Lataa Qana'ii Aagaa dan repost
Ijayyuu hin bananne
Fuulayyuu hin haqanne
Anoo biqiltuudha
Baalayyuu hin naqanne!
Ifa addunyaa arguuf
Barnoota filadhee
Reefuun qalamaafi
Dabtara bitadhe!
Abjuudhaan fagaadhee
Laga meeqa ce’ee
Baay’een of abdadhe
Nan guddadha se’ee…
Ni hafe egaa kunoo
Abjuun koos karaatti
Na kutan - nan cite
Deemeera nagaatti!
Ani waggaa kudhani (10)
Hamaafi gaarii hin beeku
Dabareen dhufanii
Na micciiran ceekuu..
Iyyee…boo’ee…boo’ee
Imimmaan of jiisee
Afaan na cuqqaallaan
Humna dhabeen ciise..
Achitti….
Gudeeda koo banan - miila koo harkisan
Innumtuu xiqqaatee
Mukaatti ol baasanii funyoon na fannisan!
Gidiraan Oromoo
Anas na waammatte
Hireen koo ijoollummaa
Kanumaan raawwatte!
Dhiiga kiyya jigu
Lafee kiyya cabu
Dhugaa koo falmitu
Jedhee abdii hin qabu!
Ani obbaafadheera
Ergan boolla seenee maaltu na doorsisaa?
Isin warri haftan
kanuma dandeessu boo’aa wal boossisaa!
Ana, Simboo Birhaanuuti!
Warra jiraatti du’e hundaaf!
@LataaQanaii
Fuulayyuu hin haqanne
Anoo biqiltuudha
Baalayyuu hin naqanne!
Ifa addunyaa arguuf
Barnoota filadhee
Reefuun qalamaafi
Dabtara bitadhe!
Abjuudhaan fagaadhee
Laga meeqa ce’ee
Baay’een of abdadhe
Nan guddadha se’ee…
Ni hafe egaa kunoo
Abjuun koos karaatti
Na kutan - nan cite
Deemeera nagaatti!
Ani waggaa kudhani (10)
Hamaafi gaarii hin beeku
Dabareen dhufanii
Na micciiran ceekuu..
Iyyee…boo’ee…boo’ee
Imimmaan of jiisee
Afaan na cuqqaallaan
Humna dhabeen ciise..
Achitti….
Gudeeda koo banan - miila koo harkisan
Innumtuu xiqqaatee
Mukaatti ol baasanii funyoon na fannisan!
Gidiraan Oromoo
Anas na waammatte
Hireen koo ijoollummaa
Kanumaan raawwatte!
Dhiiga kiyya jigu
Lafee kiyya cabu
Dhugaa koo falmitu
Jedhee abdii hin qabu!
Ani obbaafadheera
Ergan boolla seenee maaltu na doorsisaa?
Isin warri haftan
kanuma dandeessu boo’aa wal boossisaa!
Ana, Simboo Birhaanuuti!
Warra jiraatti du’e hundaaf!
@LataaQanaii