Dubbisi Si Faayyada 😍🤦♂️‼️
✉️ Bara jiraattu keessatti araaraaf garaa bal’achuu hunda caalaa si fayyada!
@miira_jaalalaa ❤️
➖➖➖➖➖➖➖➖➖
@Gaaela_Gaarii ✅
@Marriage_Counseling
✉️✍️ @Gaaelabot
💔 Abbaa manaa fi haadha manaa wal mufatanii waliin hin dubbatan turan. Eenyu dura akka haasa'u lamaanuu wal eegu... Guyyaa tokko abbaan manaa ganama walgahii qaba waan tureef sa'aatii kudha tokkoon (11:00) akka isheen kaaftuun barbaadee garuu dursee ofii itti haasa'uu waan hin barbaannef waraqaa irratti "bilbilli koo cufaa dha bor walgahiin qaba waan ta'eef sa'aatii kudha tokkoon (11:00) na dammaksi!" jedhee barreesse siree bira kallattii isheen raftuun ka'eefii rafe.
Abbaan manaa ganama yeroo hirriibaa ka'u sa'aatiin afur (4:00) ta’eera!🙈
Innis baay'ee aaree osoo jiruu garuu, siree isaa bira barreeffama "Sa'aatii kudha tokko ta'eera ka'i!" jedhutu jira ture.🤦♂️
Innis utuu dursa ittii dubbadheera ta’ee jedhee gaabbee osoo hin turin bilbila haadha warraa isaa irratti hiriyaa isaa kan waajjira tokko keessa hojjetan bilbilee «Tolaa jedhama hiriyaa abbaa manaa keedha bilbilli abbaa manaa kee cufaa dha maaf walgahii har’a abbaan manaa kee hafee? Xumura walgahii kanaa irratti durgoo fi carraa torbee tokkoof maatii waliin Biyya England deemanii bashannanuu akka qabu amma nutti himani, carraan kun sii fi abbaa manaa kee darbuu hin qabu ture» ittiin jedheen. Isheenis osoon dursa itti dubbadheera ta’ee carraan kun nu hin darbu ture jettee gaabbite.😒
✉️ Bara jiraattu keessatti araaraaf garaa bal’achuu hunda caalaa si fayyada!
@miira_jaalalaa ❤️
➖➖➖➖➖➖➖➖➖
@Gaaela_Gaarii ✅
@Marriage_Counseling
✉️✍️ @Gaaelabot