Postlar filtri


Barsiisaa # 3


---BARSIISAA---

Jabaadhu goota koo
Abbaa seenaa guddaa
Sumatu barsiisee
Dhala namaa hundaa.

Guutuu biyyaatirraa
Hanga aanaaf gandaa
Hangafa hayyootaa
Hunduu si barbaadaa.

Beektotni addunyaa
Hundi sirraa maddaa
Dhalootaa hundaafuu
Qabda bakka addaa.

Tarreessaa seenaadhaa
Waa'ee sirna gadaa.
Sabboonaa dhugaadhaa
Kan jaalatu aadaa. x2
---
Galaana beekkumsaa
Madda ifaa barii
Cuunfaa nadhii dammaa
Kan kanniisa gaarii.

Heddu galanni kee
Nurraa qabda xaarii
Qubee lakkoofsisuun
Dhalakee baraarii
Jiraadhu goota koo
Nurra bulii jaarii. x2
---
Abdii jiruu boruu
Abbaa koo lammataa
Galma geessaa yaadaf
Amaanaa ummataa.

Jijjiiraa yaad-qalbii
Hangafa beektotaa
Abbaa Injinaraa
Abbaa doktorootaa.

Qartuu paayileetiif
pirofeesarootaa
Kabajamaa dhugaa
kompaasii dhalootaa. x2
---
Sumaa abbaan dhugaa
Booni jiruu keetti
Abdiis hin kutinii
ida'i dandeettii.

Madda goota baay'ee
Guutuu addunyaatti
Lammii qarabaasuun
kan galche hojiitti.

Goota goota caalu
Gaggeessaa biyyattii
Kunuunsaa daa'imaa
Mul'isaa seenati

Sammuufi beekkumsaaf
RiqIcha qunnamtii
Kan hunduu jaalatu
Abdii jireenyati. x2
---
Nama ajaa'ibaam
Kan hojii barsiisaa
Boru daree seenuuf
Har'a of qopheessaa.

Dareetti ol seenee
Barataa si'eessaa
Lubbuu itti horee
Kan rafes dammaqsaa.

Malaan itti siqee
Daa'imman kunuunsaa
Karooran hojjatee
kaayyoosaa galmeessaa.

Qabxii marii kennuun
Hundaa hirmaachisaa
Yaad-qalbii jijjiiruun
ifatti mul'isaa.

Haadhaf abbaa caalaa
Daa'imman guddisaa
Lammisaa qabatee
Misooma sochaasaa.

Naamusa dagaagsuun
Maatii gammachiisaa
Goota hundaa caaltaa
Kanaafan si faarsaa
Mindaan kee xinnachuun
sirriitti na aarsaa. x2
---
Jaalatamaa dhugaa
Utubaa hayyootaa
injifataa qabsoo
Abbaa barattootaa.

Burqaa saaykolojii
Kan oomishu goota
Ofitti fudhatee
Amaanaa ummataa.

Peedaagojii hiikuun
Karooran hojjataa.
Saaykolojiin yaaduun
Amala qorata.

Sabboonaa dhugaadhaa
Maaltu si fakkaataa?
Kan ittiin si ibsuus
Jechi na hanqata. x2

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@burqaa_walaloo1
➪ 
@burqaa_walaloo1
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


Gaaffiin Gaafadhe Kana Namni Naaf Deebise Baadhaasa Kaardii 📱 Na Biraa Qaba😁

Namni Uumamuma Isaatiin Duudaa Ta'ee Dhalate Tokko,Guddatee Gaafa Sammuusaa Keessatti Waa Yaadu Afaan Maaliitiin Yaada?😂


Comment
👇

https://t.me/+Q4E_k75dyGc2YWI0
https://t.me/+Q4E_k75dyGc2YWI0




Gaafa maatii kee waliin jirtu yoo dhukkubsatte hamma dhumaatti kan si hin hifanne maatii keeti.

Gaafa fuute ykn heerumte immoo hamma dhumaatti kan si waliin turu haadha manaa ykn abbaa manaa gaarii qofa🥰

Isaan lamaan kanaaf dursa kannii jaaladhu Yeroo qabdu irraahiis isaaniif qoodi.🥰🥰🥰


Barsiisaa # 2

𝗠𝗮𝗮𝗹𝘂𝗺𝗮𝗮𝗳 𝗻𝗮 𝗱𝗮𝗿𝗮𝗿𝘁𝗮?


Barsiistuuko naaf tahuuf
Erga seentee dareekoo
Malumaaf na dararta?
Maalan godhe qarreekoo

Ibsa eenyummaa keetii
Kitaaba guddaa sani
Dubbisii fixi jennaan 
Cinqamaan jira ani

Ganamni 'Classwork'
Galgalli 'Quiz'iidha
Waa'ee kee qofan yaada
Waa'ee koof an biiziidha

Hireen anaaf kennamte
Si qofa dubbisuudha
Qalbiif yaadaan butaamee
Samirra bubbisuudha

'Page' Kuma keessaatii
Gaaffii tokkittii baaftaa
Malaan godhe giiftiiko
Maalumaaf na dhamaafta

'Quiz' osoon jedhuu
Miiddiinis ga'e qaata
Innis yaaddoo guddaadha
Akkaman taha laata?

'Library' kee banadhee
Dubbisaa osoon jiruu
Akka barsiisaa hamaa
Na dhiphisteem yaa tiruu

'Faayinaalii' qoramus 
Nan beeka qabxiin fidu
Xumurri firii kootii
Zeerooma tahuun didu

'Fiildii' kee dhiiseetan
Galmaa'a kan biraatti
Anatu hin dandeenye
Barsiistuuko nagaatti

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@burqaa_walaloo1
➪ 
@burqaa_walaloo1
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


BURQAA WALALOO:
Barsiisaa # 1

Barsiisota hundaaf

Akkam naaf jirtanii
Hundumti barsiisaa 
Daandii namaaf tolu
isintu garsiisaa.

Galanni kee guddaa
Himamee yoom dhumaa
Garuu qarshiin kankee
Dafee maaliif dhumaa.

Abbaa hayyuu hundaa
Uumaa nama beekaa 
Karoora bareedaa 
Siitu nuuf akeekaa.

Bu'aan biyyaaf buuste
lakkoofsaan danuudha 
Si jibbuu jechuunis
Biyyuma ganuudha.

Uumtee lafa keesse 
Jara waa barreessu 
Qorannoo gaggeessuun
Furmaata tarreessu.

Fiiziksii barsiistee 
Xiyyaaraan imaluu
Daandii haalaan fagoo
Goote daftee galuu.

Dokteerii oomishtee 
Dhukkubsataa yaalta 
Beekumsi kee cimaa 
Atoo hunda caalta.

Jara waa xiinxalu 
Baree saaykooloojii 
Dhukkubaas ni yaalta
Barsiisiista baayloojii.

Of duuba deebistee 
Yaadachiista seenaa 
Kaayyoon kee cimaadha
Kanaaf hunda feenaa.

Herrega barsiisuun 
Warra gamoo jaaru 
Namaas ni gorsita 
Akka wal gargaaru.

Abdii hin kutatin
Jabaadhu barsiisaa 
Karoora jireenyaa 
Situ nu garsiisaa.

Dawaa garaa garaaf
Jira keemistiriin 
Milkaa'inni kankee 
Hedduunsaa misxirii.

Daandiin ati deemtu
Dabaa miti sirrii 
Namaaf tola oolta
hin barbaaddu birrii.

Dukkana addunyaa 
Situ nurraa saaqe 
Doofummaa jibbamtuu
Kan duraan nu laaqe.

Akkam siif haa ta'u
Yaa abbaa hiyyeessaa
Wanta namaaf tolu
Situ nuuf dhiyeessaa.

Galanni kee guddaa
Amalli kee gaarii 
Yoomuu nuuf jiraadhu
Qananiidhaan waarii.

Harka kankoo qabdee
Na barsiiste qubee
Utuun hin baratin 
Wallaalli na hubee.

Yaada anaaf kennaa
Namni na dhageessan
Namoonni barachuun
Qalamaan barreessan.

Namoonni walaloon
keenya isinitti tolaa jiru
join, like, comment nuuf
godhaa.

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@burqaa_walaloo1
➪ 
@burqaa_walaloo1
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ

766 1 12 6 46



Isan halkaniif guyyaa
Waa'ee keetiif gubadhuu
Miidhama onnee kootii
Adaraa naaf hubadhuu...!
~
Nattin tolu gonkumaa
Hunda na jibbisiisaa
Cabako naaf wallaantee
Yoomin boqodhe ciisaa...!
~
Yaada keeti yoomiyyuu
Kan dhippisee na gooluu
Naaf hin ta'u gonkumaa
Guyyaan sin argiin ooluu...!

Natti boontee jaalalaan
Hin jabaatiinii garaa
Miidhama koo naaf barii
Na simadhu adaraa...!

✍By Amena Teferi
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@burqaa_walaloo1
➪ 
@burqaa_walaloo1
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


REACT PLS👍❤🥰


Albuuda gatii qaalii
Lookoo mormi warqee
Nama naan gonfate
Ani siin qofan argee
🌱
Yuuroofi doolaariikoo
Kuusaa warqeefi meetii
Yaabii narra kori
Qaamni kankoo keeti
🌱
Waajjira qaama koo
Bakka hundaa keessa
Onneekoo kukkuttee
Lixxee keessa teessa
🌱
Haasaa fi kolfi kan kee
Natti taanaan yaadannoo
Lafan deemu hundattin
Siin godhadhee dhaadannoo
🌱
Bobbocee babbareechee
Kaleef ribuu sukkuumee
Heewaankoo dhugaa godhee
Waaqatu siin naaf uumee.!

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@burqaa_walaloo1
➪ 
@burqaa_walaloo1
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


Hirriyyaa dhugaa

Hirriyyaan dhugaa
Fakkeenya jiruutii
Hedduu woljaallatu
Akkuma tiruutti

Eenyut adda baasa
Dhufu malee duutii
Hirriyyaan dhugaa
Kan woljaalatuuti

Worqiif meedaaliyaa
Miti kennaa namaa
Jaalalaaf tokkummaa
Baayyeetu beekamaa

Qaamaan fagaatanus
Qalbiidhaan wolfaanaa
Hirriyyaa dhugaa malee
Eenyu wolit Aanaa

Dhiiras Ta'ee Dubaraa
Namni Hirriyyaan Tolaa
Rakkinaaf dhiphinaa
Wolirraatii Qolaa

Kan gatiinsaa qaalii
Yoomuun jirre gabaa
Hirriyyaa kee kunuunsi
Eeyyee kun si darbaa

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@burqaa_walaloo1
➪ 
@burqaa_walaloo1
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


Garaan yaaduun jibbine
Karaatu fagaatte malee
Durbi heeruman jibbine
Dhiiratu jabaate malee😁

Iddoo nagaa bulaa❤❤


Bor akka gaariin jiru
Bareeche waanan beekuuf
Hardha kiyya  ilaalee
Boruu kiyya hin qeequu

Dhabuuf argachu miti
Madaalliin ilma namaa
Abdii qabaachuudha
Ofiif amanamaa

Hardhi na miidhuu Malti
Abdii na kutachiistee
Borimmoo na fayyaddii
Tarii na  gammachiistee

Kanaaf maaf abdiin kuta
Guyyaa hardhaa ilaalaa
Boru akka gaariin jiru
Ani maafan wallaalaa ?

Jedhii abdii horadhu
Abdiin kutiin yaa tiruu
Abdii kutatte taanaan
Milkaa'insi kee hin jiruu !

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@burqaa_walaloo1
➪ @burqaa_walaloo1
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


Oro wollega library dan repost
Milkaa'ina dhiiraa tokko duuba shamarre jabduu tokkottu  jiraa.
Shamarri sun garuu haadha isaati!
Respect for Mom🥰

Share and react now➩
@Gorsa_milkii
Share and react now➩
@Gorsa_milkii


Lubbuu koo sin jaalla
Siin jedhee tiruu koo
Feetu siifan du'aa
Siif dhiisee jiruu koo

Si fayyada taanaan
Lubbuu koon siif laadha
Jaalala kee uruurseen
Mataa kootti baadha

Miira kiyya maraan
Ittiin waa dubbisi
Onnee koo banadhuu
Keessatti shubbisi

Qaamni koo kan keetii
Ittiin dhimma ba'ii
Fayyaa kankoo fudhuu
Akka feete ta'ii

Harki kiyya keetii
Ittiin waa hojjedhu
Miilli koo, koo miti
Fudhuu ittiin ejjedhu

Fudhu qaama koo hunda
Hin eegin mallattoo seeraa
Mallattoof falmii malee
An of siif laadheeraa

Of siif kennee ka'ee
Sin gaafadhu lamuu
Homtuu nan fudhatu sirraa
Jabaaf beekaan kamuu

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@burqaa_walaloo1
➪ 
@burqaa_walaloo1
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


NUTI QAAMA TOKKO❤

Nuti qaama tokko
Miilaa hanga mormaa
Addaan facaatanii
Hin ta'inaa orma!

Wallottis dhaladhu
Wallaggaafi jimmaa
Dhabnikee dhabakoo
Dhimmikee naaf dhimma

Harargees yoo taate
Arsii yookaan Baalee
An wol hin caalchisu
Gandaaf gooxii laalee

Booranaafi gujii
Matakkaliif shawaa
Anaafis qoricha
Wanti-isiniif dawaa

Faffaca'uun fafa
Addaan wal dhiluuni
Anaaf biyya kooti
Beddelleef iluuni...

Kutaan adda baanee
Hin dhandhamnu eelaa
Dheebuunkee Kan kooti
Beelli kee naaf beela

Bahaaf lixa-n jennu
Kaaba yookaan kibba
Wol jaalanna sabaa
Haa jibbinu jibba!......

Na gahee sin hanqatu
Cabnu woliin okkolla
Gufannus walumaani
Ceenus woliin offolla!..

Ija bitaaf mirgaa
Hin laallu addatti
Hin galinaa sabaa
Hin gallu gandatti!

Tokkummaan oromummaa
Irbuu goota kumaatii
Galfata hin nyaatinaa
Dhaamsa kiyya dhumaati!

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@burqaa_walaloo1
➪ 
@burqaa_walaloo1
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


Siif na haa dhukkubu
Fedhus na haa ajjeesu
Na jibbiteef jedhee
Si jalachuun dhiisu

Sin jaaladha jedhee
Na jibbuu keen aadu
Jaalalti kennuu malee
Deebii hin barbaadu

Osoo ta'ee toluyyuu
Jaalalli gama lachuun
Deebii keetii miti
Anaatif gammachuun

Duuba  na jibbituu
Si jaalachuun dhiisu
Isa gammachuun koo
Osuma na dhiphisuu

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@burqaa_walaloo1
➪ @burqaa_walaloo1
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


OF AMANSIISI!
▬▬▬▬▬▬▬▬
Milkɑɑ’inɑ Gonfɑchuuf
Durɑ of ɑmɑnsiisi!
Wɑntɑ Guddɑɑ Yɑɑdi
Wɑɑn Gɑɑrii ɑrgɑmsiisi!

Hojii Irrɑ Oolchi
Hɑwwiif Yɑɑdɑ Kɑn Kee
Imɑlɑ Eegɑli
Hin Gubin Yerookee

Bɑkkɑ Guddɑɑ Gɑ’uu
Atis Ni Dɑndeessɑ
Gɑruu…….
Dɑɑndiin Milkɑɑ’inɑɑ
Obsɑ Bɑrbɑɑchisɑ

ɑmɑnsiisi Sɑmmuukee
Hin Shɑkkin Dɑndeettiikee
Wɑɑn Xiqqoo Hin Yɑɑdin
Guddisi Hɑwwiikee

Yoo Shɑkkite Ni Kuftɑ
Yoo ɑmɑnte Milkooftɑ.

React godhi maaloo👍❤

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@burqaa_walaloo1
➪ 
@burqaa_walaloo1
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


Walaloo Kaayyoo!
================↓
Namni kaayyoon guddaa
maraataa fakkaata.
Yeroo karaa deemus
kophaa dudubbata.
~~
Ilkaan isaatiin seeqee
sammuun dhukkubsata.
Garaan isa ciinca'ee
madaa kulkulfata.
~~
Miilli isa sorooroo
Keessa isatuu okkola.
Qaamaan as ta'ee
Yaadaan gaara oola.
~~
Addunyaa naanna'ee
hundumaa xiinxala.
Abjuudhaan herreegee
bu'aasaa ilaala.
~~
Gaddaan facaasee
gammachuun haammachuu.
Har'a sakaalamee
boru tarkaanfachuu.
~~~
Kaayyootu na godhe
akka ani daangaa hin
tarre.
Har'a qofaaf nyaachuu
garaankoo hin barre.
~~
Qorri diilallaa'ees
qaama koo nan hubu.
Ciniinnadheen obsa
abidda na gubu.
~~
Rakkadheera jedhee
harka koo hin laadhu.
Natii tole jedhees
kaayyoo koo hin
dagadhuu.
~~~
Abjuu guyyaa keessaa
Mul'ata isa boruu
Abdii hin kutatiin!!
Ormi haa ololuu!!!
Jabadhu qeerransoo
Kan waaq jedhe hin ooluu!!!!!

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@burqaa_walaloo1
➪ @burqaa_walaloo1
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


• BORU AKKA HIN GAABBINE

Abdiin jira bor guddatee firii kenna
Har'a garuu hin guddattu ittiin jenna
Inni beeka ka'umsasaa
Tolfateera ga'umsasaa

Nuti garuu biqiltucha gad cabsina
Firii hin laattuu oduu gaddaa itti labsina
Hin guddattu gogdee badda
Bu'aa maaltu sirraa madda

Habaaboo guddachaa jiru
Wal gargaarree daboon ciruu
Hamma hongeen sitti dhufa
Jirmi kees dadhabee kufa

Akkas jennee gogsuuf yaalla
Akka ta'uu qabuun faallaa
Kunuunsuu akka qabnu haalla
Gogsuudhaaf karaa ilaalla

Garuu inni hundee cimaa
Akka qabu hundatti hima
Jecha keenyaaf bakka hin laatu
Kuufatee qaba waan nyaatu

lnni garuu of hin shakku
Akka kennu bu'aa lakkuu
Albuuda gaarii yaabbatee
Hundeensaa cimee dhaabbate

Hongee dhufus damdamachaa
Boru laachuuf firii dachaa
Qophii hundaa xumureera
Dagaaguuf garaa mureera

Kanaaf nuti 
Kan haamilee gad cabsine
Badii irratti labsinee
Gaabbii boru nu eeggatu
Namni hunduu haa beekkatu

Kunuunsinee guddisuudhaaf
Aramaa irraa buqqisuudhaaf
Dirqamni utuu nurra jiruu
Isa jigii yaane ciruu

Bor gaabbiidhaan quba nyaachaa
Firii habaabichaa baachaa
Yeroo jiraannu lafarra
Hammeenya keenya safarra

Kanaaf 
Bor gaabbiin akka nu hin waadne
Kunuunsuudhaaf har'a yaadnee
Haamileedhaan haa guddisnu
Aramaa irraa haa buqqisnu

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@burqaa_walaloo1
➪ @burqaa_walaloo1
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.