziyaan laaqxee...
Achiis lufta
Natti dhufta
Dhiifamaaf kufta
Aagii tufta
Anis ...
Deemin jedha
Kanan fedha
© Kenbon Ab
Dhufa keef ilillee labsee
Utuu in bulin
Jechi kee hamilee cabsee
jibba nan ulin
Gadda kootiif seeda taatee
Yoon ol seenu boroon baatee
Maaf suksukta cookkoo faanaa
Kormi kee maaf jibba gaana
Akka lukkuu...
qarabaa qalmaa maaf haata
Baaftee lubbuu
akka cabbii maaf dhangalaata?
Yoom koo taata...
Didnaan anuu...
dugda hindaaqqoon siif diriirsa
Toora kee...
Sooreef Boontuu nan hiriirsa
Gaafas gaabbiin duuba kee ilaaltee
akka niitii looxii dhumta baqxee
Eelaa gaabbiin mankaraartee
miira kee taaziyaan laaqxee...
Achiis lufta
Natti dhufta
Dhiifamaaf kufta
Aagii tufta
Anis ...
Deemin jedha
Kanan fedha
© Kenbon Ab