SODAA DU'AA
Waxabajjii 12, 2012 akka lakkoofsa Awuroppaatti Therapist Paul Thagard barruu isaa sodaa du'aatiin 'The Psychology today' irratti "Because minds are brains, death should not be scary." jechuudhaan eegala. Kallattiidhaan hiikuun cimu illee akka waliigalaatti duuti nu hin sodaachisu jechuu isaati.
Addunyaa kana irra namoonni sodaa du'aa (Death Phobia, thanatophobia) waliin jiraatan lakkoofsi isaanii baay'eedha.Inumaa namoonni tokko tokko sodaa kana irraan kan ka'e geejjiba lagachuu, iddoowwaan xiqqoodhuma 'risk' qabu irraa illee fagaachuudhaan deemsa milkaa'ina isaanii irratti ofumaaf gufuu ofitti ta'u.
Waggoota kuma lamaan dura filoosoferri Giriikii Epicurus jedhamu yaada akkana jedhu ummata barsiisaa ture, "Duuti nu hin ilaallatu;hanga jiraannutti duuti nu bira hin jirtu! Garuu ammoo yoo dhufe, nuti hin jiraannu" jedha. Karaa birootiin du'a hin agarru jechuudha.
Hayyoonni baay'een ammoo ilmi namaa kan sodaatu du'a utuu hin taane, wantoota du'a booda jiru jechuudhaan yaada isaanii kaa'u.Akka fakkeenyaatti mootiin Faransaay Napoleon Bonaparte akkana jedhee ture "Namoonni baay'een du'a utuu hin taane, jireenya du'a boodaa sodaatu; anis kanaafani uummati koo utuu luba qabaachuu dhabee luba biroon uumaaf ture kanan jedhuuf" jedhe.
Hundaafuu, duuti nu sodaachisuu hin qabu. Jireenya keenya keessatti waa'ee du'aa yaadaa jiraachunuu du'adha.Gaarii dalagi, gaaf sana du'a dagattaa!
Kun falaasama waan ta'eef itti waliigaluuf hin dhama'inaa