Dhugaan maal?
Namoonni baay'een waa'ee dhugaa ni dubbatu.Falaasfonni baay'eenis dhugaafi jireenya wal bira qabanii dubbataniiru.Lafa kana irra hangan jirutti dhugaadhan ala kan biroo baay'ee hin fedhu kan jedhu Maatama Gaandiin waa'ee dhugaa yeroo dubbatu namoota baay'ee irra keessa gadi fageenyaan dubbachuudhaan beekama. Dhugaa argachuu jechuun of argachuu jechuudha jedha Gaandiin.
Itti dabalees jecha bareeda kana illee ni qaba."Sagaleen namummaa keessa koo jiru guyyuu guyyuudhaan waa'ee kana natti dubbata; lafa kana irra qofaa kee illee yoo hafte warreen cubbuu sitti hojjatan waliin walii hin galin!Addunyaan tuni ija yoo sirraa libsatte illee ati garuu seeqa kee arjoomiif; hin sodaatin! Sagalee dhugaa onnee keetii qofatti amani. Sagalichi ammoo akkana jedha...'hiriyyaan kee,maatiin kee ...hundinuu yoo si dhiisaniyyuu kan jiraattuuf, kan du'uufiif of qopheessite dhugaa qofaaf ragaa ba'i.Hiikaan jiraachuus isa kana!" jedha Mahaandas Karaamachand Gaandiin.
Isin hoo dhugaa akkamitti ibsitu laata?