Deebi'ee Dhufuu Yesus Kiristos
Baruumsa deebi’ee dhufuu Yesuus Kristoos fi taateewwan bara dhumaa kanatti fufnee kan ilaallu ta'a!
👐 Nagaan Waaqayyoo bakka jirtanitti hunduma keessaniif haa ta'u! Yeroo hundumaa fuula Waaqayyoo dura jiraachuu keenya, warra mootummaa isaa labsanii fi achi keessaa qooda qaban akka taanu Waaqayyo in barbaada. "Dhumni waan hundumaa dhi'aateera; egaa warra of qaban, kadhata gochuufis warra eeggatan ta'aa!"
— 1Phe. 4:7
Namoonni baay’een waa’ee dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoos gaafa dubbatamu, sodaa guddaatu isaan qabata. Sababni isaas akka hattuutti dhufa waan jedhameef isaanitti murteessuu fi isaan balleessuuf kan dhufu waan isaanitti fakkaateefi dha. "Dhufaatiin gooftaa Yesus nuuf gadda utuu hin ta’in gammachuu guddaadha, sababni isaas badhaasa malee badiisa fuudhee nuuf hin dhufu." (Mul 22:12) "Ati yeroo hundumaa qophaa’i, dammaqii eeggadhu!" (Mat. 25:1-13) "Yesuus akka hattuutti nuuf dhufa malee nutti hin dhufu." (1Tas 5:4-5) "Yesuus akka hattuutti kan dhufuuf amantoota biyya lafaa jalaa hatuuf." "Gooftichi ibidda boba’aa wajjin biyya lafaatti, jechuunis warra ifa wangeelaa mormanitti balleessuuf yeroo dhufu, nuuf immoo dhufuudhaan rakkinaa fi dhiphina keessaa nu baasa." (2Tas. 1:6-12) "Guyyaa sana inni nu gidduutti nutis isa biratti ulfina ni arganna." (2Tas. 1:12) "Yesuus gara biyya waaqa keessatti isa nuuf qopheessetti nu fudhachuuf dhufa jechuudha malee, nu balleessuuf dhufa jechuu miti." (Yoh. 14:2-3, Fil 3:20-21, Ibr 13:14.) Kanaafuu dhufaatiin gooftaa Yesuus Kiristoos nuuf gammachuudha malee wanta nu sodaachisu miti.
@Maaranaataa_Yesuus ➕