๐™ƒ๐™ž๐™ž๐™ ๐™–๐™– ๐™”๐™–๐™–๐™™๐™–๐™– โœ๏ธโœ๏ธโœ


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha


๐Ÿ’Š Arraba kee eeggadhu!
๐Ÿ’Š Fayyaa kee eeggadhu!
๐Ÿ’Š Kabaja kee eeggadhu!
==https://t.me/hiikaayaadaa

ะกะฒัะทะฐะฝะฝั‹ะต ะบะฐะฝะฐะปั‹  |  ะŸะพั…ะพะถะธะต ะบะฐะฝะฐะปั‹

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


Iccitii Humna Sammuu

Iccitii Milkaa'inaa fi Hojiilee Barbaachisoo Biroo" irraa argaman armaan gadiitti dhiyaataniiru: Kun akka ka'umsaatti yoo si tajaajile atimmoo kitaabota kanneen argachuun beekumsa kee akka itti baaballifattu abdiin qaba.

1. Humna Yaada: Yaadonni dhugaa kee boca akka qaban hubadhu. Yaada gaarii fi tooftaalee mul'isuu fayyadamuun milkaa'inaaf hojjadhu!

2. Seera Hawwataa: Yaaddonni muuxannoo walfakkaataa hawwatu. Yaada kee too'achuun bu'aa gaarii gara jireenya keetti hawwadhu.

3. Sammuu fi Dammaqiinsa: Hubannaa fi dammaqiinsa yaadaa, miiraa fi naannoo keetirratti guddisuun guddina dhuunfaa fi milkaa'inaaf barbaachisaadha.

4. Mul'achuu fi Mirkaneessuu: Yaada fi amantaa kee galma barbaadame waliin walsimsiisuuf tooftaalee mul'isuu fi mirkaneessuu fayyadami.

5. Guddina Dhuunfaa fi Of Fooyyessuu: Of ilaaluu, barachuu fi amala haaraa guddina dhuunfaaf mijatu fudhachuun guddina dhuunfaa itti fufiinsa qabuuf barbaachisaadha.

6. Humna Sammuu fi Fedhii: Fedhii ofii cimsuun kaayyoo galmaan ga'uu fi gufuulee mo'uuf gargaara.

7. Yaada Uumamaa: Daangaa baratameen ala yaaduun furmaata kalaqaa argachuuf barbaachisaadha.

8. Seera Karmaa fi Hiree: Gochoonni fi yaaddonni bu'aa gara fuula duraa irratti dhiibbaa geessisu. Hiree kee bocuu keessatti itti gaafatamummaa dhuunfaa qabaadhu.

9. Walitti Hidhamiinsa Sammuu fi Qaamaa: Haalonni sammuu fayyaa qaamaa irratti dhiibbaa geessisa. Walitti dhufeenya sammuu fi qaamaa hubachuu.

10. Guddina Hafuuraa fi Nagaa Keessaa: Miira hafuuraa fi walsimsiisaa keessaa horachuun fayyaa fi milkaa'inaaf barbaachisaadha. Barumsa kana hubachuun guddina dhuunfaa fi milkaa'ina keessatti gahee guddaa qaba.

Sammuu ofiirratti xiyyeeffachuun keessumaa nu dhaloota haaraa kanaaf barbaachisa.




#Namoonni tokko tokkoo hirriyaa fi firaa fakkaatanii sitti dhiyaatuu garuu bineensa hamaa (bofa summii) ajjeessuu qabu dha. Hiriyyoonni akkasii lafa oolmaa keenyatti yeroo hedduu nu muudata. Harka hin mullanne/waaqayyoo isaa nu qabee na geggeessa jiru sanaaf galata! malee moo na hin arganne.!
Firaa fakkaatanii kan namatti dhiyaatanii hedduun isaanii firas, hiriyyaas miti!. Bofa sitti marmee si hiddu barbaadu dha.
Waaqayyoo jiraaf jirra malee kan nu balleessu barbaadu dhibee jennaan miti. Waaqayyoo tu itti nu laannef jirra malee yaalii hedduutu nurratti aggaamame.
#Hiriyyaa akka bineensa!.
#Hiriyyaa hamaa warra kaartaa laman taphatu!. Kan bifti isaanii nama kan garaan seexanaa!. Double identity kan qabanii dha. Eenyummaa bineensa of keessa qabu!.
#Hiriyyoota akkasii irraa Waaqayyoo isin haa eegu!


"Garraamummaan umurii dheeraa jiraachuuf nama gargaaraa"

~Utubaa kaayyoo kee Gaarummaa
~Ariifachiisaa kaayyoo kee Ijaa Gaarummaa
~Milkaa'inni Kaayyoo Kee Hojii Gaarummaa
~ Deemsi Kaayyoo kee Cedhedhaa Gaarummaa
~ Annisaa Hojii kee Namummaa
~ Humni Kaayyoo kee Deemsa Gaarummaa
~ Gammachuu kee Amala Gaarummaa

_Balbalii Kaayyoo kee
_Deemsaa Kaayyoo kee
_Amali Kaayyoo kee
_Jaalali Kaayyoo kee
โ–  Hundee Gaarummaa qabadhu

Nama sababa malee waan gaarii namaa godhu, akka gowwaa, laafaafi garraamii wayiitti yeroon itti ilaalamu baayyee jira. Tahus gaarummaan hariiroo namootaa waliin qabnuuf dhimma murteessaa dha.

โ€˜โ€™Gochaan gaarummaa kuni niiwurootiraansmiitaroota sammuu keenyaa- keemikaalota miira keenya toโ€™atan dammaqsa.

"Nama jabaa ta'uun garraamii ta'uu dabalata"

"Garraamummaa fi gara laafummaan haa badan dadhabina miti,"

"Waan ajaa'ibaati, sababni isaa garraamummaan wan dhumu miti, namatti baay'atees nama hin miidhu, sammuu keeti Gammachuu qaba.


#Dabaaqula/Buqqee (Pumpkin)๐Ÿ‘‡
===================
Bakka tokko tokkootti buqqeen waan akka soorata namoota harka-qalleeyyii ta'eetti yaadama. Ilaalchi akka kanaa hedduu keeny bira ture. Anis dubbaan soorata maatii harka qalleeyyii fi waan rakkunnumaaf qofa nyaatamu jedhee yaada ture. Kun ilaalchuma hawaasa keenya irraa dhaalle malee dhugaa miti.

Buqqee tuffii irraa kan ka'e oyiruu keessaa aramnee ganna ture. Yoo biqilee nyaataaf qaqqabes horii nyaachisuu ykn tortoree gatuu malee akka soorata barbaachisaatti hin ilaallu ture.

Garuu Buqqeen qabiyyee ajaa'ibaa soorataaf barbaadamoo ta'an hedduu of keesaa akka qabu qorannoo saayinsawaan mirkanaa'e jira.Buqqeen midhaan waan hundi isaa-(foon, ija, baala) nyaatamu waan ta'eef; qabiyyee nyaata madaalawaa hedduun badhadhee jira.

Hubannoo dhabuu irraa hanga inni gahu bakki hin kennamneef ture. Namoonni akkuma qabiyyee isaa baraa dhufaniin garuu tarree nyaata filataamaa keessaa tokko godhatanii fudhachuun bifa gara garaatiin hojjetanii nyaatu. Biyyoota guddatan keessatti buqqeen nyaataaf ooluun beekamaadha.

Buqqeen nyaataaf qofa usuu hin taane qabiyyee qorichaa kan ajaa'ibaa akka qabus ogeeyyiin qorannoo godhanii mirkaneessanii jiru.

Iji buqqee madda vitaaminootaa, mineraalotaafi 'qibaatii' [coomaa] barbaachisoo ta'aniiti, keessumaa ammoo biyyoota guddachaa jiraniif jedhu ogeeyyiin dhimma kanarratti qoratan. Buqqeen hanga faayidaa hedduu qabu beekamuu baatus garuu qorannoon bal'aan irratti hojjetameera.

Qorannoon gaggeeffaman akka agarsiisanitti qabiyyeen buqqee danuudha. Buqqeen kaansarii gosa gara garaa ittisuu kan danda'u antioxidants'tiin badhaadhaadha. Niwutireentota hedduun badhaadha, kaalorii xiqqaa qaba.

Qaama namaa keessatti sirna dhukkuba ofirraa ittisuu qaama namaa kanneen cimsan akka Vitaamin A, C, E, akkasumas ayireeniin badhaadhaadha.

Daa'imman hir'ina vitaaminaa qabanii fi daa'imman reefuu dhalataaniif daakuu bishingaa ijoolleef qophaa'etti makuun yoo kenname bu'aa guddaa qaba.

Buqqeen foon isaa, ija isaa, akkasuma baala isaatu nyaatama. Kan hinnyaatamne daraaraa isaa qofaadha.

Dhaabbanni UN-FAO, buqqeen midhaan egeree addunyaaf abdii ta'udha jedhanii amanu.

Faayidaa buqqeen gama fayyaa namaaf kennuu....

โ–ชFayyaa onnee keenyaatiif
โ–ชFayyaa ija keenyaatiif
โ–ช Raammoo garaa keessaa qulqulleessuuf
โ–ช Dhukkubbii buusaa(dhukaa)tiif
โ–ชCirracha kalee akka hin uumamne taasisuuf
โ–ช Daa'imman halkan siree keessatti fincaa'aniif ni gargaara.
โ–ชMoluu yeroo malee dhufu ni hir'isa.
โ–ช Dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaama keenyaa ni dabala.
โ–ชKeemikaalota qaama keessatti summii ta'an dhabamsiisuuf
โ–ช Fayyaa gogaa keenyaaf

Zayita sanyii Dabaaqulaa/Buqqee fi Faayidaa isaa:-

Zayitiin sanyii buqqee irraa qophaayuโ–ฐ Fayyaa ijaa keenyaaf, harcaatii rifeensa mataa dhoorguu fi rifeensa haphate bakkatti deebisuuf gargaara. Gara biraan ammoo, Cirraacha kalee balleesssuf, sanyii hormaataa dabaluu fi humna dhiiraa cimsuuf bu'aa qaba.

Dabalataan Dhiibbaa dhiigaa fi itita dhigaa balleessuuf ujummoo dhiigaa sochoosuu ni dabala. Kaansarii harmaa hir'isuuf, Hirriba gaarii akka rafnuuf kan gargaaru maagniziyeemiin baayโ€™inaan of keessa qaba.




Touch your life and See What you know


Touch Your Vision ..!
Touch Your Goal..!
Touch Your walk..!
Touch Your experiment..!
Touch your dreams..!
Touch your thinking..!


KAAYYOOF
JIREENYAAF

๐Ÿ“ขJOIN๐Ÿ”—SHARE

โ•”โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•
๐Ÿ“šJOIN: @hiikaayaadaa
๐Ÿ“šJOIN: @hiikaayaadaa
๐Ÿ“šJOIN: @hiikaayaadaa
โ•šโ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•


Kaayyoof fuuldura kee ilaala deemii waan darbeef Yaada kee keessa hin deebisini sii guufachisuu danda'a!!

@Touchvision
โˆš Hiikaa Yaadaa
โˆš Hiikaa Yaadaa


#Sammuu kee Leenjisi!(#Train your mind)๐Ÿ‘‡
---------
Leenjiin ilma namaatiif waan murteessaadha. Namni waan hin beekne beekuuf yaaluu qaba. Ilmi namaa yoo shaakaluu barachuu dhiise malee wanti inni hin dandeenye hin jiru. Kun kan agarsiisu, ilma namaa keessa dandeettiin addaa jiraachuu agarsiisa.

Fakkeenya salphaa yoo fudhanne, namni kamiiyyuu yoo hin yaalin ykn yoo shaakalin barreessuu tasuma hin danda'u, konkolaataa oofuu hin danda'u, afaan dubbachuu hin danda'u, shaakala sport adda addaa gochuu hin danda'u...ilmi namaa bu'aa waan leenji'eeti jechuudha.

Sammuu leenjisuun waan hunda leenjisuudha! Waaqayyo sammuun keenyaan, hafuuraan akka geggeeffamu godhee ilma namaa uumeera. Kun uumama hundarraa adda nu taasisa. Sammuun waan nuuti leenjisne kamiiyyuu leenji'uuf qophiidha. Waan gaarii, milkii, na danda'a yoo leenjisne waan gaarii bu'aa qabu hojjetee nutti agarsiisa, sodaa, shakkii, dadhabina, hin danda'u yoo deddeebinee itti himne, isuma shaakala bu'aa isas ni argina.

โžฃKutaa qaama keenyaa kan biras akkuma leenjifnu, waan dansaa yaadutti sammuu haa leenjifnuu.

Addunyaan kun garuu, warra sammuun naaffatanii fi warra sammuun hir'uun malee warra qaama miidhamaniin tasumaa hin baddus, hin babaddus.

Silaa naaffachuun qaamaa milkaa'ina namaatti daangaa osoo godhee Pireezendatiin Ameerikaa 32ffaan, Roosevelt wheelchariirra taa'ee hoogganaa hin ta'u ture.

Helen Keler isheen ija ittiin libsattu hin qabne akkasumas duudaa taate, barreessituu fi nama siyaasaa cimtuu ifa biiftuu jalaa hin taatu ture.

Rakkoon naafummaa sammuu caale hin jiru. Gidiraan sammuun gabroomuu caale hin jiru, hin jiraatus. Rakkoo kana jalaa bahuuf immoo sammuu keenya leenjisu qabna. Sammuun leenji'e burjaajjii irraa nu bilisoomsee yaada keessoo keenyaa akka jiraannuu fi hiika dhalachuu keenyaa akka jiraannu nu taasisa!. Fayyaa fi nagaa qabaadha."


@Hiikaayaadaa






โ– Ayyaannii .... Yaadannoo Du'aa Ka'uu Gooftaa keenya Yesuus !!

โ– Ayyaannii.... Guyyaa Fayyisaa Biyyaa Lafaa Arfii Du'aa cabsee Ka'ee dha

โ– Ayyaannii..... Guyyaa Yesuus Kiristoosii Giddila Jiidhaa Baatee

โ–  Ayyaanni Faasikaa Ayyaana Seenaa qabeessa

โ–  Ayyaanni Faasikaa Ayyaana Yaadannoo Qabeessa


Fakkeenyummaa fi Fakkeessummaa.
******** Fakkeenyummaan dhalootaafi, fakkeessummaan immoo dhalootarratti. Hiixanni gati jabeessi ijoolleen maatii isaanii irraa, barataan barsiisaa, sabni gaggeessaa isaa irraa barbaadu ta'anii argamuu fi gochaan agarsiisuu kan ta'e fakkeenyummaa dha.

Fakkeessummaan immoo, eeyyama sammuun alaa gochaa egeree dhalootaa faaludha. Fakkeenyummaa keessa dhugaatu jira; iddoo dhugaan jirutti immoo barbaachisummaa sobaa osoo hin taane, salphina isaatu lallabama. Garuu gaafa garaaf gaara bahan fakkeessummaatu goobee argama. Bakka kanatti sobni lallabamee dhugaan hacuucama, kan fakkeessu miindeffamee namni fakkeenyaa immoo kiyyeeffama.

Kun tulluu volkaanoo dhohinsa fakkeessuun ijaarame irratti. Ta'us jiga hin turu, yoo gubatus dafee daaraa ta'a. Osoo fakkeessanii gochaa fakkeenyaa akka waan hojjataniitti of ilaaluu fi akkas fakkaatanii argamuun mataan isaa iyyuu fakkeessuudha. Fakkeessummaa fi fakkeenyummaan sagalee fi birsagaan wal fakkaatanillee hiikkaan isaanii xiyya kallattii garagaraati.

Eeyyen walii adda!

Fakkeenyummaan galaa dhalootaati, fakkeessummaan immoo summii dhugaa fi farra dhalootaati.

Fakkeessaa jiraannee bu'aa jireenya keenyaa zeeroon baay'isuurra, nama fakkeenya dhalootaaf ta'u taanee du'uun bu'aadha. Maarree, fakkeessummaa balaaleffannee of taanee dhugaa waliin haa jiraannu. Yoo kun ta'e, dhugaan ol ka'ee sobni gad kufa.




Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraan Baga Guyyaa Yaadannoo Du'aa Ka'uu Gooftaa Yesuus Kiristoosiin Isin Gahee Jechaa, Ayyaanichi Kan Nagaa, Jaalalaa fi Gammachuu Akka Isiniif Ta'u Hawwa!!

Ayyaana Gaarii

@Hiikaayaadaa
@Hiikaayaadaa
@Hiikaayaadaa


1๏ธโƒฃ ๐—ก๐˜‚๐˜‚๐—ณ jedhe๐—ฒ kabalame
2๏ธโƒฃ ๐—ก๐˜‚๐˜‚๐—ณ jedhe๐—ฒ hancufni itti tufame
3๏ธโƒฃ ๐—ก๐˜‚๐˜‚๐—ณ jedhe๐—ฒ qoreen itti gonfame
4๏ธโƒฃ ๐—ก๐˜‚๐˜‚๐—ณ jedhe๐—ฒ baay'ee garafame
5๏ธโƒฃ ๐—ก๐˜‚๐˜‚๐—ณ jedhe๐—ฒ lafarra harkifame
6๏ธโƒฃ ๐—ก๐˜‚๐˜‚๐—ณ jedhe๐—ฒ hadhooftuu ni dhuge
7๏ธโƒฃ ๐—ก๐˜‚๐˜‚๐—ณ jedhe๐—ฒ arrabsame
8๏ธโƒฃ ๐—ก๐˜‚๐˜‚๐—ณ jedhe๐—ฒ cinaach๐—ฎ waraaname
9๏ธโƒฃ ๐—ก๐˜‚๐˜‚๐—ณ jedhe๐—ฒ mataan isaa dhahame
๐Ÿ”Ÿ ๐—ก๐˜‚๐˜‚๐—ณ jedhe๐—ฒ darbbatame kufe
1๏ธโƒฃ ๐—ก๐˜‚๐˜‚๐—ณ jedhe๐—ฒ fannifame
2๏ธโƒฃ ๐—ก๐˜‚๐˜‚๐—ณ jedhe๐—ฒ ni du'e
3๏ธโƒฃ ๐—ก๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—ƒ๐–พ๐–ฝ๐—๐–พ๐—ฒ ni awwaallame
4๏ธโƒฃ ๐—ก๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐–ฉ๐–พ๐–ฝ๐—๐–พ๐—ฒ du'as mo'ee ni ka'e

๐— aal ๐—ทaalallisaa ๐—ตundarraayyuu adda, warri hin hubanne akkam ๐—ตubataniif ammuma ๐˜€hare godh๐–บ ๐—ฎdaraa ๐—ถmaanaadhaa.


Akka Namatti otoo hin taanee Akka Waaqnii sii jiraachiseeti jiraadhu waaqayyoo waan godhuu qaba.

Akka maqaaaf
Akka dubbiif
Akka Yaadaaf
Akka Sochiif
Akka Hojiif
Kan beekuu sii miti Namatu sini beekaa malee


Miirota Sadan kanarraa of Eeggadhu!
==============================
1. Gaafa ol kaatee fiixee milkaa'innaatti ol baate, boona qalbii irraa of eeggadhu,boonni namoota sadarkaa milkii keetirra hin gahin akka ija tuffiitiin ilaaltu si taasisa sun immoo sis namoota sanas ni cabsa.

2. Yeroo bakka gad-aanaarra jirtu hadheeffattee alaanaluu irraa of eeggadhu. Waa hadheessanii, dukkaneessanii ilaaluun, akka miirri inaaffaa si seenuufi sababiin milkaa'ina dhabuu keetii akka nama biroo ta'etti akka yaaddu si taasisa. Kun ammoo humna kee buusa.

3.Yeroo jireenya kee keessatti gadi bu'uuf kufaatiin si muudate abdii kutachuu irraa of eeggadhu. Abdii kutachuun akka wanti hundi asumarratti dhaabbatee,Kun hiree jiruu kiyyaati jettee akka yaaddu si taasisa. Gonkumaa abdii hin kutin.

~ Neelsan Maandeellaa~Advice


Gammachuu kee Nama Jaallattutti Himuun Gammachuu Biraa siif Dabala. ๐ŸŒน

20 ta oxirgi post koโ€˜rsatilgan.