Dur...
Dur goota'tu marga
Dhiira Dirree jiru'tu ragaa
Amma hattuutu harqa
Loltuu miti ilmaan baqaa😒
Birraa Asheeta Nyaatu; silaa
Arfaasaa Facaasanii
Kana dhaloonni ammaa hinbeeku
Dhagaha malee yoo haasa'ani😏
Dur Caatoo gadii
Yowwana Qotiyyoo tiskuu
Amma darabduu sanyii badii'tu
Keessa foori'anii ki'kiisku😞
Dur ilmaan-keetu
Medicine'f Injiinera tamaara
Amma 12 darbuunuu hafee
Taate hambaa sigaaraa😫
Dur abdaariin Bulluq
Farda gootaa baasa
Amma sabnuu of wallaalee
Waan alagaaf qofaa asaasa🥹
Orma miti firruu
Lolii jennaan didee
Ol deebi'ee ciisa
Gudii barri fide☹️
Abiisheen darabduu gobus
Fandalalaan waan gumaa yaada?
Ilmi sabaa Kaarruun cabus
Gadheen waan garaa gaada😕
Ertiraatti goota ture
Haga hidhaa Qaallittii
Waan warri Gullallee fure
Kunoo nu gube akkanatti🥸
Dhoqqeen kalee jabaatu
Kumbullii ture diinatti darbatu;
Har'a ta'ee raatuu
Qilee sabasaa nyaatu😠
Ulee fidi siifan lola
Jedhee Ulee nar'kaa fuudhee
Alagaa wajjin oola
Birriin kokkee of hudhee🤯
#Egaa....
Qe'eekoottin maseene
Arfaasaas bonas joore
Ganda meeqa aseenee
Akka waan natti mooree
Jiruunuu jiruuree!?
Hamileen godhadhaa'?
Maraatummaanuu jiruu!
Jiruu kanaa olii; ani maalan godhadha?
Harmeenis yaadattee
Lafa dura qottee soorattu
Anaafis harkishee gu'ee
Baakkuu elmitee, daakuu yoo ammaartu
Anis fira dhabee
Haamileenuu na cabu
Yaadni kichuutti na qabee
Kaayyoo irraa of'dhabuu
Kunumtuu jiruudha
Waan jiraannuuf hinbeeknu;
Booru akkas'tu ta'a
Jennee homaan akeeknu;
Firaaf ormatu; nutti ta'e ba'aa
Eenyuunuu hinkomannu!
Uummata Keenya H.G.W'f
#galoogumaakoo
Dur goota'tu marga
Dhiira Dirree jiru'tu ragaa
Amma hattuutu harqa
Loltuu miti ilmaan baqaa😒
Birraa Asheeta Nyaatu; silaa
Arfaasaa Facaasanii
Kana dhaloonni ammaa hinbeeku
Dhagaha malee yoo haasa'ani😏
Dur Caatoo gadii
Yowwana Qotiyyoo tiskuu
Amma darabduu sanyii badii'tu
Keessa foori'anii ki'kiisku😞
Dur ilmaan-keetu
Medicine'f Injiinera tamaara
Amma 12 darbuunuu hafee
Taate hambaa sigaaraa😫
Dur abdaariin Bulluq
Farda gootaa baasa
Amma sabnuu of wallaalee
Waan alagaaf qofaa asaasa🥹
Orma miti firruu
Lolii jennaan didee
Ol deebi'ee ciisa
Gudii barri fide☹️
Abiisheen darabduu gobus
Fandalalaan waan gumaa yaada?
Ilmi sabaa Kaarruun cabus
Gadheen waan garaa gaada😕
Ertiraatti goota ture
Haga hidhaa Qaallittii
Waan warri Gullallee fure
Kunoo nu gube akkanatti🥸
Dhoqqeen kalee jabaatu
Kumbullii ture diinatti darbatu;
Har'a ta'ee raatuu
Qilee sabasaa nyaatu😠
Ulee fidi siifan lola
Jedhee Ulee nar'kaa fuudhee
Alagaa wajjin oola
Birriin kokkee of hudhee🤯
#Egaa....
Qe'eekoottin maseene
Arfaasaas bonas joore
Ganda meeqa aseenee
Akka waan natti mooree
Jiruunuu jiruuree!?
Hamileen godhadhaa'?
Maraatummaanuu jiruu!
Jiruu kanaa olii; ani maalan godhadha?
Harmeenis yaadattee
Lafa dura qottee soorattu
Anaafis harkishee gu'ee
Baakkuu elmitee, daakuu yoo ammaartu
Anis fira dhabee
Haamileenuu na cabu
Yaadni kichuutti na qabee
Kaayyoo irraa of'dhabuu
Kunumtuu jiruudha
Waan jiraannuuf hinbeeknu;
Booru akkas'tu ta'a
Jennee homaan akeeknu;
Firaaf ormatu; nutti ta'e ba'aa
Eenyuunuu hinkomannu!
Uummata Keenya H.G.W'f
#galoogumaakoo