Sababa Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneef, daandiiwwan murtaa’an konkolaattotaaf ni cufamu.
***
Finfinnee, Fulbaana 21, 2019 A.L.I) Qajeelchi Ol'aanaa Poolisii Finfinnee sababa Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 23, 2019 A.L.I. magaalaa Finfinneetti kabajamuun, daandiiwwan murtaa’an konkolaattotaaf akka cufaman beeksiseera.
Fulbaana 22, 2019 A.L.I, sa’aatii 4:00 irraa eegalee hanga sagantichi xumuramutti,
◉ Magganaanyaa irraa gara Addabaabaayii Masqalaa(Addabaabaayii 22 ykn Goolaagol irraa fi jalaan)
◉ Riqa Adwaa irraa gara Gamoo Zarihuun fi gara Addabaabaayii Qidduus Uraa’eel(Daandii qaxxaamura Gamoo Zarihuunitti)
◉ Ibsaa tiraafikaa Atilaas irraa gara Addabaabaayii Qidduus Uraa’eel ( ibsaa tiraafikaa Pikookitti)
◉ Riqa Boolee Ruwaandaa irraa gara Addabaabaayii Masqalaa (Addabaabaayii Wolloo safarii, irra fi jalaan)
◉ Addabaabaayii Gaazeboo ,duuba Gamoo Dambal irraa gara Filaamingoo, akkasumas Addabaabaayii Gaazeboo irraa, karaa haaraan gara ibsaa tiraafikaa Lagahaar.
◉ Bakka qubannaa Taaboota Qidduus Qirqoos irraa gara ibsaa tiraafikaa Lagahaar (ibsaa tiraafikaa bakka qubannaa Taaboota Qiddus Qirqoositti)
◉ Daandii qaxxaamuraa Birhaan Itoophiyaa duraani irraa karaa isa haaraan gara bataskaana Qiddus Qirqoos(Daandii qaxxaamura Birhaan Itoophiyaatti)
◉ Daandii qaxxaamura gamtaa Afrikaa Qiddus Mikaa’eel irraa gara Addabaabaayii Meeksikoo(Daandii qaxxaamura gamtaa Afrikaa Qiddus Mikaa’elatti)
◉ Ibsaa tiraafikaa gamtaa Afrikaa irraa gara Addabaabaayii Meeksikoo.
◉ Addabaabaayii Mana Murtii Ol'aanaa irraa gara Addabaabaayii Meeksikoo.
◉ Warshaa Araqee Meeksikoo irraa gara Addabaabaayii Meeksikoo(Daandii qaxxaamura Warshaa Araqeetti).
◉ Daandii qaxxaamura manneen 40/60 Sangaa Taraa irraa gara ibsaa tiraafikaa Sangaa Taraa (daandii qaxxaamura manneen 40/60 tti).
◉ Ibsaa tiraafikaa Gommaa Quxxabaa irraa gara Tiyaatira Biyyaalessaa.
◉ Waajira Meetirooloojii irraa gara ibsaa tiraafikaa mana Poostaa(Meetrooloojii irratti).
◉ Sheelii Xiquur Anbessaa irraa gara ibsaa tiraafikaa Immigreeshinii (Daandii qaxxaamura Xiquur anbessaatti).
◉ Daandii qaxxaamura Goollaa Qidduus Mikaa’eel, irraa gara ibsaa tiraafikaa Immigreeshinii.
◉ Addabaabaayii Tewodroos irraa gara ibsaa tiraafikaa Immigreeshinii.
◉ Nigid matamiyaa irraa gara daandii qaxxaamura Fil-Wuhaa.
◉ Ibsaa tiraafikaa Paarlaamaa irraa gara Ministeera Dhimma Alaa.
◉ Addabaabaayii Dubartootaa irraa gara Kaasaanchiisi.
Daandiiwwaan kunneen sa’aatii 4:00 irraa eegalee akka cufamanu kan ibsee qajeelchi ol'aanaa Poolisiin finfinnee, konkoolaachiftoonni
daandiiwwan biroo akka fayyadaman hubachiiseera. Akkasumas, sa’aatii 12:00 irraa eegalee daandiiwwan armaan olitti eeraman irratti konkolaataa yeroo gabaabaaf ykn yeroo dheeraaf dhaabuun akka dhorkame beeksiseera.
Hawaasni tajaajila poolisii argachuuf ykn odeeffannoo kennuuf lakkoofsa bilbilaa, 01-11-11-01-11 fi sarara bilisaa 990 fayyadamuu akka danda’u Poolisiin beeksiseera.
*
Gabaasa:- Itti aanaa Inispeektar Daawit Irgetee
Hiikaa:- saajinii ol'aanaa Ermiyaas Zewudee ti.
*
Odeeffannoo haaraa poolisiif:
Feesbuukii:
https://www.facebook.com/Poolisii Addisaabaabaa
TikTok: